Lola Tigraay: Guyyoota itti aanan tarkaanfii seera kabachiisuu isa xumuraatu fudhatama - MM Abiy Ahimad

MM Abiy Ahmad

Madda suuraa, Simona Granati - Corbis

Guyyoota itti aanan keessatti tarkaanfiin seera kabachiisu inni xumuraa humna hidhatee Tigraay keessa jiru irratti ni fudhatama jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad.

Wal-dhibdeen mootummaa federaalaa fi paartii naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduu ture hammaatee gara wal-waraansaatti erga ce'ee booda mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachaa akka jiru ibsa.

Haala kanaanis mootummaan federaalaa humna addaa Tigraayiifi milishaa naannoo Tigraay karaa nagaan akka harka isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaaf kennaniif yeroo kenneefii turuu ibseera.

Yeroon isaan akka harka kennataniif kennameef waan xumurameef tarkaanfii isa xumuraaf qophaa'uu ibsan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Abiy ergaa kana har'a ganama Afaan Amaaraa fi Afaan Tigreetiin miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti barreessuun beeksisan.

Humni addaa fi milishaan naannoo Tigraay karaa nagaan harka kennatee ofiifis ta'e uummati akka nagaa argatuuf yeroon kaa'ameef xumuramuus ibsaniiru.

Humnootii naannoo Tigraay kunneeniif Sambata darberraa eegalee guyyan sadi kan kennameef yoo ta'u, kun amma waan xumurameef tarkaanfiin inni xumuraa fi inni murteessaan itti aanee kan fudhatamu ta'a jedhan.

Hanga yoonaa humnoonni addaa naannoo Tigraay meeqansaanii raayyaa ittisa biyyaatti harka kennatan kan jedhu beekamuu baatus miseensonni harka kennitan akka jiran garuu miidiyaaleen biyya keessaa guyyoota darban keessa gabaasaa turan.

Lola mootummaa federaalaa fi hidhattoota TPLF'f amanamoo ta'an gidduutti torban lama dura eegaleen namoonni ajjeefamanii fi madaa'an jiraatanis garuu lakkoofsa isa sirrii argachuun hin danda'amne.

Deeggarsa Raayyaa Finfinneetti

Sagantaan deeggarsa Raayyaa Ittisaa magaala Finfinnee istediyeemii Abbaba Biqilaatti adeemsifamaa jira.

Saganticharratti bakka bu'ootni kutaalee hawaasaa garaagaraa kan argaman yemmuu ta'u dhaadannoo 'Kabaja Raayyaa Ittisaaf Nan Dhaabbadha' jedhuun adeemsifamaa jira.

Sagantaan kun iddoo Pirezidant Saahilawarq Zawudee fi Ministirri Mummee Abiy Ahimad argamanitti Waajjira Ministira Mummeettis adeemsifamaa jira.

Kabaja uummatni Raayyaa Ittisaaf qabu agarsiisuu fi gootummaa isaanii dinqisifachuun kaayyoo sagantichaati.

Sagantaa istediyeemii Abbaba Biqilaatti adeemsifamaa jiru irratti namootni 20,000 ta'an akka argaman odeeffannoon Bulchiinsa Magaala Finfinneeti argame agarsiisa.

Sagantaan daqiiqaa lamaaf turu waamicha ogeeyyiin aartii taasisanin kan adeemsifamu ta'uu MM Abiy gama toora miidiyaalee hawwaasummaa isaaniitin himanii turan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Kana durallee hiriirri dhaaba naannoo Tigraay bulchaa jiru ABUT balaaleffatuufi tarkaanfii mootummaa Federaalaa deeggaru, Itoophiyaa magaalota garaagaraatti adeemsifameera.

Dabalataan, kutaalee biyyattii garaagaraatti arjooma dhiigaa dabalatee deeggarsi meeshaalee garaagaraa raayyaa ittisaaf taasifamaa jira.

Lolli kun akkamiin eegale?

Partiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.

MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.

TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.

MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.

TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.

Guyyaa har'aa, Kibxata, sa'aatii 5:30 irratti ummanni Raayyaa Ittisa Biyyaa akka kabaju waamicha artistoonni taasisaniin MM Abiy dabalatee, qondaaltonni waraanaafi lammiileen deeggarsa isaanii ibsaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa har'aa, Kibxata, sa'aatii 5:30 irratti ummanni Raayyaa Ittisa Biyyaa akka kabaju waamicha artistoonni taasisaniin MM Abiy dabalatee, qondaaltonni waraanaafi lammiileen deeggarsa isaanii ibsaniiru

Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeressee ammoo wal diddaan caalaa guddate.

Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse.

Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.

Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa kaabinee naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.

Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.

Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.