Yunvarsiitiin Wallaggaa warshaa cuunfaa maangoofi timaatimaa magaala Naqamteetti hundeessuuf

Maangoo

Madda suuraa, Getty Images

Yunvarsiitii Wallaggaa warshaa cuunfaa maangoofi timaatimaa magaala Naqamteetti hundeessuuf.

Omishni maangoo baayinaan kan itti argamu lixa Oromiyaatti warshaan maangoo hundaa'uun gara cuunfaatti jijjiiree gabaaf akka dhiheessuuf magaala Naqamteetti ijaarsa warshichaaf dhakaan bu'uuraa kan kaahame waggoottaan dura ture.

Pirojektiin bajata mootummaatiin ijaaramuuf ture kun garuu lafa bakka ijaarsa warshichaa hektaara shan ta'u erga qophaa'ee osoo hojiitti hin seenin hafeera.

Yeroo dhihoo asitti pirojektiin warshaa cuunfaa maangoofi timaatimaa kun gara kaampaanii dhuunfaatti jijjiiramuun dhaabbileen sheeriidhaan akka ijaaraniif qophaa'un isaa dhagahame.

Dhaabbileen kunneenis Intarpiraayizii Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa, TUMSA, Yunvarsiitii Wallaggaafi bulchiinsa godina wallagga bahaafi magaala Naqamteeti.

Pirezdaantiin Yunvarsiitii Wallaggaa Dr. Hasan Yusuuf BBCtti akka himaniitti, warshaa kana yeroo waggaa tokkoofi walakkaa hin caalle keessatti ijaarsasaa xumuruuf haaldureen xumuramaa jiraachuu dubbatan.

Waa'ee ijaarsichaa wayira dhiyaateetti

Madda suuraa, Dr Hasan Yesuf

Warshichi naannoo omishni maangoofi timaatimaa baay'inaan itti argamu keessatti kan ijaaramu waan ta'eef hawaasa naannootiifis bu'aa guddaa kan fidu ta'uu himan.

"Oromiyaa gara lixaa kana Naqamteedhaa kaasee hanga daangaa Sudaanittuu oomishni kun baay'inaan jira. Qonnaan bulaan lafa babal'aa irraa maangoo qaba. Dabalaataanis sanyii filatamaan maangoos akka bal'inaan omishamu taha," jedhan Pirezedaantiin Yunvarsiitii Wallagga.

Qorannoo waggoota dura taasifame warshaa kana ijaaruuf birrii miiliyoona 200 qabamee turus amma garuu bajatni isaa hanga birrii biiliyoona walakkaa akka gahuu malus himan Dr Hasan.

Seeronni, qorannoon bu'a qabeessummaa fi haaldureewwan biroo xumuramaa jiraachuufi yeroo dhihoottis gurgurtaan aksiyoonaa ni jalqabama akka Dr. Hasan BBCtti himanitti.

Warshichi yeroo hojii jalqabuttis cuunfaa maangoofi timaatimaa bal'inaan gabaadhaaf akka dhiheessus himan.