Somaaliyaan dhimma Itoophiyaan shakkameen Ministira Dhimma Alaa aangoorraa kaaste

Ministira Dhimma Alaa aangoorraa kaafaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa aangoorraa kaafaman

Ministirri Muummee Somaaliyaa, Mohaammad Huseen Roobilee, Ministira Dhimma Alaa biyyattii, Ahimad Isse Awaad, aangoorraa kaasan.

Minisitirri Dhimma Alaa biyyattii aangoorraa kan ka'an ejjennoo Somaaliyaan lola naannoo Tigraay keessa adeemaa jirurratti qabatteen waldhibdeen erga uumame boodadha.

''Ibsa waajjira ministira muummee Somaaliyaarraa baheen, Mohaammad Abdirizaaq Mohaammud Abubakar nama dura turan bakka bu'uun, ministira dhimma alaa ta'un muudamaniiru,'' jedha marsariitiin raadiyoo mootummaa.

Ministirri aangoorraa kaafaman ambaasaaddara ta'uun muudamuun isaanii gabaafameera.

Haa ta'u malee, yaada tiwiitara gubbaa barreessaniin ''yeroo ammaa ambaasaaddaras ta'e hojii biraaf qophii miti,'' jechuun barreessan.

Waajjirri Ministira Muummee Somaaliyaa ministirri Dhimma Alaa maaliif aangoorraa akka kaafaman wanti ibse hin jiru.

Gaafa Kamisaa garuu Obbo Awaad lola Itoophiyaa keessa adeemaa jiruurratti Somaaliyaan ibsa hin baasne jedhanii tiwiitara gubbaa barreessaniiru.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Isa dura sa'aatii muraasa dura ministirri dhimma alaa Somaaliyaa ibsa baasen ''tokkumaa Itoophiyaa akka deeggaran'' ibseera.

''Somaaliyaan mootummaa Itoophiyaa hooggansa ministira muummee Abiy Ahimadin hogganamu heeraafi daangaa biyyattii kabachiisuuf dalagu bira dhaabbatti,'' jedheera ibsi bahe.

Garuu, ibsi suni boodarra kaafame.

Mootummaan Itoophiyaa erga buufata raayyaa irratti haleellaa raawwachuun himatee, bulchitoota naannoo Tigraay kaasuuf oppireeshinii waraanaa erga eegale torban lama darbeera.

Itoophiyaan loltoota hedduu qaama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti hiriiraniifi nagaa kabachiisuuf Somaaliyaa ramadaman qabdi.

Kanneen keessaa, torban darbe raadiyon Somaaliyaa Raadiyoo Dalsan jedhamu Itoophiyaan waraana 3,000 akka baastu gabaasee ture.

Haa ta'u malee, dhimma kana irratti ifatti mootummaa Itoophiyaa irraa wanti ibsame hin jiru. Gabaasonni garaa garaas lakkoofsa addaa addaa ibsu.