Waa'ee namoota 22 Obbo Jawaar Mohaammad fa'i waliin himataman maal beekna?

Namootni 23 abbaan alangaa tibbana himata irratti bane hooggantoota siyaasaa, daldaltoota, hojjettoota eegumsaa /security/ fi hojiilee biroo irratti kan bobba'ani dha.
Magaala Finfinnee, Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Godina Baale, Yunaayitid Isteets fi Awustiraaliyaan iddoowwan namootni himatni itti baname jiraatan keessaadha.
Obbo Jawaar Siraaj Mahaammad
Nama siyaasaa fi rogeessa gameessa waggoota darban keessatti qalbii ummataa horatan fi siyaasa biyyattii keessattis dhiibbaa uumani dha.
Kana malees miidiyaa OMN hogganuun kan beekkaman Obbo Jawaar Mahaammad waggoota 13 booda ture bara 2018 gara biyyaatti kan deebi'an.
Ji'oota muraasaa as immoo paartii Koongirasii Federaalistii Oromoo KFOti makkamuun socho'aa turan yoo ta'u ji'a Waxabajjii keessa ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan poolisiin qabaman.
Obbo Jawaar labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaa fi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun himataman.
Qabamuun isaanii fi himatni irratti hundaa'e gochaa paartiin biyyattii bulchaa jiru filannoo keessaa isaan baasuf hojjechaa jirudha jechuun irra - deddeebbiin himataa turan.
Obbo Baqqalaa Garbaa
Barsiisaa yunivarsiitii fi nama siyaasa qabsoo karaa nagaa leellisuun biyyattii keessatti beekkamtii qabanidha.
Obbo Baqqalaa Garbaa dura taa'aa itti aanaa paartii Koongirasii Federaalistii Oromoo KFO yemmuu ta'an kana dura yeroo lama himatamanii al tokko hidhaan waggaa saddeetii irratti murtaa'uusaa yeroo tokko immoo himatni isaanii addaan citee gadhiifamuu himu.
Obbo Baqqalaa Garbaa nama umrii ganna 60 yemmuu ta'an isaanis ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee kan qabaman.
Reeffi Haacaaluu humnaan gara Finfinneetti akka deebi'u taasisuu fi hookkarri akka ka'u kakaasun yakkoota ittin himatamanidha.
Kana malees labsii bulchiinsaa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/3 darbuu kan jedhus himata abbaan alangaa Obbo Baqqalaa Garbaa irratti hundeesse keessatti argama.
Obbo Hamzaa Adaana (Booranaa)
Namoota baay'ee biratti sagantaa raadiyoo isaanii'Raadiyoo Daandii Haqaa' qopheessuun kan beekaman Obbo Hamzaan namoota waggaa 2 dura jijjiirama biyyattii keessatti uumame sababeeffachuun gara biyyaa galan keessaa tokko.
Gara biyyaatti erga deebi'anii boodas paartii Koongirasii Federaalistii Oromoo KFOti makamuun sochii taasisaa turaniiru.

