Lola Tigiraay: Obbo Dammaqaa Mokonnin Yugaandaatti imaluun araara TPLF waliin wal qabataa?

Museveniin Tiwiitera isaanii irratti kan maxxansanii turan

Madda suuraa, @KagutaMuseveni

Pirezedantiin Yugaandaa waldhibdeen Itoophiyaa keessatti jabaate karaa mariin akka furamu tiwitara gubbatti erga maxxansanii booda haqan.

Pirezedantiin Yugaandaa Yuwerii Museevinii toora Tiwitara isaanii irratti waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalate mariin furamuu qaba jedhanii barreessanii ture.

‘’Walitti bu’iinsi kun lubbuu namaa kan galaafatuu fi dinagdee laamshessuudha’’ jedhanii barreessanii turan. Pirezedantichi tiwitara gubbaatti yaadasanii kan barreessan erga ministira haajaa alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonniin wajjin Yugaandaatti wal arganii mariyatanii booda ture.

Mr Museeviniin mariin isaanii ‘’dhimma nageenya fi tasgabbii Itoophiyaa ammatti miidhaa jiru’’ akka ta’e ibsaniiru. Mr Museeviniin itti dabaluun ‘’siyaasa federaalizimii sabaarratti bu’uureffatetti hin amanu, dhimma tokkummaa fi fedhii waloorratti xiyyeeffatamuu qaba, kana qofa karaan badhaadhinaa ‘’jedhan.

Ammaa garuu barreeffammni isaan maxxansan kun haqameera. Ta’us ,maalif waan Tiwitarii irratti maxxansan haqame ibsi kennan hin jiru.

Haa ta’u malee, mootummaan federaalaa Itoophiyaa paartii naannoo Tigiraay bulchuu fi kan mootummaan federaalaa 'seeran ala jedhuun' TPLF wajjin mariyachuu akka qaban waamicha dhiyaatu fudhatama dhabsiisera.

Mootummaan Federaalaa ergama naannoo Tigiraayitti raaawwatu ’’tarkaanfii seera kabachiisuti’’ jedhee ibsa.

Walitti bu’iinsa naannicha keessatti hammaate baqachuun namoonni kumaatamaan lakka’aaman daangaa qaxxaamuranii Sudaanitti baqachuu fi namoonni dhibbaan lakkaa’aman du’uun gabaafameera.

Naannichatti maaltu akka ta’aa jiru odeeffaannoo sirnaan argachuuf sababii tajaajilli bilbilaa fi intarneetii addaan cituun rakkisaa taasisera.

Dubbii himaan koree labsii yeroo muddamaa fi ministira haajaa alaa Reediwaan Huseen, imalli ministirichaa dhimma jaarsummaa wajjiin walitti hidhamiinsa ykn hariiroo hin qabu jedhaniiru.’’

Mariin furuuf tattaaffiin godhamu adaba jalaa akka miliqan kan taasisuu fi didaa akka ta’an jajjabeessa’’jedhan.

Itti dabaluun, biyyi kamiyyuu kutaa biyyaasaatti rokkeettii fi misaa'ela hidhatee haleellaa raawwachuuf dorsisuu wajjin mariif hin taa’uu jedhan.

Olusejun Obasaanjoo gara Itoophiyaatti imaluu

Pirezedantiin duraani Naajeeriyaa Olusejun Obasaanjoon, walitti bu'iinsi mootummaa federaalaa fi TPLF gidduu karaa mariin akka furamu waliigalchisuuf gara Itoophiyaatti imalarra jiru jedha gabaasni AFP.

Pirezedantiin Yugaandaa Yuwerii Musevini, waldhabbichi karaa mariin akka furamu toora tiwitaraatti barreessanii erga haqanii sa'aatii tokko booda Oduun kun dhaga'ame.

Mootummaan Itoophiyaa garuu TPLF wajjin mariyachuu akka hin feene cimsee hubachiisera.

Mootummaan akka jedhutti, naannoo Tigraay kan bulchaa jiran wajjin waggoota lamaan darbanitti garaagarteen jiru karaa nagaan akka furamu yaalii taasifame fudhachuu didaniiru jedheera.

Obasaanjoon marii kanaaf gara Finfinneetti imalaarra akka jiran dubbi himaan isaanii Kehindii Akinimii AFPtti himeera.

Sadaasa 3 bara 2020 halkan erga mootummaan federaalaa humnootni TPLF'f amanamoo tahan buufata waraanaa ajaja kaabaa rukutan jehuun waraana wal irratti eegalanii as lubbuun namoota baay'ee darbuun qabeenyi guddaan manca'uu gabaasaalen himaniiru.

Lammiilee nagaa irrattis ajjeechaan raawwate jechuun dhaabbilee gurguddoon mirga dhala namaaf falman balaaleffataniiru.

Jiraattotni naannoo waraanni itti gaggeeffame keessa turan 20,000 ol tahanis daangaa ce'uun gara Sudaanitti baqataniiru.

TPLF buufata xiyyaaraa Baahirdaarii fi Gondar irratti haleellaa Rookkettii raawwachuu ibsera. Darbee rokkeettii furguggisuun naannoo buufata xiyyaaraa Asmaraa haleeluus aanga'oonni TPLF himaniiru.

Waraanni naannoo Kaaba Itoophiyaa Tigiraay keessatti gaggeeffamaa jiru kun daangaa ce'uun biyyoota ollaafis yaaddoo tahuu akka hin hafne himamaa jira.

TPLF waggoota 27'f Itoophiyaa ol aantummaan gaggeessaa turan. Haa tahu malee erga MM Abiy Ahimed bara 2018 aangoo qabatanii as garaagartummaa siyaasaa gidduu isaaniitti uumamaa dhufeen amma gara waraanaatti ce'aniiru.