Haqa: Abukaatoonni Obbo Jawaar, Obbo Baqqalaafi kaan doorsisinniifi miidhaan nutti hammaachaa jira jedhan

Madda suuraa, MARK METCALFE
Abukaatota Obbo Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoota biroof kan seeraan dhaabbataniif falmaa jiran yeroo dhihoo asitti doorsisniifi haleellaan nurra gahaa jira jechuun BBCtti himan.
Ajjeechaa wellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin booda hogganoota paartilee siyaasaafi miseensota dabalatee galmeen himannaa namoota too'annaa jala oolfaman kan biroos manneen murtii adda addaatti ilaalamaa jira.
Namoota himataman kanaaf abukaatoo dhaabbatanii falmaa kan jiran ammoo ogeessonni seeraa garee tokkoon socho'aniifi miseensota 13 qabantu jira.
Abukaatonni kunneen Obbo Jawaar Mohaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee dhadhacha himatamtoota biroo irratti gareedhaan dhaabbatanii falmu.
Oeessonni seeraa kunneen ogummaa qabnuun maamiltoota keenya tajaajilaa jiraannus sababa namoota himataman kanaaf falminuuf yeroo dhihoo asitti doorsisinii fi haleellaan nurra qaqqabaa jira jechuun komatu.
Garee Abukaatotaa kanneen bakka bu'uun BBC'dhaaf yaada isaanii kan kennan Obbo Misgaanuu Mul'ataa waan isaanirra gahe himuudhaan jalqaban.
"Mana murtii Magaala Buraayyuutti himatamaa tokkoof falmee yeroon bahu, poolisii natti erganii biirootti na waaman.
Sana booda akkuma waajjira seeneen arrabsoodhaan na jalqabe. Bilbila narraa fuudhee sakatta'e. Ati shaneedha jedhanii na hidhan" jedhu.
Kanana alattis, Magaala Finfinnee waajjira Poolisii Araadaatti abukaatota achitti argaman poolisiidhaan meeshaa waraanaatiin doorsifamanii ari'amuus himan.
Akkasumas konkolaataa Abukaatotaa cabsuun dokumantiin kan jalaa hatames akka jiru himu Obbo Misgaanuun.
"Hidhamuun, arrabsamuun xiqqeeffamuun, doorsifamuun namootni naannoo jireenyaa hanga gadhiisanii deemutii gahan jiru. Kanaafuu dhiibbaa mul'atuu fi xiinsamuutu nurra gahaa jira" jedhaniiru.
Dhimma kanarratti kan gaafanne itti aanaan Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, dhiibbaa abukaatonni nurra gahe jedhan kana ilaalchisee ''odeefannoon waajjira keenya gahe hin jiru'' jedhan.
"Odeeffannoo kana hin qabu ani. Isaan ogeessotta seeraati. Seera waan beekaniif komii akkanaa yoo qabaatan eenyu biratti iyyachuu akka qaban warra beekaniidha. Hanga ammaa komiin gama kanaa tokkoyyuu nu bira hin dhufne" jedhan.
Hanga ammaatti abukaatonni dhadhacha irratti bilisummaadhaan yoo falman argaa turre kan jedhan Obbo Fiqaaduun, komii akkanaa yoo qabaatanis dhaddachumarratti wanti kuni nuuf haa sirratu jedhanii kaasuu ni danda'u jedhan.
Haata'u malee, ''dhiibbaan Abukaatotarra gahuun garuu madaallii kamiinuu fudhatamaa kan hin qabnedhas'' jedhan.
"Namni dhuunfaa waan kana raawwachuu mala. Akka waajjiraatti garuu wanti kuni ni raawwatama jedhee hin yaadu. Yoo ta'ee argames yakka guddaadha.
Isaan warra mirga hidhamtootaa kabachiisaniidha. Garuu dhugummaa komii kanaa irraa shakkiin qaba," jedhan Obbo Fiqaaduun.
Abukaatonni dhiibbaa irra gahe ragaa qabatamaa yoo qabaatan gara waajjira Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaatti dhiyaachuun komii isaanii dhiheessuu akka danda'an yaadachiisaniiru Obbo Fiqaaduun.















