Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Magaalaa Baahirdaar irratti haleellaan rokeetii biraa raawwate

Magaalaa Baahirdaar
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Baahirdaar

Kamisa kaleessaa kan Jimaatatti bari'uf jedhu Magaalaa Baahirdaaritti haleellaan rokeetii biraa raawwachuu jitaattonniifi bulchiinsi naannichaa ibse.

Gaazexessaan BBC bakkas jirus barii kaleessaa Sadaasa 10, 2013 halkan qixxee sa'aatii 7:30 booda dhukaasni rokeetii dhagahamuu mirkanesseera.

Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa Meejar Janaraal Yilmaa Mardaasaa waa'ee haleellaa rokeetii raawwate Raadiyoo Shaggariif akka dubbatanitti taanaan miidhaan dhaqqabe hin jiru.

Dabalanis, ''du'a xumuraa waan ta'ef gara ummataa dhukaasan. Garuu miidhaan dhaqqabe hin jiru. Bosona keessa kufe. Naannoo sana namni hin turre,'' jedhan Meejar Janaraal Yilmaan.

Haleellaa raawwate jedhaniifis ''yeroo gabaabaa keessatti tarkaanfii deebii kennina'' jechuun dubbachuun isaanii gabaafameera.

Miidiyaan naannichaa halkan sa'aatii 7:40 irratti haleellaan rokeetii Baahirdaaritti raawwachuu mirkaneessuun, kan raawwates dhaaba Naannoo Tigraay bulchu, TPLF'n, ta'u ibse.

Himannaa kanaaf gama TPLF'n deebiin kenname hin jiru.

Akka miidiyichi gabaasetti haleellaa raawwaten miidhaan dhaqqabe hin jiru.

Haala walfakkaataan torban tokko duras gaafa Sadaasa 03, 2013 buufata xiyyaaraa Magaalaa Gondariifi Baahirdar jiraniirratti haleellaan rokeetii raawwachuun ni yaadatama.

Dabalataanis, haleellaan walfakkaataa biyya ollaa Itoophiyaa Ertiraatti raawwatu kan ibsame yoo ta'u, waa'ee haleellaa raawwates ta'e miidhaa dhaqqabe gama mootummaa Ertiraa ibsi kenname hin jiru.

Qondaalli olaanaa TPLF Obbo Getaachoo Raddaan magaalota kanneen irratti haleellaa rokeetii kan raawwate TPLF ta'uu, televijinii Tigraay irratti dhihaachuun mirkaneessanii turan.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Tigraay irratti kaa'ame ilaachisuun giddugalli waajjira Ministira Muummeetti odeeffannoo kennu akka yeroos beeksisetti, haleellaa rokeetiin naannawa buufata xiyyaaraa ''miidhaa hamma tokko'' gaheera.

Mootummaa federaalaafi dhaaba Naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduu waldhibeefi himannaan yeroo dheeraaf ture xumura waggaa darbe naannichi ajaja mootummaa federaalaa malee filannoo gaggeessinaan hammaate.

Buufata waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraay jiruurratti haleellaa raawwate ibsuun, MM Abiy Ahimad tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajuu isaanii hordofee, humnoota federaalaafi TPLF'f amanamoo ta'an gidduu erga lolli eegale torban lama darbeera.

Kanaanis, dhibbaan kan lakkaa'aman akka du'an kan amanamu yoo ta'u, 30,000 ol kan ta'an immoo gara Sudaanitti baqataniiru.

Dhaabbileen gargaarsa namoomaa kennan karaatti deeggarsi taasifamu haalli akka mijatu gaafachaa jiru.