Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Magaalaa Baahirdaaritti yeroo sadaffaaf haleellaan raawwate

Magaalaa Baahirdaar
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Baahirdaar

Guyyaa har'aa, Wiixata, ganama naannoo sa'aatii 12:20 irratti magaalaa Baahirdaaritti torban lama gidduu yeroo sadaffaaf sagaleen dhoohinsaa guddaa dhagahamuu jiraattonni BBC'tti himan.

Jiraataan BBC'n dubbise tokko dho'iinsa sadii dhagahuu yoo himan, jiraataan biraammoo dho'iinsa lama dhagahuufi haleellaa rookeeti kana dura raawwateen walfakkaatu dhagahuu himan.

Gaazexessaan BBC bakkas jiru ganama har'aa yoo xiqqaate dho'iinsa sadii dhagahuu hime.

Dhimmicharratti mootummaan naannichaas ta'e miidiyaan naannichaa waan dubbate hin qabu.

BBC'n hanga yoonaa haleellaan ganama raawwate rookeetii ta'uufi ta'u dhabuusaa, akkasumas haleellaa kanaan miidhaan dhaqqabe yoo jiraate mirkaneessuu hin dandeenye.

Kana dura dho'iinsa rokeetii hordofee sagaleen dhukaasaa akka dhagahamu kan himan jiraattonni, har'a ganama garuu haleellaa rokeetii booda dhukaasa akka hin dhageenye himan.

Haleellaa kana dura raawwate hordofee, haleellaan magaalaa Baahirdaarirratti yoo raawwatu kan ammaa yeroo sadaffaafi.

Kana dura, Sadaasa bultii 03 fi 11 bara 2013, magaalaa Baahirdaaritti haleellaa rokeetii lama akkasumas magaalaa Gondar irratti haleellaan rookeetii tokko raawwachuu ni yaadatama.

Magaalota lamaan alatti gara magaalaa guddoo Ertiraa Asmaraatti rokeetiin darbatamee ture.

Haleellaa rokeetii kanaaf qondaaltonni olaanoo TPLF mootummaan ajaja hidhaa itti baase nutu raawwate jechuun itti gaafatama fudhataniiru.

Haleellaa TPLF raawwate kanas Ameerikaan ibsa baasten balaaleeffattee turte.

Rokeetiin si'a lammataaf darbatamee miidhaa hangana jedhame akka hin dhaqqabsiisne ripportarri BBC bakkicha argamuun mirkanesseera.

Gaafa Kamisa halkan qixxee booda haleellaan magaalaa Baahirdaarirratti raawwate qonna boqqolloo naannawa buufata xiyyaaraa magaalattii argamu keessa bu'e.

Naannawa haleellaan rokeetii raawwatetti qonnaan bultoonni jiraatan Aadde Konxaayinahiifi Obbo Attinkut Kaasee, waa'ee haleellichaa yoo himan dho'insa dhagahaniin hirribaa ka'ani.

''Gaafa baanu garuu midhaan keenya nyaateera (gubeera),'' jechuun dubbatan.

Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensa Itoophiyaa Meejar Janaraal Yilmaa Mardaasaa, haleellaa rokeetii raawwateen miidhaan dhaqqabe akka hin jire yeroos miidiyaa biyya keessaaf dubbatanii turan.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Haala walfakkaatun Sadaasa 03, bara 2013 haleellaa rookeetii buufata xiyyaaraa magaalota Gondariifi Baahirdaar alaammate raawwatamee ture.

Waajjira Ministira Muummeetti Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Tigraayitti labsame ilaalchisuun waajjirri odeeffannoo kennu yeroos akka beeksisetti naannawa buufata xiyyaaraa ''miidhaan hamma tokko'' gaheera jedhee ture.

Mootummaa federaalaafi dhaaba Naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduu waldhibeefi himannaan yeroo dheeraaf ture xumura waggaa darbe naannichi ajaja mootummaa federaalaa malee filannoo gaggeessinaan hammaate.

Buufata waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraay jiruurratti haleellaa raawwate ibsuun, MM Abiy Ahimad tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajuu isaanii hordofee, humnoota federaalaafi TPLF'f amanamoo ta'an gidduu erga lolli eegale torban lama darbeera.

Kanaanis, dhibbaan kan lakkaa'aman akka du'an kan amanamu yoo ta'u, 30,000 ol kan ta'an immoo gara Sudaanitti baqataniiru.

Dhaabbileen gargaarsa namoomaa kennan karaatti deeggarsi taasifamu haalli akka mijatu gaafachaa jiru.