Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Oduu dheeraa, giddugaleessaafi gabaabaa

Madda suuraa, Getty Images
Waldhibdeen mootummaa giddugalaa Itoophiyaafi humnoota naannoo Kaaba biyyattii Tigraay gidduu dhalate biyyattii rakkoo nageenyaatti galcheera.
Torban lamaan darbaniif lolli adeemaa ture, biyya Baha Afrikaa keessa ummata hedduu qabdu rakkoo nageenyaa itti fideera. Gabaasonni dhibbaatamni akka du'an himu.
Aangoo, filannoofi riformiin siyaasaa sababoota hedduu waldhibdeen kuni akka ka'u ka'umsa ta'an keessaati.
Asitti, waldhibdeen kuni akkaminiifi maaliif akka eegale jechoota 100, 200 fi 500'n gargar qoodneerra.
Odeessa jechoota 100'n
Waldhibdeen kuni Sadaasa 04, eegale. Yeroo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota naannoo Tigraayitti lola ajaje.
Ministirri Muummee kan kana godhanif haleellaa buufata waraanaa loltoonni mootummaa buufatanitti raawwatef deebii kennuuf akka ta'e ibsan.
Lola kana dura garuu ji'oota hedduuf mootummaa MM Abiy gidduufi paartii Tigraay bulchu gidduu waldhibdeen ture.
Waggoota 30'tti dhihaataniif TPLF aangoo biyyattii guddaa qaba ture, hanga Abiy mormii ummataan bulchiinsi durii ka'ee aangoo qabatanitti.
MM Abiy rifoormii gaggeessan, Tigraay garuu fudhachuu didde jennaan rakkoon siyaasaa jabaachaa dhufe.
Odeessa jechoota 300'n
Maddi rakkoo waldhibdee kanaa akkaataa sirna bulchiinsa mootummaa Itoophiyaarraa madda.
Bara 1994 eegalee, Itoophiyaan sirna federaalizimiin saboonni garaa garaa naannoowwan 10 bulchan qabdi.
Paartii cimaa Tigraay yaadattuu? Paartiin kuni - TPLF- sirna kana qopheessuu keessatti dura aantummaan hirmaateera.
Paartileen afran walitti dhufanii ADWUI ijaaranitu bara 1991 mootummaan Dargii aangoorraa erga ka'e booda biyyattii kan bulche.

Lola Tigraay irratti dabalata:

Paartii ADWUI jala Itoophiyaan guddatte, tasgabbooftes. Haa ta'u malee, yeroo hedduu yaaddoon mirga namoomaafi dimookiraasii guddachuu dhabuu ni ka'a.
Tura keessa, mufiin mormiitti jijjiiramee mootummaan kaabinee jijjiiruun MM Abiy ministira muummee ta'uun muudaman.
MM Abiy siyaasa keessa hunduu akka qooda fudhatu taasisan, paartii haaraa Paartii Badhaadhinaa hundeessan, hoggantoota Tigraay malaammaltummaafi hacuuccaan himataman aangoorraa kaasan.
Rakkoo daangaa Ertiraa waliin yeroo dheeraaf ture xumura itti tolchuun, Badhaasa Nobeelii Nagaa bara 2019 argatan.

Madda suuraa, Reuters
Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad mormii ummataa waggootaaf ture booda bara 2018 aangoo qabatani
Tarkaanfiin MM Abiy kuni deeggarsa guddaa akka argatan taasise, haa ta'u malee qeeqxota Tigraay gidduu mufii dhale.
Hoggantoonni Tigraay riiformii MM Abiy gaggeessan, aangoo giddugaleessaa cimsuufi sirna federaalaa balleessuufi jedhanii ilaalu.
Waldhibdeen kuni Tigraay ajaja mootummaa federaalaa diduun filannoo naannoo yeroo gaggeessitu cime.
Mootummaan giddugalaa yeroos filannoo biyyaalessaa sababa koronaavaayirasiin yeroo biraatti dabarsee ture, filannoo naannoo Tigraay seeraan ala jedhe.
Muddamni kuni Onkololeessa keessa mootummaan giddugalaa Tigraayirraa bajataafi hariiroo yeroo kute hammaate. Bulchiinsi naannoo Tigraay kuni ''labsa waraanaati'' jedhe.

