Sudaanii fi Masrii shaakala xiyyaara waaraanaa waliini Sudaanitti eegalan

Madda suuraa, Getty Images
Sudaaniifi Masriin Kaaba Sudaan buufata waraanaa Meeroweetti shaakkala xiyyaara waraanaa eegalani.
Yaalii shaakala xiyyaaraa kana 'Nile Eagles 1' jechuun moggaasaniiru.
Shaakalli waliinii xumura torban darbe eegale kun hanga Sadaasa 26tti kan fufudha.
Erga bulchiinsa pirezdaantii duraanii Sudaan Jaafar al-Nimerii bara 1970’n as shaakkalli waraanaa akkanaa qindoomina biyyoota Kaaba Afrikaa lamaan yoo taasifamu kan duraati.
“Shaakaalli waliini kun, waraana qilleensarra karoorsuufi to'achuu, xiyyaarota biyyoota lamaaniin haleellaa fi ittisaa qilleensarra gaggeessu dabalatee wantoota heddu irratti ni xiyyeeffata.
''Dabalataanis humnooti qilleensa kun shaakala baraaruu irrattis ni hojjata,” jechuun dubbi himaan waraana Masrii ibsaniiru.
Hoggantoonni waraanaa Sudaanii fi Masrii Onkololeessa 31 magaalaa gudditti Sudaan Kaartuumitti wal arguun qindoomina waraana waliini isaanii cimsuuf walii galaniiru.
Shaakalli kun kan eegale mariin Hidha Abbayyaa Sudaan, Masirii fi Itoophiyaa gidduutti gaggeeffame milkaa’iina malee erga xumuramee guyyaa muraasa boodadha.
Akkasumas yeroo Itoophiyaan bulchitoota naannoo Tigraay waliin waldhibdee waraanaa gidduu seente dhagahame.
Jalqaba Onkololeessaatti Itoophiyaan sababa nageenyaan xiyyaarri kamuu Hidhaa Abbaayyaa gubbaa akka hin balaliineef dhorkiteetti.
Hidhaan Afrikaa keessatti isa guddicha ta’a jedhamee eegamu kun, haariiroo Itoophiyaa fi Masirii gidduu jiru gariin ammoo kan Sudaan waliin jirus booresseeera.














