Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Dabratsiyoon GabraMikaa'el loluu akka itti fufan kakatan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Naannoo Tigraay waamicha hanga guyyaa Roobiitti harka akka kennan ministira mummeen gaafataman kuffisuun, itti fufuun akka falmatan dubbatan.
Dabratsiyoon GabraMikaa'el isa mootummaan naannoo magaalaa Maqalee marseen jira jedhus haalaniiru.
Lola torban saditti dhiyaate kanaan namootni dhibbaan lakkaa’aman yoo du’an, kumaatamni immoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.
Mootummoonni Gamtoomanii lolli kun rakkoo namoomaa wal-xaxaa akka fidu akeekkachiiseera.
Ministirri mummee Abiy Ahimad Dilbata dabre, loltoonni naannoo Tigraay sa’aatii 72 keessatti akka harka kennan beeksisanii turan.
Waraanni mootummaas, magaalattii akka haleelufi naannoo marsee akka jiru jiraattota magaalaa Maqalee 500,000 ta'an akeekkachiiseera.


Dabratsiyoon ''ministirri mummee eenyu akka taane nun hubanne. Nuti namoota qajeelfamaati, mirgaafi naannoo keenya kabachiisaa ni duuna,’’ jechuu AFPn gabaaseera.
TPLF naannoo Tigraayitti paartii siyaasaa dhiibbaa guddaa qabu yoo tahu, lola mootummaa Dargii kuffisuuf taasifame hogganuun bara 1991tti aangoorraa kaaseera.
Dabratsiyoon inni mootummaan Maqalee marseera jedhu soba dha, adda waraanaa sadii irratti mo’amuusaanii dhoksuufi jedhan.
Achitti dhugumaan maaltu akka tahaa jiru, sababa malli wal-qunnamtii hundi adda citeef baruun rakkisaa dha.
Kan biraa maaltu tahaa jira?
Mootummaan Itoophiyaa, TPLF bu’uuraalee misoomaa kanneen akka buufata xiyyaaraa Aksuum mancaasuu miidiyaan mootummaati hidhata qabu Faanaan gabaaseera.
Suuraalee daandii naanoo buufata xiyyaaraa kan qotamee jiru agarsiisuun, loltoonni diingadee naannichaa akka miidhaa jiran ibseera.

Madda suuraa, Fana
Dhimma kanarratti yaada kennuu baatanillee, hogganaan TPLF fi bulchaan naannichaa Dabratsiyoon GabraMikaa'el Rooyitarsitti akka himanitti, humnoonni isaanii adeemsa waraana federaalaa irratti gufuu ta'aa jira jedhan.
''Dambaliiwwan garagaraa ergaa jiranis, tasumaa hin milkoofne,'' jechuun Rooyitarsitti himan.
Furmaata dippiloomaasii?
UAE michuu Itoophiyaa dhiibbaa gochuu dandeessu yoo taatu, biyyoota Afrikaa fi addunyaatti bilbiluun waraana kana akka dhaabsisan gaafachaan jira jetteetti.
Jimaata dabre, Pirezidantiin Afrikaa Kibbaafi dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Siiril Raamaafosaa, haala lolli kun itti xumura argatuuf jaarsummaa akka taa'aniif, pirezidantota duraanii Afrikaa sadii muuduu ibsan.
Haa tahu malee, Itoophiyaan yaada kana kuffisteetti - oppireeshiniin kun dhimma keessoo fi ''seera kabachiisuuti'' jechuun.
''Yakkamtoota waliin hin mari’annu. Teenyee waliin mari’anna osoo hin taane qabnee seeratti dhiyeessina,'' jechuun gorsaan olaanaa Ministira Muummee Abiy, Obbo Maammoo Mihratuu BBC’tti himan.
"Obboloonni keenya Afriikaa yoo TPLF irratti dhiibbaa uumuun harka kennachiisan, ga’ee olaanaa gumaachuu danda’u. Kanaaf ammoo eenyuyyuu gara Maqalee imaluu hin barbaachisu.''
Obbo Mihiratuun akka jedhanitti, dureewwan duraanii biyyoota Mozaambiik, Laayibeeriyaafi Afrikaa Kibbaa guyyoota muraasa keessatti biyyattii gahan, gara Maqalee imaluu hin danda’ani - oppireeshiniin waraanaa gaggeeffamaa waan jiruuf.
Erga lolli Tigraay eegalee as malli qunnamtii fi geejjibi ugguramee jira.
Gorsaan MM Abiy kun dabalanii ''mootummaan ejensiiwwan UN qarqaarsa barbaachisu uummata Tigraayif akka dhiyeesssaniif,, waan godhu mara gochaa jira,'' jedhan.
Miidhaan qaqqabaa jiru hagam?
Dhaabbileen gargaarsa kennan naannawa lolli itti gaggeeffamaa jiru ga’uu hin dandeenye.
Erga lolli eegalee ammoo lammiileen dhiibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu akka hin oolle dubbataa jiru.
Haga ammaatti lammiileen 33,000 ta’an daangaa ce’uun Sudaanitti baqataniiru.
Lolli kun haga ji’oota ja’an itti aananiitti yoo itti fufe, lakkoofsi baqattootaa dabaluu yaaddoo kan qabu UNHCR, haga namoota 200,000’f simachuu akka danda’utti haala mijeessaa jiraachuu hima.
Baqattoonni gara Sudaan seenan kan dabalan yoo ta’e ammoo, darbee biyyattiis tasgabbii dhorkuu danda’a yaaddoo jedhu ibseera UN.

Madda suuraa, Reuters
Sababni isaa ammoo Sudaan durumaanuu baqattoota biyyoota Afriikaa garaagaraa irraa garas imalan miiliyoonaan lakkaa’aman keessummeessaa waan jirtuuf.
Baqattoonni Sudaan seenaa jiran irra jireessaan ijoolleedha jedha UN.
Lammiileen deeggarsa barbaadan kumaan lakkaa’aman kanneen Itoophiyaa keessa iddoo adda addaa jiran qaqqabuuf, nagaan bu’uun dirqama jedhu dhaabbileen deggarsaa.
Dhaabbileen qarqaarsaa nyaataafi dawoo namoota daangaa cehaniif doolaara miiliyoona 50 gaafachaa jiran.