Madda suuraa, AFP
Muddamni cime. Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruup waldhibdeen ''battala uumamuu mala'' akkuma jedhe, MM Abiy Tigraay ''sarara diimaa'' dabarte jedhan.
Humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa saamuuf buufata waraanaa haleelan jechuun himatan.
''Sababa kanaaf mootummaan federaalaa lola seenuuf dirqame,'' jedhan.
Odeessa jecha 500'n
Erga MM Abiy aangootti dhufanii as biyyi Afrikaa hin koloneeffatamneefi umrii dheeraa qabdu Itoophiyaan, jijjirama guddoo gaggeessiteetti.
Saba lakkoofsaan guddaa Itoophiyaa kan ta'e Oromoo keessaa kan ta'an MM Abiy, akkuma aangoo qabataniin haasaa jalqaba taasisaniin rifoormii siyaasaa, tokkummaafi araarri akka jiraatu akka hojjetan dubbatan.
Yaadni isaan fidanii dhihaatan yaada kanneen mootummaa morman gaafataa turanidha.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni siyaasaa Tigraay qindoomina paartilee ADWUI waggoota 27'f gaggeessaa turan qaama rakkoo kanaati jedhamee yaadama.
Bara 1970 fi 1980 keessa paartiin isaanii TPLF mootummaa dargii loluun aangoo mootummaa to'ate. Qindoomina paartilee aangoo mootummaa Itoophiyaa 1991'tti qabate keessas gahee olaanaa qabu ture.
ADWUI'n naannolee Itoophiyaaf mirga ofiin of bulchu kenneef, haa ta'u malee mootummaa giddugaleessaa aangoo bakka tokkotti cimsee qabate.
Qeeqxonni, TPLF paartilee mormituu hacuuceera jechuun qeequ.

Yeroo ammaa paartichi bakka paartiilee mormituutti of arge.
Bara 2019, mootummaa haaraa MM Abiy fi paartii isaanii haaraa Paartii Badhaadhinaatti makamuu dide. Diddaan kuni cimaa deeme.
Tigraay filannoo ofii taasisuuf Fulbaanatti inni murteessite, fakkeenyaaf, diddaa guddaa mootummaa giddugaleessaarratti taasifamedha.
Ergasii mootummoonni lamaan ''seeraan ala'' waliin jechaa turan.
Akka Tigraay jedhutti mootummaan giddugaleessaa erga MM Abiy ministira Muummee ta'uun muudamanii as, filannoon qoramee hin beeku.

Madda suuraa, Getty Images
Bulchitoonni Tigraay walitti dhufeenya MM Abiy Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin qaban 'sirna hin hordofne' jechuun himu.
Daangaa kan walin qooddatan Naannoo Tigraayiifi mootummaa Ertiraa gidduu yeroo dheeraaf waldhibdeen ture.
Maddi rakkoo waraana Itoophiyaafi Ertiraa gidduu bara 1998 - 2000 taasifame rakkoo daangaa kanaati.
Bara 2018 waldhibdee daangaa xumura itti tolchuun MM Abiy mootummaa Ertiraa waliin waliigaltee nagaa mallatteessan.
Waggaa booda MM Abiy badhaasa Nobeelii Nagaa fudhatan. Yeroo ammaa garuu lola malee nagaa miti qalbii addunyaa Itoophiyaatti kan harkise.

Madda suuraa, Getty Images
Erga Sadaasa 04 MM Abiy humna Tigraay irratti raayyaan akka tarkaanfii fudhatu ajajani as kuma hedduun kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'aaniiru.
Lammiilee nagaa dabalatee dhibbaan kan lakkaa'aman akka ajjeefamuu hin oolle gabaafameera.
Kominikeeshiniin gara caalu Tigraay keessa waan citeef hammi lakkoofsi namoota miidhamanii ifa miti.
Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf turu Naannoo Tigraayitti labseera. Wal waraansi waliinii kuni yeroo dheeraaf turuu mala.
Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruup akka jedhutti ''cimina humna nageenyaa Tigraayin, lolli kuni dheerachuu danda'a''.
''Tigraay poolisii humna addaa hedduufi milishaa hidhate, lakkoofsaan waliigalatti 250,000'tti lakkaa'amu qabdi,'' jedha dhaabbati kuni.
Afrikaa keessaa baay'ina ummataan lammaffaa kan taate Itoophiyaan tasgabbii Gaanfa Afrikaaf biyya murteessituudha.
Lolli kuni biyyoota ollaatti darbuu mala jedhamee sodaatameera. Misaa'elli Asmaraatti darbatamuufi baqattoonni kuma 30,000 caalan Sudaanitti baqataniiru.
Gama biraan lolli kuni bakkeewwan Itoophiyaa birootti muddama waldhibdee saba gidduu dhaluu mala yaaddoon jedhus jira.
















