Hidha Haaromsaa Guddicha: Itoophiyaan naannawaa qilleensa Hidhichaarra balali'uu dhorkite

Suuraa hidha guddicha Haaromsaa

Itoophiyaan 'naannawa qilleensaa Hidha Haaromsaa Guddicha gubbaan balaliinsa dhorkituu' himame.

Itoophiyaan sababiiwwan nageenyaatiif jecha naannawa qilleensa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irraa akka hin balaliineef dhorkuu BBC Monitoring gaazeexaa biyya keessaa Riippoortar waabeefachuun kan gabaase.

''Daareektarri olaanaa Sivila Aviyeeshinii Itoophiyaa, Kol. Wasaniyelleh Hunenyaaw gaazexichatti akka himaniitti, haaluma marii qaamoolee nageenyaa waliin taasiifameen, naannwaan qilleensaa Naannoo Beenshaangul Gumuz keessaa (kan Kaaba-Lixaa biyyaatti argamu) fi bakka Hidhi Haaromsaa Guddichii itti ijaaraamaa jiruutti maxxanee argamuu balaliinsa hundaafuu cufaadha,'' akka gaazeexaan Riipoortar gabaaseetti.

Itti-dabaluunis xiyyaarrii imaltootaa ta'e kan meeshaa fe'u kamiyyuu karaa Hidhaa sanarra balali'uun dhorkaadha, garuu ammoo yoo gaafatame hayyamni ni kennama jedhera.

Ajajaan Human Qilleensaa, Meejar Janaraal Yilmaa Mardaasaa gama isaanitiin torban darbee keessa humni qilleensaa biyyattii jeettiiwwan waraanaasaa hammayyeessuufi Hidhicha haleellaa diinaa kamirraayyu ittisuuf dandeettii kan qabu ta'uu akeekkachiisanii ture.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa kan ardii Afriikaatti isa guddaa ta'e ilaalchiisuun bara kana keessa Sudaan, Masriifi Itoophiyaa jiduutti mariiwwan hedduun taasifamanillee Masriifi Sudaan sababiiwwan adda addaa dhiyeessuun osoo waliigalteerra hin gahamiin hafeera.

Itoophiyaan garuu yeroo kamiyyu dhimmicha irratti mari'achuun waliigalteerra gahuuf qophaa'oo ta'ushee yeroo garaa garaatti ibsite jirti.