Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Sudaan fi Jibuutiin 'Mootummaa Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatan beeksisan'

Diinaa Muftii

Sudaan fi Jibuutin lola naannoo Tigraay keessa jiruun walqabatee, mootummaa Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatan beeksisuu isaanii dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Diinaa Muftii himan.

Dhimmoota waqtaawaa irratti miidiyaaleef ibsa kan laatan Ambaasaaddar Diinaan, angawootni biyyoota lamaanii “nageenyi Itoophiyaa nageenya isaanii akka ta’e,'' dubbatan jedhan.

Dabaluunis ''Haleellaan Itoophiyaarratti raawwatamu kamiyyuu isaanirratti akka raawwatametti akka lakkaa’an mirkaneessaniiru. Haala kamiinuu Itoophiyaa cinaa dhaabbachuuf waliigalaniiru,” jedhan.

Lolli Naannoo Tigraayitti erga jalqabee namootni dhibbaan lakkaa’aman lubbuu dhabaniiru.

Lolli kun gaafa Sadaasa 4, 2020 jalqabe yogguu tahu, Mootummaan federaalaa TPLF buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa naannicha jiru haleeluun meeshaa waraanaa saamuu barbaade jechuun himata.

TPLF immoo himannaa kana ni waakkata.

Ibsa har'aarratti maaltu jedhame?

Gorsaa dhimma nageenyaa MM Abiy kan ta’an Obbo Gadduu Andaargaachaw, Jibuutii fi Sudaanitti imaluun dhimma naannoo Tigraay keessa jiru angawoota biyyaalee kunneenii hubachiisuun isaanii ibsa kanarratti himame.

Lammiilee gara Sudaan baqatan deebisuufis mootummaan Sudaan deeggarsa barbaachisu akka taasisu kan himan Ambaasaaddar Diinaa Muftii, mootummaan Itoophiyaas dhimmoota namoomaa uumaman furuuf, tarkaanfilee barbaachisan fudhachaa jiraachuu fi kanneen baqatan deebisuuf qophiin taasifamuu dubbatan.

Imala MM Ittaanaa biyyoota Afrikaatti

Sochiin naannoo Tigraay keessatti taasifamaa jiru tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhatamaa jiru ta’uu, hawaasa idil addunyaa hubachiisuuf sochiin taasifamaa turuu himaniiru.

Haaluma kanaan jiilli itti aanaa ministira mummee fi ministira dhimma alaa Obbo Dammaqa Makonninin durfamu, dureewwan biyyoota Keeniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa fi Rippablika Dimokiraatawaa Koongoo walin mari’atuusaa dubbatan.

Kaayyoon imala kanaas “dhimma kutaa Kaaba biyya keenyaatti argamu ka’umsasaa, qabiyyee oppireeshinii fi galma isaa hubachiisuudha,” jedhan.

''Oppireeshiniin kun akka dhaabbilee fi miidiyaalen tokko tokko gabaasanitti, walwaraansa osoo hin taane, hojii seera kabachiisuu garee muraasa irratti xiyyeeffate ta’uu hubachiisaniiru,” jedhan.

Ambaasaaddar Diinaan dabalanii ''Gareen kun kutaalee biyyattii adda addaatti humnoota finxaaleyyii biroo deeggaruu, ijaaruu fi bobbaasuun, sochiilee seeraan alaa taasisaa akka ture fi kunis heera federaalaaraa faallaa akka ta’e hooggantoota kunneen hubachiisaniiru,” jedhan.

TPLF himannaa mootummaa federaalaa irraa irra deddeebiin ka'u tasumaa soba jechuun haala.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Akka isaan jedhanitti, hooggantootni biyyoota kanneeniis, dhimmichi dhimma keessoo biyya tokkoo akka ta’eefi dhimma biyya kamiyyuu keessa seenuu akka hin feene himuu isaanii Ambaasaaddar Diinaan dubbatan.

Guyyoota muraasa dura wayita Obbo Dammaqaa Makonnin Keeniyaa daawwatanitti, pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa lolli Itoophiyaa keessatti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF'f amanamoo tahan gidduutti gaggeeffamu karaa nagaan akka furamu waamicha dhiyeessuun isanii ni yaadatama.

Uhuruun lolli mootummaan federaalaa fi TPLF gaggeessaa jiran kun gumaacha lammiileen Itoophiyaa guddina biyyattii keessatti qaban laaffisa, kanaafuu ''lola qabbaneessaa!'' jedhanii waamicha dhiyeessaniiru.

Gama biraatiin dhimma haleellaa rokkeettii loltootni ABUTif amanamoo ta’an gara Asmaraatti dhukaasaniiru jedhame ilaalchisee kan gaafataman Ambaasaaddar Diinaan, ''Kun dhimma lamaaniiti. Gama keenyaan garuu walitti dhufeenya gaarii mootummaa Eertiraa walin qabnu itti fufsiisuu barbaadna,” jedhan.