Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Namoonni Maayikaadraatti ajjeefaman 600 ol jedhe Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa

Haleellaa lammiilee nagaa magaalaa Maayikaadraa irratti raawwatameen namoonni 600 caalan ajjeefamuu qorannoo kiyya duraatiin adda baaseera jedhe Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa.
Haleellaan erga lammiileerratti raawwateen booda komishinichi magaalaa Maayikaadraa fi iddoowwan naannawa magaalattii jiran keessatti sakatta'iinsa gaggeessuun waan irra ga'ee bu'aa qorannoo duraa 'Preliminary report' baaseera.
Qaamni naannoo Tigraay bulchu gabaasa kanarratti ammatti waa jechuudhaa baatus, wayita oduun kun dhagahametti hogganaa itti aanaan Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Tigraay Obbo Hadduush Kaasuu BBC'f yaada kennanniin, wanta raawwatame jedhame haalaniiru.
"Humni nageenyaa Tigraay saba adda qoodee tasumaa haleellaa hin raawwatu," jedhu Obbo Hadduush.
Gabaasni komishinichaa maal hima?
Torban lama dura Lixa Tigraayitti kan argamtu magaalaa Maayikaadraa keessatti haleellaa kan raawwatan caasaa nageenyaa bulchiinsa naannoo fi qindoomina garee dargaggootaa al-idilee maqaa 'Saamrii' jedhamuun waamamuun akka ta'e komishiniin kun gabaasa isaa keessatti eereera.
''Haleellaan caasaan bulchiinsaa naannichaa fi gareen dargaggootaa 'Saamrii' jedhamu qaqqabsiise, jibbiinsaa fi gara jabinaan kan raawwatameedha, ajjeechaa jumlaa lammiilee nagaarratti raawwatameedha,'' jedhe gabaasi kun.
Gochi gara jabinaa fi sarbiinsi mirga namoomaa dhala namaarratti raawwate kun, ''yakka sabummaarratti raawwatee fi yakka waraanaa ta'uu kan danda'uudha,'' jechuun ibseera komishinichi.
''Kanaaf ammoo komishiniin mirga namoomaa yakka raawwatame ragaa qabatamaa waliin ni dhiyeessa, akkasumas yakkoota himachiisanii fi adabbiiwwan kennamuu danda'an irratti gabaasa guutuu qabatee ni dhiyaata.''
Haleellaa Maayikaadraa kana garee dargaggoota Tigraay kan maqaa Saamrii jedhuun of waamantu, osoo caasaan milishaa fi poolisii naannoo sanaa tarkaanfii waraana federaalaa baqatee hin ba'in dura waliin qindaa'uun raawwatan jedha gabaasi kun.
Gareen lamaan kun waliin tahuun ''keessattuu kanneen sabaan 'Amaaraafi Walqaayitidha' jedhaniin manaa manarra deemuun''' haleellaa irratti raawwatan.
Gareen kun mana manarra deemuun nama daandiirratti argan hunda haadaan hudhanii, meeshaa qara qabuun miidhaa akkasumas uleedhaan reebaa ajjeesaa turan; qabeenyas barbadeessaniiru jedha gabaasi kun.
Gareen dargaggoota Tigraay 'Saamrii' jedhamu kun yakka ulfaataa akkanaa wayita raawwatan, jiraattonni naannichaa sabaan Tigree ta'an ammoo, namoota isaan hari'aa turaniif da'oo ta'uun jalaa dhoksaa turan, kanarratti ragaa guutuu qabaachuu eeruun gabaaseera komishiniin kun.


Hoogganaan komishinichaa maal jedhan?
Komishinirri Komishinichaa Daani'eel Baqqalee, ''yakki gareen kun raawwate kan onnee namaa dhukkubsu ta'us, lammiileen Itoophiyaa ammoo osoo gargar hin qoodamin, tokko isaan kaaniif gaachana ta'ee wayita arginu onnee keenya nuuf supha,'' jedhan.
Namoota haleellaa kanaan miidhamanii fi iddoowwan sababa kanaan barbadaa'an deebisanii dandamachiisuun cinaatti, ''namoota kallattiinis ta'e al-kallattiin yakka cimaa kana keessatti qooda fudhatan seera duratti akka gaafataman gochuun dirqama,'' jedhan.
Ajjeechaan Maayikaadraa kan raawwate ALI Onkoloolessa 30, 2013 yoo ta'u, Komshiniin mirga namoomaas qorannoo taasiseen booda gabaasa jalqabaa baaseera.
Dhaabbileen kaan waa'ee Maayikaadraa maal jedhan?
Torban tokko duras dhaabbati mirga dhala namaaf quuqamu Amnastii Intarnaashinaal ajjeechaa Maayikaadraa ilaalchisuun gabaasa wal-fakaatu baasee ture.
Haleellaa sana hordofuun UN magaalaa Maayikaadraa keessatti namoonni dhibbaan lakkaa'aman haala suukanneessaan ajjeefamaniiru gabaasa jedhu akka qulqullaa'u gaafachuunsaa kan gabaafame yoo ta'u, dabalataanis ''ajjechaawwan kunneen yoo mirkanaa'an akka yakka waraanaatti lakkaa'ama,'' jechuun akeekkachiisanii turan.
Aminastii Intarnaashinaal dhugummaa suuraawwan ajjeechaa Maayikaadraa adda baafachuun, akkasumas kanneen ijaan argan irraa odeeffachuun magaalattii keessatti yakki sabummaa bu'uura godhate haala suukanneessaa ta'een raawwateera jechuun gabaasee ture.

Madda suuraa, AFP
Miidhaan qaqqabaa jiru hagam?
Dhaabbileen gargaarsa kennan naannawa lolli itti gaggeeffamaa jiru ga’uu hin dandeenye.
Erga lolli eegalee ammoo lammiileen dhiibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu akka hin oolle dubbataa jiru.
Haga ammaatti lammiileen 40,000 ol ta’an daangaa ce’uun Sudaanitti baqataniiru.
Lolli kun haga ji’oota ja’an itti aananiitti yoo itti fufe, lakkoofsi baqattootaa dabaluu yaaddoo kan qabu UNHCR, haga namoota 200,000’f simachuu akka danda’utti haala mijeessaa jiraachuu hima.
Baqattoonni gara Sudaan seenan kan dabalan yoo ta’e ammoo, darbee biyyattiis tasgabbii dhorkuu danda’a yaaddoo jedhu ibseera UN.

Madda suuraa, Reuters
Sababni isaa ammoo Sudaan durumaanuu baqattoota biyyoota Afriikaa garaagaraa irraa garas imalan miiliyoonaan lakkaa’aman keessummeessaa waan jirtuuf.
Baqattoonni Sudaan seenaa jiran irra jireessaan ijoolleedha jedha UN.
Lammiileen deeggarsa barbaadan kumaan lakkaa’aman kanneen Itoophiyaa keessa iddoo adda addaa jiran qaqqabuuf, nagaan bu’uun dirqama jedhu dhaabbileen deggarsaa.
Dhaabbileen qarqaarsaa nyaataafi dawoo namoota daangaa cehaniif doolaara miiliyoona 50 gaafachaa jiran.

















