Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: MM Abiy humnoonni Tigraay keessaa harka akka kennatan yeroo 'xumuraaf' sa'aatii 72 kennan

An Ethiopian refugee who fled fighting in Tigray province carries her baby as she walks at the Um Rakuba camp in Sudan's eastern Gedaref province

Madda suuraa, AFP

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, wayita loltoonni gara magaalaa Maqaleetti qajeelaa jiran kanatti humnoota Tigraay keessa jiraniin harka kennachuuf sa'aatii 72 kennan.

MM Abiy hogganoota TPLFn ''aduun keessan lixaa jirti'' jechuun harka akka kennatan ergaa dabarsan.

Gaarreeniin ka beekamtu naannoo Tigraay kan bulchu Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF), haga dhumaatti nan falmadha jechuun irra deddeebiin hima.

Lola kanaan haga ammaa dhibbaan kan lakkaa'aman yogguu lubbuu dhaban, kumaatamni buqqa'aniiru. UN lolli kun hawaasarratti rakkoo namoomaa geessisa jechuun akeekkachiiseera.

Guyyootaan duras waraanni Itoophiyaa jiraattota Maqalee 500,000 tahanif ergaa dabarseen, waraanni magaalattii ''marsuun meeshaalee waraanaa jajjabootti waan dhimma ba’uuf'' lammiileen akka of eeggatan akeekkachiisi kennameera.

''Gama kanaan dhiifamni hinjiru,'' jedhan dubbi himaan waraanaa.

Hogganaan TPLF fi bulchaan naannichaa Dabratsiyoon GabraMikaa'el Rooyitarsitti akka himanitti, humnoonni isaanii adeemsa waraana federaalaa irratti gufuu ta'aa jira jedhan.

''Dambaliiwwan garagaraa ergaa jiranis, tasumaa hin milkoofne,'' jechuun Rooyitarsitti himan.

Gama kaaniin, buufanni xiyyaaraa magaalaa Aksuum hidhattoota TPLF'f amanamoo ta'aniin diddigame jechuun qondaaltonni Itoophiyaa himaniiru.

Himannaa dhihaatef gama TPLF'n wanti ibsame hin jiru. Sababa tajaajilli telekoomii cite jiruufis qaama walabarraa mirkaneessuun hin danda'amne.

Buufatni xiyyaaraa Aksum hidhattoota TPLF'n diddiigame jechuun qondaaltonni Itoophiyaa himatu

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Buufatni xiyyaaraa Aksum hidhattoota TPLF'n diddiigame jechuun qondaaltonni Itoophiyaa himatu

Karoorri mootummaa maali?

Mootummaan federaalaa akka jedhetti magaalota gurguddoo naannichaa kanneen akka Aksum, Adwaa fi Addigraat fa'i to'achuu beeksiseera.

Haatahu malee, erga lolli waraanaa kun eegalee as qunnamtiin adda cituu isaatiin, odeeffannoo kana qaama walabarraa mirkanneessuu daran cimaa taasiseera.

Ibsa guyyaa Dilbataa baheen MM Abiy hogganoota TPLFn: ''Deemsa badii keessanirratti aduun dhihaa jirti, akkasumas bakka keessaa bahuu hin dandeenye keessa galuu keessan amantanii, sa'aatiiwwan 72 ittaanan keessatti nagayaan harka akka kennitan isin gaafanna. Carraa dhumaa kanatti itti fayyadamaa,'' jedhan.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Kana malees humnoonni naannichaa ''nagaan harka kennuu'' akka qabaniifi jiraattonni Magaalaa Maqalee ammoo waraana mootummaa deeggaruun ''garee gantootaa kana seeratti dhiyeessuuf'' shora akka taphatan gaafatan.

Jimaata dabre, Pirezidantiin Afrikaa Kibbaafi dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Siiril Raamaafosaa, haala lolli kun itti xumura argatuuf jaarsummaa akka taa'aniif, pirezidantota duraanii Afrikaa sadii muuduu ibsan.

Haa tahu malee, Itoophiyaan yaada kana kuffisteetti - oppireeshiniin kun dhimma keessoo fi ''seera kabachiisuuti'' jechuun.

''Yakkamtoota waliin hin mari’annu. Teenyee waliin mari’anna osoo hin taane qabnee seeratti dhiyeessina,'' jechuun gorsaan olaanaa Ministira Muummee Abiy, Obbo Maammoo Mihratuu BBC’tti himan.

"Obboloonni keenya Afriikaa yoo TPLF irratti dhiibbaa uumuun harka kennachiisan, ga’ee olaanaa gumaachuu danda’u. Kanaaf ammoo eenyuyyuu gara Maqalee imaluu hin barbaachisu.''

Obbo Mihiratuun akka jedhanitti, dureewwan duraanii biyyoota Mozaambiik, Laayibeeriyaafi Afrikaa Kibbaa guyyoota muraasa keessatti biyyattii gahan, gara Maqalee imaluu hin danda’ani - oppireeshiniin waraanaa gaggeeffamaa waan jiruuf.

Erga lolli Tigraay eegalee as malli qunnamtii fi geejjibi ugguramee jira.

Gorsaan MM Abiy kun dabalanii ''mootummaan ejensiiwwan UN qarqaarsa barbaachisu uummata Tigraayif akka dhiyeesssaniif,, waan godhu mara gochaa jira,'' jedhan.

Miidhaan qaqqabaa jiru hagam?

Dhaabbileen gargaarsa kennan naannawa lolli itti gaggeeffamaa jiru ga’uu hin dandeenye.

Erga lolli eegalee ammoo lammiileen dhiibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu akka hin oolle dubbataa jiru.

Haga ammaatti lammiileen 33,000 ta’an daangaa ce’uun Sudaanitti baqataniiru.

Lolli kun haga ji’oota ja’an itti aananiitti yoo itti fufe, lakkoofsi baqattootaa dabaluu yaaddoo kan qabu UNHCR, haga namoota 200,000’f simachuu akka danda’utti haala mijeessaa jiraachuu hima.

Baqattoonni gara Sudaan seenan kan dabalan yoo ta’e ammoo, darbee biyyattiis tasgabbii dhorkuu danda’a yaaddoo jedhu ibseera UN.

An Ethiopian who fled the ongoing fighting in the Tigray region, on the Sudan-Ethiopia border in eastern Kassala state, Sudan, 14 November 2020

Madda suuraa, Reuters

Sababni isaa ammoo Sudaan durumaanuu baqattoota biyyoota Afriikaa garaagaraa irraa garas imalan miiliyoonaan lakkaa’aman keessummeessaa waan jirtuuf.

Baqattoonni Sudaan seenaa jiran irra jireessaan ijoolleedha jedha UN.

Lammiileen deeggarsa barbaadan kumaan lakkaa’aman kanneen Itoophiyaa keessa iddoo adda addaa jiran qaqqabuuf, nagaan bu’uun dirqama jedhu dhaabbileen deggarsaa.

Dhaabbileen qarqaarsaa nyaataafi dawoo namoota daangaa cehaniif doolaara miiliyoona 50 gaafachaa jiran.