Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Poolisiin Federaalaa miseensota waraanaa 76 irratti ajaja hidhaa baase

Hidhattoota mootummaa federaalaaf amanamoo ta'an kanneen TPLF'f amanamoo ta'an loluuf yoo qajeelan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoota mootummaa federaalaaf amanamoo ta'an kanneen TPLF'f amanamoo ta'an loluuf yoo qajeelan

Lola Tigraayitti itti fufe kanatti Mootummaan Federaalaa hoogganoota waraanaa 76 kan TPLF waliin hariiroo qabu jedhe irratti ajaja hidhaa baase.

Naannoo Tigraay keessatti humnootni TPLF humnoota mootummaa Federaalaa waliin ammallee lolatti jiru.

Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad loltootni isaanii magaala Maqalee to'achuuf qajeeluu isaanii ibsanii jiru.

Waraana erga eegalee torbeen lama darbe kanaan dhibbaan kan lakkaawaman yoo du'an, kumoota hedduu kan ta'an ammoo naannicha gadhiisanii baqachuuf dirqamaniiru.

Malootni qunnamtii (kominikeeshinii) hedduun adda citanii waan jiraniif haala naannoo Tigraay keessa jiru odeeffachuun rakkisaa ta'eera.

Torban darbe keessa Paarlaamaan Itoophiyaa mirga himatamuu dhabuu miseensota TPLF mulquu isaa hordofee, Abbaan Alangaa waliigalaa Federaalaa miseensota dhaabichaa gameeyyii dabalatee namoota 64 irratti ajaja hidhaa baasee ture.

Itti dabaluunis, hooggantoota Olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaafi Poolisii Federaalaa haleellaa Izii Kaabaa keessatti miseensota Raayyaa Ittisa biyyaarratti raawwatame keessaa qooda qabu jedhe 32 irrattis Poolisiin Federalaa ajaja hidhaa baasee ture.

Lolli mootummaa Federaalaafi humnoota naannoo Tigraay bulchan gidduutti torban lama dura eegaluu isaan dura muddamni guddaan mootummaa federaalaafi mootummaa naannoo Tigraay gidduu ture.

Waldhibdee jiru kana furuufis jaarsummaan adda addaa qaamolee garaagaraan yaalameera.

Muddamni kun filannoon biyyaalessaa sababa Koronaavaayirasiin akka darbu yeroo murtaa'u mootummaan naannoo Tigraay murtee kana diduun ofiin filannoo gaggeeffachuun muddama ture ittuu hammeeseera.

Filannoo saniin boodas mootummaan federaalaa filannicha fudhatama dhabsiisee, achiis hariiroo mootummaa naannichaa waliin qabu adda kuteera.

Sana dura garuu mootummaan naannoo Tigraay mootummaan federaalaa filannoo malee aangoo waan dheereffateef fudhatama hin qabu jedhee ture.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Wanti haaraan maali?

Roobii kaleessaa Komishiniin Poolisii Federaalaa hooggantoota waraanaa sooroma bahan dabalatee 76 ta'an TPLF waliin shira xaxaniiru, yakka biyya ganuus raawwataniiru jechuun ajaja hidhaa irratti baaseera.

Pirees Sekreetariin Waajira Ministira Muummee Billanee Siyyuum yaada BBC'f kenniteen, dhalattootni Tigraay kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti argaman sababa sabummaa isaaniif hidhamaa jiru komii jedhuun dhugaa mitii jetteetti.

Hedduun garuu ''miseensa netwoorkii warra yakkitootaa ta'an'' jechuun ibsitee hidhamuu amanteetti.

Torban lama dura Raayyaa Ittisa Biyyaa Izii Kaabaarratti haleellaan raawwachuu hordofee erga lolli dhalatee as isa kaleessaa dabalatee miseensota dhaaba TPLF, Poolisii fi waraanaa keessaa walumatti namoota yoo xiqqaate 172 ta'an irratti ajjajni hidhaa baheera.

Oduun alanaa kun kan dhagaahame humnootni mootummaa federalaa magaalota akka shiree fi magaalota naannawa Raayyaa to'annoo humnoota naannichaa jalaa baasuun erga himameeti.

Humnoonnii naannichaa waraana kana dhaabanii harka akka kennan turtiin guyyoota sadii MM Abiyyiin kennamee tures xumuramuu himuun, ''duula isa xumuraa'' akka gaggeessan Kibxata darbe muummichi ibsaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Lola Tigraay: Battala Maqaleetti haleellaan xiyyaaraa qaqqabe

Shireetti kan dhalatan pireezidantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'eel naannolee gara Kibbaa fi Lixaa jiran harka mootummaa federaalaa galuu amananiiru. Ta'uus injifannoon mootummaa federaalaa kun ''kan yerooti ni mo'annaan'' jechuun dubbatan.

Sudaan sababa lola kanaan lammiileen Itoophiyaa 36,000 ol karaa daangaa Tigraay itti baqachuu ibsiteetti.

Mootummootni Gamtoomaniis rakkoon namoomaa guddaan naannoo kanatti dhalachuu hin oolu jechuun akeekkachiisaa jira.

Tigraay keessatti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf hulaan ittiin deeman dhibuus dhaabbileen gargaarsaa komachaa jiru.

Mootummootni naannichaa akka Yugaandaa, Keeniyaafi Somaaliyaa lola kanaaf furmaatni mariin akka soqamu qaamolee dhiyeenyatti yaada dhiyeessan keessaati.