Lola Tigraay: Battala Maqaleetti haleellaan xiyyaaraa qaqqabe

Ibsa waa'ee viidiyoo, Lola Tigraay: Battala Maqaleetti haleellaan xiyyaaraa qaqqabe

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa haaleellaan xiyyaaraa magaalaa Maqaleetti godhame iddoo lammileen nagaa jiran keessatti kan xiyyeeffatu miti jedha. Oppireeshiniin kunis ''iddoowwan TPLF murteessoo tahan irratti xiyyeeffata,'' jedhan.

Haleellaan xiyyaaraa samiiraa guyyaa Wiixataa kanaan namoonni lama yoo du'an, kaan ammoo madaa'aniiru. Haga ammaatti haleellaa kun eenyuun akka raawwatame ifa miti.

Viidiyoo kan midhaassite Anne Okumu