Lola Tigraay Itoophiyaa Keessaa: Ergamni addaa Gamtaa Afriikaa MM Abiy waliin mari'achuudha malee jaarsummaaf miti jedhame

Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi Pireezidantii Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa

Madda suuraa, Abiy Ahimad

Gamtaan Afrikaa hooggantoota biyyoota Afrikaa duraanii sadii lola mootummaa Federaalaafi Naannoo Tigraay gidduutti godhamu mariin akka furan Finfinneetti erguuf ta'uu ibse.

Dura taa'aan gamtichaa Siriil Raamaafoosaa Pireezidantii Itoophiyaa, kan MM Abiy bakka bu'uun kaleessa gara Afrikaa Kibbaa deeman Saahilawarq Zawdee waliin wal arganii mariyachuullee ibsaniiru.

Marii isaanii kanarrattis dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Raamaafoosaan aanga'oota mootummaa sadii kan gamticha bakka bu'anii lola Tigraay akka furan erguuf ta'uu pireezidant Saahilawarqitti himuun ibsameera.

Ergamtootni addaa Ramafoosaan filataniis Pireezidantii duraanii Moozaambiik, Joaquim Chissano, Pireezidantii duraanii Laayibeeriyaa, Ellen Johnson-Sirleaf fi Pireezidantii duraanii Afrikaa Kibbaa Kgalema Motlanthe dha.

Ergamtoota Addaa(special envoy) Gamtaa Afrikaa ta'uun guyyoota dhufan keessatti Itoophiyaatti ni imalu kan jedhaman namootni sadeen kunneen, qaamolee lola kana keessatti hirmaatan ni mariisisuu jedhameera.

''Hojiin isaanii inni guddaan qaamolee lola kana keessa jiran walitti fiduun lolli akka dhaabatu gochuu, dhimmoota qaamolee lamaan gara lolaatti fide irratti mariin biyyaalessaa akka gaggeefamu haala mijeessuufi Itoophiyaa keessatti nagaaf tasgabbiin akka deebi'u gochuudha'' jedha maxxansi fuula twiitaraa dura taa'aa Gamtaa Afrikaa.

Pireezidantiin Itoophiyaa Saahilawarqi Zawdee marii pireezident Ramafoosaa waliin gaggeesaniin bu'uura jalqabbii lola kanaa ibsuufi rakkoo kana furuuf Gamtaan Afrikaa Itoophiyaa akka gargaaru gaafataniirus jedha maxxansi kun.

Mootummaan Itoophiyaa maal jedhe?

Pireezidant Saahilawrq Zawdee ''yaaddoo michootni keenya qaban keessumaa kan Gamtaa Afrikaa ni hubannaa sababni isaas Itoophiyaan mana isaaniiti'' jedhan. 

Mootummaan Federaalaa ''Opireeshinii olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaaggeessuun kanneen badiisa qaqqabe keessaa harka qaban seeratti dhiyeessuurra jiraa'' jedhan. 

''Pireezidantichi ergamtoota addaa aanga'oota keenya wajjin mariyatan Finfinneetti erguuf murteessuu hubadheera.''

Pireezidantichi dhimma hidha haaromsa Itoophiyaarratti mariin Gamtichaan duramu akka gaggeefamu hojii hojjetaniifis galateefadheera'' jedhan.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu

MM Abiy lola kana furuuf yaada Gamtaan Afrikaa dhiyeesse fudhachuun maxxans twiitaraa fuula dura taa'aa Gamtaa Afrikaa ibseera.

Haata'uutii gidduugalli Labsii yeroo muddamaa Tigraay irratti odeeffaannoowwan qulqilleessu odeeffannoon Itoopiyaan rakkoo jiru mariin fufruuf waliigalte jedhu dogoggora jedheera.

MM Abiy ergamtoota addaa Gamtichaa waliin walarganii mariyatu malee lola kana jaarsummaan furuuf waliigalan kan jedhu sirrii miti jedheera.

Dura taa'aan gamtichaa Raamaafoosaan ''MM Abiy Ahimad yaada kana fudhachuu isaaniif nan galateeffadha, ergamtootni addaa kun hojii hojjetaniif haala mijeessuuf hoji mootummaan Itoophiyaa hojjetus ni deeggarra'' jedhan.

Ergamni amma Itoophiyaatti gamtichi gaggeessuuf jiru ilaalcha ''Rakkoolee Afrikaaf, furmaata Afrikaa kennuu''fi ''meedhaalee waraanaa callisiisuu' kan jedhuun kan hubatamu ta'uu ibsaniiru.

Raamaafoosaan biyyi teessoo Gamtaa Afrikaa taateefi hundeessituun Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa, Itoophiyaan biyya gita bittaa koloneeffattootaan hin bitamne ta'uun ''mallattoo boodaa Afrikaanotaatii'' jedhaniiru.

Lolli naanno Tigraayitti gaggeefamaa jiru kuniis mariin qaamolee waldhaban gidduutti gaggeefamuun akka furamu fedha guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Lolli kun kan yaaddoo ta'u biyyoota naannicha jiraniif qofa osoo hin taane aardittii guutuufi jedhaniiru.

Tattaaffiin lola kana mariin furuuf godhaman akkuma jiranitti ta'ee lola adda garaagaraan godhamu itti fufeera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Raayyaan Ittisa biyyaa magaala Addigiraat to'annoo TPLF jalaa baasuu ibsaniiru.