Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: 'Daa'imman hin jiruu hin beekne qabannee beela'aa jirra'- baqattoota

Baqattoota Tigraay irraa daangaa Sudaanitti cehan - ijoollee

Madda suuraa, Getty Images

Lola waraanaa mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduutti mudate hordofee, guyyaa guyyaan namoonni 4,000 ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'anii gara Sudaan baqataa akka jiran ragaaleen ni mul'isu.

Torban lamaa ol kan lakkoofsise lolli naannoo Tigraay lubbuu lammiilee dhibbaan lakkaa'amanii gaaga'eera, kumaan kan lakkaa'aman ammoo baqaaf saaxilamaniiru.

Lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa karaa Tigraay daangaa ce'anii gara Sudaan galaa jiranii guyyaa guyyaan dabalaa kan jiru yoo ta'u, hanga yoonaa kanneen Sudaanitti baqatan 36,000 ga'aniiru.

Lammiileen Itoophiyaa gara Sudaan baqataa jiran gaddaa fi gadadoo akkasumas yaaddoo fi sodaadhaan kan guutaman yoo ta'an, isaan keessaa walakkaa kan ta'an daa'imman ta'uu ragaaleen ni mul'isu.

Baqattoonni maal jedhu?

Ijoolleeshee afurii fi abbaa manaashee waliin naannoo Humaraa irraa baqattee laga Takazee qaxxaamuruun, bulchiinsa Sudaan jala kan jirtu naannawa Hamdaayititti kan argamtu haati tokko haala rakkisaa keessa akka jirtu BBC'tti himteetti.

''Haleellaan wayita eegalamu huccuu keenyallee osoo hin fudhatin Humaraa irraa gara Hamdaayit baqanne. Haleellaan wayita hammaataa deemu riqicha jala dhokanne. Cinaa keenyatti kufaa ture'' jechuun sodaa keessa turte ibsiti.

''Erga as geenyees baayyee rakkanne,'' jechuun haalli amma keessa jiranis baayyee yaaddessaa ta'uu BBC'tti himteetti.

Baqattuun Itoophiyaa kun akka jettutti lammiileen Sudaan isaan gargaaruuf yaalii taasisanillee, lakkoofsi baqattootaa daran heddummaachuurraa kan ka'e humnasaanii ol ta'aa jiraachuu dubbatte.

''Warri Sudaan haala gaariidhaan nu keessummeessaa jiru. Daakuu fi misira nuuf qoodaniiru. Yeroo ammaa garuu namni baayyannaan humansaanii ol ta'eera.

Isaan galmaa'aa gara Sudaan seenaa nuun jedhu. Nuti garuu maatii keenya kaan, jaarrolee dhiisnee baqannee waan baaneef, asuma Hamdaayit turuu filanneerra,'' jette.

Bakka ammasaan qubatanii jiranitti lakkoofsi namootaa giddu galeessaan kuma kudhan akka ta'u dubbatti baqattuun kun.

Humaraa irraa ka'anii hanga bulchiinsa Sudaan 'Hamdaayit' jedhamu ga'anitti, rakkoo hamtuun isaan mudachuu kan dubbattu baqattuun kun, ''daandii irra osoo jiranii dubartoonni hakiima malee lakkuu da'anillee jiru.

Daa'imman reef dhalatan osoo hin cuuphin kan nu waliin daandii dheeraa imalanillee jiru,'' jechuun BBC'tti himteetti.

Kana malees daa'immanii fi jaarroleen dhukkubsatan akka isaan waliin jiran kan himtu haati kun hawaasi idila addunyaa akka isaaniif birmatu cimsitee gaafatteetti.

Maatiishee shan waliin Humaraa irraa ka'anii Hamdaayit kan galan haati kan biraan ammoo, ''Gammoojjii keessa erga seennee guyyaa kudhan guuteera. Mana keenyaa homaallee qabannee osoo hin ba'in faffacaanee muka jala jirra,'' jette.

Daa'immaansaanii waliin gammoojjii keessatti beelaaf saaxilamaa jiraachuu kan dubbattu baqattuun Itoophiyaa kun, ''daa'imman hin jiruu hin beekne qabannee beela'aa jirra'' jechuun BBC'tti himteetti.

Lammiileen walitti fufiinsaan gara Sudaan baqataa jiraachuu kan himu dargaggeessi baqataa ta'e tokko ammoo, hunduu haaluma wal-fakkaatuun harka duwwaa waan baaneef, ''keessumaa daa'imman gar-malee nu jalaa beela'aa jiru'' jedhe.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Yaaddoo UN

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii gamasaatiin dhiibbaa lolli Tigraay uumaa jiru erga xiinxalee booda, ''hawaasi rakkoof waan saaxilamuuf biyyattiin balaa keessatti kufuu malti'' jechuun akeekkachiisaa jira.

''Naannoo Tigraay irraas uummanni baay'inaan buqqa'aa jira. Kun akkaan nu yaaddesseera. Hanga nuuf danda'ametti goolama hawaasaa kanaaf qophaa'aa jirra,'' jechuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Dubbi Himaan dhimma mirgoota namoomaa Jeensi Laarki dubbateera.

Kanneen Tigraay keessaa qe'eesaaniirraa buqqa'aa jiran, warra gara Sudaan baqataa jiran baay'inaan ni caalu jechuun yaaddoo qabu ibseera UN.

Kanaafuu buqqaatota naannoo Tigraay gargaaruuf haalli mijachuu akka qabu gaafateera.

Baqattoota

Madda suuraa, EBRAHIM HAMID

Daandiiwwan gara Tigraay geessan cufamuusaaniirraan kan ka'e, uummatii fi buqqaatonni deggersa barbaadan rakkoo keessatti kufaniiru jedha dubbi himaan kun.

Sudaan waliin kallattii dhihaan daangaa kan qooddattu Tigraay, baqattoonni kumaan keessaa baqataa jiran, Sudaanitti argamu jedha Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii damee Sudaan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad lolli kun kan yeroo gabaabaa fi miseensota TPLF muraasa irratti kan qiyyaafateedha, olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii fudhatamaa jiruudha jechuun ibsu.

Yeroo gabaabaa keessatti akka goolabamus dubbatu.

Mootummaan Naannoo Tigraay gamasaatiin lolli kallattii hundaan irratti labsamee akka jiruu fi uummatarratti kan qiyyaafate ta'uu ibsa.

Lolli Tigraay akkamiin eegale?

Paartiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy ALA 2018 keessa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.

MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan, malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan, kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.

TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.

MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatanii ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun, tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.

TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.

Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeresse ammoo wal diddaan caalaa guddate.

Naannoon Tigraay Fulbaana keessa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murtee dabarse.

Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heeraa kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.

Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin walitti dhufeenya akka dhaabu, akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.

Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.

Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.