Lolli Tigraayitti adeemu 'haala kamiinuu waraana waliinii hin jedhamu'- Zaadig Abrahaa

Zaadig Abrahaa

Madda suuraa, ADDIS FORTUNE

Naannoo Tigraay keessatti ''olaantummaa seeraa kabachiisuuf oppireeshiniin gaggeeffamaa jiru haala kamiinuu waraana waliinii 'civil war' miti,'' jedhe Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa.

Lolli mootummaa Federaalaa fi humnoota dhaaba naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduutti torban lamaan kana eegaleen, qaaamolee wal dhaban lamaaniifi dhaabbilee idil-addunyaan akki itti ibsamaa jiru gargari.

Dhaabbileen idil addunyaa gariin waraana waliinii yookaan waraansa waliinii (civil war) yoo jedhaniin, qaamni naannoo Tigraay bulchu TPLF ammoo ''waraana humnaan nu jilbeeffachiisuuf godhamudha,'' jedha.

Maalummaa lola adeemaa jiruufi waan lola adeemaa jiru kanaan walqabatan irratti Ministira Dhimmoota Dimookrasii mootummaa Itoophiyaa kan ta'an obbo Zaadiig Abrahaa, sagantaa BBC Focus on Africa irratti keessummaa ta'uun gaaffilee dhiyaateef deebii kennaniiru.

Jalqaba kan gaafataman waraanni Naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru waraana waliinii akkamiti akka hin jedhamne akka ibsaniifi naannoo kaanitti hin ce'uu? kan jedhu ture.

Obbo Zaadiig: Lolli kun gara waraana biyyoota naannichaa hirmaachisuutti ni ce'a amantaa jedhu hin qabnu. Ammoo kun waraana waliinii (civil war) miti.

Waraanni waliinii waraana yoo xiqqaate uummata lama gidduutti gaggeeffamuudha. Kuni akkana miti. Wanti ta'aa jiru maalinni mootummaan Federalaa humna 'juntaa' heera biyyaa cabserratti olaantummaa seeraa kabachiisuudha. Kanaafuu kun haala kamiinuu waraana waliiniiti hin jedhamu.

Naannolee humna 'juntaa' kana jalaa bilisa bahan keessatti uummatichi laphee guutuun heddummatee gammachuun bahaa jira. Kanaafuu kun haala kamiinu waraana waliinii miti.

BBC: Yeroo isin waraana waliinii miti jettan kanatti lammiileen keessan 20,000 ol ta'an Sudaanitti baqataniiru. Haleellaawwan haaloo bahuu raawwatamuun dhagahamaa jira. Lola uummatni naannoo tokkoo mootummaa federaalaa lolaa jiru kun hiika waraana waliiniiti jedhu qaba jedhu namootni.

Obbo Zaadiig: Uummatni Tigraay nu waraanaa hin jiru. Uummatni Tigraay cunqursaa humna abbaa irree TPLF jala jiru. Kanaafin waraana waliinii miti jedha.

Lola kanaan lammiileen Sudaanitti baqachuuf dirqamuun nama gaddisiisa. Kun garuu tooftaa ta'e jedhee TPLF addunyaan lola kanaaf xiyyeeffannaa akka kennuu itti fayyadameedha. Kanaan achi isaan lammiilee keenya waan ta'aniif mootummaan qaamolee isaan ilaallatu waliin namoota kana qe'ee isaaniitti deebisuuf ni hojjenna.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

BBC: Warri TPLF daangaa ce'uun sababni Eertiraa haleelaniif mootummaan Eertiraa lola kan keessatti kallattiin hirmaachaa jirti jechuuni himatu. Loltootni keessaniis naannoo daangaa Eertiraafi Tigraayitti mul'ataniiru jedhu. Isin haaltaniis naannoo daangaatti humni keessaniifi kan Eertiraa waliin ta'uun TPLF waraanaa jiru jedhu.

Obbo Zaadiig: Mootummaan Itoophiyaa mootummota Afrikaa akkaan jaboo keessaa isa tokko. Humni waraanaa mootummaa kanaa dandeettii dhimma biyya ofiirra darbu qaba. Humna nagaa eegsisu Ruwaandaa, Sudaanifi biyyoota Afrikaa hedduu keessaa qaba.

Olaantummaan seeraa Tigraay keessatti akka kabajamu gochuuf humna gahaa qabna. Kanaaf gargaarsa biyya alaa kamuu hin barbaannu. Kun dandeettii humna waraanaa keenyaaf arrabsoodha.

BBC: MM Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii nagaa fudhataniiru, garuu kunoo saboonni Itoophiyaa keessa jiran wal hadhaa jiru. Isa guddaa kanaan duras bakka baayyeetti walitti bu'iinsi ture. Sana duras Oromiyaa keessatti namootni 50 ta'an ajjeefamuu dhageenyeera.

Kun isin hin yaaddessuu? Haleellaan haaloo bahuu fi kaaniinis lolli kana caalu dhalata jettanii hin yaadoftanii, walitti bu'iinsa sabaa kana caalu, tarkaanfii haaloo bahuu fa'aa?

Obbo Zaadiig: Badhaasni Noobeelii Nagaa MM Abiy kan isaaniif maluudha. Lola waggoota 20 olii Eertiraafi Itoophiyaa gidduu ture araaraan xumuraniiru. Hojiidhuma isaa sana jabeessee itti fufaa jira. Waadaa yeroo badhaasicha fudhatu gale eegaa jira.

Angoo qabachuu isaan dura Itoophiyaa keessa lola jabaatu ture. Inni ammoo waadaan gale Itoophiyaa biyya nagaa qabdu gochuudha. Amma asittis achittis rakkoon xixiqqoon jiru isaan furaa deemna.

Hidhataa baadiyyaa naannoo magaalaa Gondar

Madda suuraa, AFP

BBC: Kuni rakkoo xiqqaa mitiim. Maaliif rakkoo kana araaraan furuu hin feene?

Obbo Zaadiig: Gaaffii dura nagaafatte deebiseen itti dhufa. Lolli naannoo Tigraayitti adeemuu akkuma atuu jette lola naannoo kaanii xiqqoo ni caala. Sababni isaa TPLF qaama biyya kana bulchaa ture waan ta'eef, amma amala Dimookraasummaa dhabuu isaatiin kan gaggeeffamedha.

Aangoo qooduuf fedha hin qabaanne. Aangoorra turuun isaa hiree kenneefiira. Oppireeshiniin olaantummaa seeraa kabachiisuu MM Abiy Naannoo Tigraayitti gaggeessaa jiru qaama waadaa badhaasa isaa Noobeeliiti.

BBC: Nagaa barbaadamu mirkaneessuuf inni (Abiy) akka aanga'ootni Afrikaa gaafataa jiran akka AU, UN gaafatan taa'ee ni mariyataa?

Obbo Zaadiig: Abiy nama nagaati. Mootummaan isaas mariitti ni amana. Aadaa kana biyyoota Afrikaa biroottis ceesisuuf hojjeta.

Haa ta'uutii qaamni 'juntaa' TPLF keessa jiru adda Rayyaa Ittisa Biyyaa keenya haleelan. Meeshaalee waraanaa keenya hatan. Buufataalee waraanaa keenya boombiin barbadeessan. Mootummaan qaama shororkeessaa akkasii waliin taa'ee mariyatu jiraa?