Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Itoophiyaan yaada marii araaraa Gamtaan Afriikaa dhiyeesse kuffiste

Baqattuu Tigraay

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Lola kanaan haga ammaa dhibbaan kan lakkaa'aman yogguu lubbuu dhaban, kumaatamni buqqa'aniiru

Mootummaan Itoophiyaa lola Kaaba biyyattii naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf mariin yookiin jaarsummaan taa’u akka hin jirre, gorsaan olaanaa Ministira Muummee Abiy Obbo Maammoo Mihratuu BBC’tti himan.

''Yakkamtoota waliin hin mari’annu. Teenyee waliin mari’anna osoo hin taane qabnee seeratti dhiyeessina,‘‘ jedhan Obbo Mihratuun.

Dureewwan Afriikaa mootummaan qondaaltota Tigraay arguun akka waliin dubbatu gaaffii dhiyeessaniiru.

Lola kanaan haga ammaa dhibbaan kan lakkaa'aman yogguu lubbuu dhaban, kumaatamni buqqa'aniiru. UN lolli kun hawaasarratti rakkoo namoomaa geessisa jechuun akeekkachiiseera.

Jimaata darbe Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa fi Dura taa’aan Gamtaa Afriikaa Siiriil Ramapoosaan, pirezidaantota duraanii biyyoota Afriikaa sadi dhibdee Itoophiyaa keessaa mariin akka furaniif muuduu ibsanii turan.

Itoophiyaan garuu kana hin fudhanne, sababni isaa oppireeshiniin gaggeeffamaa jiru, kan dhimma keessoo biyyattii ta’ee fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf waan ta’eef jetti Itoophiyaan.

Mootummaan Itoophiyaa iddoowwan murteessoo ta’an Tigraay keessaa qabachaa jiraachuu ibsa.

Kaleessa Addigiraat qabachuu fi har’ammoo Idagaa Hamus qabachuu, achirraan ammoo gara Maqalee qajeeluun yakkamtoota to’achuuf deemaa jiraachuu ibsa mootummaan Itoophiyaa.

TPLF naannawa gaarreenii ka taate Tigraay ''humnoota weeraran'' irraa na qoladha jedha. Loltoonni dhaaba kanaaf amanamoo tahan - humni addaafi milishaan lakkoofsaan 25,000 tahu jedhamee tilmaamama.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Gorsaan MM Abiy kun waan biraa maal dubbatan?

"Obboloonni keenya Afriikaa yoo TPLF irratti dhiibbaa uumuun harka kennachiisan, ga’ee olaanaa gumaachuu danda’u. Kanaaf ammoo eenyuyyuu gara Maqalee imaluu hin barbaachisu,'' jedhan Obbo Mihratuun.

Akka Obbo Mihratuun jedhanitti gareen ergama addaa qabatee ajaja Gamtaa Afriikaatiin guyyoota itti aanan gara Itoophiyaa imaluuf jiru, gara Maqalee imaluu hin danda’u, sababii oppireeshiniin waraanaa gaggeeffamaa jiruuf.

Erga lolli Tigraay eegalee as malli qunnamtii fi geejjibi ugguramee jira.

Mootummaan dhaabbileen UN lammiilee Tigraay keessatti deggersa barbaadan akka qaqqabuuf waan irraa eegamu hunda godhaa jira jedhan gorsaan kun.

Waraanni Itoophiyaa har’a, Dilbata, ibsa kenneen karoorri itti aanu magaalaa Maqalee qabachuu akka ta’e ibseera.

"Oppireeshiniin itti aanu isa murteessaadha. Kan itti aanu taankii fayyadamuun magaalaa Maqalee to’achuudha. Lola naannoo gaarreen keessaa goolabuun gara dirreetti ba’uudha’’ jedhan dubbi himaan waraana Itoophiyaa Koloneel Dajanee Tsaggaayee.

Koloneel Dajaneen kan kan dubbatan miidiyaa biyyaalessaa EBC irratti ture.

Akka gabaasa EBC’tti oppireeshiniin itti aanu meeshaalee waraanaa jajjabootti waan dhimma ba’uuf lammiileen akka of eeggatan akeekkachiisi kennameera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Lola Tigraay: Battala Maqaleetti haleellaan xiyyaaraa qaqqabe

Miidhaan qaqqabaa jiru hagam?

Dhaabbileen gargaarsa kennan naannawa lolli itti gaggeeffamaa jiru ga’uu hin dandeenye.

Erga lolli eegalee ammoo lammiileen kumaan lakkaa’aman ajjeefamuu akka hin oolle dubbataa jiru.

Haga ammaatti lammiileen 33,000 ta’an daangaa ce’uun Sudaanitti baqataniiru.

Lolli kun haga ji’oota ja’an itti aananiitti yoo itti fufe, lakkoofsi baqattootaa dabaluu yaaddoo kan qabu UNHCR, haga namoota 200,000’f simachuu akka danda’utti haala mijeessaa jiraachuu hima.

Baqattoonni gara Sudaan seenan kan dabalan yoo ta’e ammoo, darbee biyyattiis tasgabbii dhorkuu danda’a yaaddoo jedhu ibseera UN.

An Ethiopian who fled the ongoing fighting in the Tigray region, on the Sudan-Ethiopia border in eastern Kassala state, Sudan, 14 November 2020

Madda suuraa, Reuters

Sababni isaa ammoo Sudaan durumaanuu baqattoota biyyoota Afriikaa garaagaraa irraa garas imalan miiliyoonaan lakkaa’aman keessummeessuu waan jirtuuf.

Baqattoonni Sudaan seenaa jiran irra jireessaan ijoolleedha jedha UN.

Lammiileen deggersa barbaadan kumaan lakkaa’aman kanneen Itoophiyaa keessa iddoo adda addaa jiran qaqqabuuf, nagaan bu’uun dirqama jedhu dhaabbileen deggarsaa.

Dhaabbileen qarqaarsaa nyaataafi dawoo namoota daangaa cehaniif doolaara miiliyoona 50 gaafachaa jiran.