Lola Tigraay: Malli qunnamtii adda cituun gabaasa lola Tigraay akkamiin danqe?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, BBC Monitoring
- Gahee, Essential Media Insight
Naannoo Tigraay keessatti malli qunnamtii adda cituun lola naannawa sanatti deemaa jiru irratti odeeffannoon salphaatti akka hin argamne godheera.
Qaamoleen lameen erga waraanatti seenanii Labsii yeroo muddamaa labsaniiru, interneetiinis addaan citeera.
Naannoon Tigraay, kan daangaa Eertiraa waliin qooddattu, sochii uummataa fi balaliinsa hunda uggurteetti. Bara 2018 Eertiraa waliin nagaa buusuudhaan kan badhaasa noobelii nageenyaa argatan Ministirri Muummee Abiy Ahimad, kallattiidhaan TPLF irratti waraana kan labsan Sadaasa 04, 2020 ture.
Erga waraanni kun eegalamee torban lama guutaa jira, haga ammaatti garuu lakkoofsi namoota du'anii meeqa akka ta'an sirnaan hin beekamne.
Ta'us garuu kumaan kanneen lakkaa'aman baqatanii daangaa Sudaan ce'aniiru.
Gabaasi garasii dhufu kan miidiyaaleerratti darbus irra jireessaan haala qabatamaa lafa jiru irratti odeeffannoo guutuu kan hin qabneedha.
Irra caalaan gabaasaalee afaan qondaaltotaa fi kanneen dhimmicharratti yaada kennan irraa kan argamaa jiraniidha malee, qabatamaa lafarra maaltu akka jiru ifatti kan mul'isu hin jiru.
Miidiyaa mootummaa federaalaa
Mootummaan federaalaa miidiyaalee ajandaa madda odeeffannoo ta'an hedduu qabanii fi akka biyyaatti dhageettii qaban harkaa qaba.
Kana malees qondaaltonni mootummaa Feesbuukii fi Tiwiitarii fayyadamuun odeeffannoo qooduu itti fufaniiru.Miidiyaa mootummaa kan ta'e ETV fi ejjennoo mootummaa deggeruun kan hojjetu Faanaa Biroodkastiing Korporeet (FBC)'n miidiyaalee adda durummaa lola Tigraay irratti gabaasa baasaniidha.
Oduun miidiyaalee kunneen irratti darbu hedduunsaa kan qondaaltota mootummaa fi kanneen Tigraay qeeqan irraa qindaa'eedha.
Miidiyaa naannoo Amaaraa kan ta'e TV Amaaraa irraa kan hafe miidiyaaleen mootummaa fi kanneen ejjennoo mootummaa hordofuun gabaasan, iddoo rakkoon jiru irraa gabaasuu waan hin dandeenye fakkaatu.
Itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa
Ministirri Muummee Abiy Ahmad waraanaan wal-qabatee odeeffannoo jiru hordofanii hawaasaan ga'uu keessatti baay'ee beekamaniiru.
Jalqabuma waraanni TPLF irratti banamuu tiwiitarii fi Feesbuukii isaanii irratti kan ibsan isaan ture, Sadaasa 04 jechuudha.
Ministirri Muummee, Ministirri Ittisaa, humni waraanaa fi akkaawuntiin miidiyaa hawaasummaa qondaaltotaa oppireeshinii mootummaan gaggeessaa jiru irratti maddeen odeeffannoo isaan ijoo ta'anii jiru.
Ministirri Muummee Abiy yeroo baayyee barreeffamaa fi viidiyoowwan gaggabaaboodhaan tiwiitarii fi Feesbuukii irratti odeeffannoo fi ergaa dabarsuun beekamu.Afaanota Ingilizii, Amaaraa, Oromoo akkasumas yeroo tokko tokko ammoo Afaan Tigreetiin dhaamsa dabarsu.
Akkaawuntiin tiwiitarii haaraan, ergama labsii yeroo muddamaa waliin haaraa uumame 'State of Emergency Fact Check' jedhamus rakkoo biyyattii keessatti deemaa jiru irratti madda odeeffannoo ta'ee jira.
Miidiyaa Tigraay
Gama naannoo Tigraayiin ammoo waan naannicha keessatti raawwataa jiru ilaalchisee madda odeeffannoo kan ta'an, miidiyaa mootummaa naannoo Tigraay kan ta'e, Tigraay TV fi Dimtsi Wayyaanee TV, kan qabeenya TPLF ta'e qofadha.
Magaalaa naannoo Tigraay Maqalee keessatti kan argaman miidiyaaleen lameen kunneen ammoo, qondaaltota mootummaa naannichaa fi qaamolee mootummaa federaalaa qeeqaniif carraa kennuun hojjetu.
Afa-yaa'iin mana maree federeeshinii miidiyaaleen Tigraay odeeffannoo sobaa fi dogoggoraa facaasaa jiru jechuun wayita yakkan miidiyaalee kunneen lameen irratti waan qiyyaafatan fakkaatu.
Hidhaa fi sodaachisa, miidiyaa keessatti...
Tigraay keessatti akkuma mootummaan waraana labseen interneetiin bade. Bilbillis hagas mara waan hojjetu miti.
Gama kaaniin Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqale, gaazexeessitoonni ja'a hidhamuu ilaalchisuun yaaddoo akka qaban ibsanii turan. Maaliif akkasaan hidhaman garuu homaa hin jenne.
Gaazexeessitoonni kanneen akka Haftu Gabragzaabeer, Tsaggaayee Haddush, Abrahaa Hagos fi Udi Muusaa miidiyaalee biyya keessa irraa Sadaasa 10 hidhaman.
Gulaalaan barruu Addis Standard Medihane Iqubamikaa'el fi Awlo miidiyaa irraammoo Baqaaluu Alamiraw boodarra hidhaman.
Waajjirri ministira muummee haala yeroo ammaa biyyattii keessatti ta'aa jiru ilaalchisuun namuu odeeffannoo dogoggoraa fi hin mirkanoofne akka hin tamsaasne akeekkachiiseera.