Madda suuraa, Hamza Borana/Fb
Obbo Hamzaa Adaana nama ganna 34 yemmuu ta'an dhalattoota Amaaraa fi hordoftoota amantaa Ortodoksii irratti akkasumas uummata mootummaa irratti kakkaasuu kan jedhu himata abbaan alangaa irratti hundeesse keessatti argama.
Obbo Guutuu Mul'isaa
Jiraataa magaalaa Finfinnee yoo ta'an barnoota kutaa 10ffaa akka xumuraniifi hojii akka hin qabne dhaddacha irratti dubbataniiru. Obbo Geetun nama siyaasa biyyattii keessatti beekkamtii qaban miti.
Ajjeechaa Artiist Haacaaluu booda mormiin akka itti fufu bililaan ajaja kennuu, michuuwwan isaanii hin qabamne qindeessuun magaala Buraayyuu iddoowwan Keellaa fi Ashawaa meedaa jedhamanitti karaan akka cufamu gochuun himataman.
Dabalataan, reeffi Artiist Haacaaluu humnaan gara Finfinneetti akka deebi'u gochuun dhimmoota abbaan alangaa himata irratti dhiyeesse keessaa dha.
Obbo Dajanee Xaafaa
Ajjeechaa Artist Haacaaluu hordofee kan qabaman qondaalli olaanaa KFO Obbo Dajaneen, bara 1988 irraa eegalee yeroo 11f hidhamuu isaanii haati warraa isaanii Aadde Assalafach Mulaatuu BBC'tti himaniiru.
Yeroo dhumaaf Guraandhala 2018 himatni isaanii addaan citee hidhaadhaa kan bahan yoo ta'u dhiyeenya kana yakka heera mootummaafi mootummaa irratti raawwatamuun himatamuun isaanii ni yaadatama.
Obbo Dajanee Xaafaa barsiisaa akkasumas abukaatoo seeraati.
Mastawaard Tamaam
Jiraataa magaala Finfinnee fi hojii suuphaa mobaayilaa kan hojjetu ta'u galmee himatame irratti ibsameera.
Miidiyaalee hawaasummaatti fayyadamuun hookkara kakaasuu fi Obbo Jawaar irraa ergama fudhachuun namoota biroo walin ta'uun reeffi Artist Haacaaluu humnaan gara Finfinneetti akka deebi'u taasisuun himatame.
Arafaat Abuubakar Kadir
Barataa kutaa 12ffaa fi godina Baaletti jiraataa magaala Roobeeti. Arafaat dargaggoo umrii waggaa 22'ti.
Gama toora miidiyaa hawwaasummaa Fesbuukiitin dargaggoota kakaasuu Obbo Jawaar irraa ergama fudhachuun namoota biroo walin ta'uun reeffi Haacaaluu humnaan gara Finfinneetti akka deebi'u taasisuun himatame.
Amaan Qaalluu Baatii
Jiraataa magaala Finfinnee fi dargaggoo umrii waggaa 27'ti. Hojjettaa guyyaa akka ta'e dhaddacharratti dubbateera.
Ummatni Oromoo saboota biroo magaala Buraayyuu jiraatan irratti tarkaanfii fudhachuu akka qabu miidiyaa hawwaasummaa irratti barreessun gareen tokko isa biraarratti akka ka'u taasisuun himatame.
Kana malees Obbo Jawaar irraa ergama fudhachuun namoota biroo waliin ta'uun reeffi Artist Haacaaluu humnaan gara Finfinneetti akka deebi'u taasisuu kan jedhus himata abbaan alangaa dargaggoo Amaan irratti bane keessatti argama.
Alamaayyoo Galataa
Jiraataa magaala Burraayyuu fi hojii daldalaa (suuqii) irratti kan bobba'e akka ta'e dhaddacharratti dubbateera.
Ummatni Oromoo qabsoo hidhannoof of qopheessuu qaba jechuun akkasumas sabni tokko isa biraa irratti akka ka'u gama miidiyaa hawaasummaan kakaasuu kan jedhun himatame.
Kana malees, Obbo Jawaar irraa ergama fudhachuun namoota biroo waliin ta'uun reeffi Artiist Haacaaluu humnaan gara Finfinneetti akka deebi'u taasisuu kan jedhus himata abbaan alangaa Obbo Alamaayyoo irratti bane keessatti argama.
OMN
Waggoota 6 dura biyya Yunaayitid Isteets keessatti kan hundeeffame Oromiyaa Miidiyaa Neetwork (OMN) miidiyaa yeroo gabaabaa keessatti beekkamtii olaanaa horate dha.
Qabsoo ummata Oromoo waggoota darbaniin hidhata guddaa kan qabu OMN, bara 2018 gara biyyaa seenun waggoota lama kan ta'uf tamsaasaa ture.
Waajjirri dhaabbatichaa magaala Finfineetti argamu ajjeechaa Artist Haacaaluu booda sabaafi amantiin ummata walitti buusuun himatame akka cufamu taasifame.
Bakka bu'aan dhaabbatichaa mana murtiitti akka dhihaatan gaafatameera.
Dajanee Guutamaa
Miidiyaa OMN walin biyyatti deebi'ee kan ture Dajaneen gulaalaa olaanaan OMN'dha.
Waxabajjii 22 bara 2012 yeroo ajjeechaan Artist Haacaaluu itti dhagamee eegalee gama miidiyaa OMN'tin sabni tokko isa biraa irratti akkasumas ummatni mootummaa irratti akka ka'u fi haleellaa akka raawwatu kakaasun himatame.
Mallasa Dirribsaa
Erga to'annoo jala oolee ji'oota lamaa ol kan ta'e Mallasaan, gaazexeessaa fi gulaalaa miidiyaa OMN dha.
Waxabajjii 22 bara 2012 yeroo ajjeechaan Artist Haacaaluu itti dhagamee eegalee gama OMN'tin sabni tokko isa biraa irratti akkasumas ummatni mootummaa irratti akka ka'u fi haleellaa akka raawwatu kakaasun himatame.

Madda suuraa, Social Media
Shamsaddin Xahaa
Jiraataa magaala Finfinnee fi dargaggoon umrii waggaa 28 Shamsaddin Xahaa hojjetaa humnaa akka ta'e dhaddacha irratti dubbate.
Shamsaddin miidiyaa hawaasummaatti fayyadamuun garee tokko isa biraa irratti fi ummata mootummaa irratti kakaasuun himatame.
Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii
Hayyuu seeraa fi imaammataa akkasumas rogeessa kan ta'an Dr Birhaanamasqal ji'oota muraasa dura ture Yunaayitid Isteets magaala Los Anjalasitti gahee Qoonsilaa Jeneraalaa Itoophiyaa ta'un waggaa tokkof hojjetan irraa kan kaafaman.
Waxabajjii 23 bara 2012 gama OMN tin garee tokko isa biraa irratti akkasumas ummata mootummaa irratti kakkasaniiru kan jedhu himata abbaan alangaa irratti hundeessedha.
Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa
Yeroo ammaa Awustiraaliyaa kan jiraatan Obbo Tsaggaaye Raggaasaan Itoophiyaatti barsiisaa seeraa ta'un hojjetaa turan. Obbo Tsaggaayeen namoota abbaan alangaa iddoo isaan hin jiretti himata itti hundeesse keessaadha.
Obbo Tsaggaayeen ummatni mootummaa irratti akkasumas gareen tokko isa biraa irratti akka ka'u yaadun gama miidiyaa hawwaasummaan kakaasuun himataman.
Kana malees, toora Youtube 'Kush Media' fayyadamuun ummatni karaa fi magaalota cufuun mormiisaa itti fufuu qaba jechuun kakaasaniiru kan jedhus himaticha keessatti argama.
Boonaa Tibilee
Jiraataa magaala Finfinnee fi hojii daldalaa irratti kan bobba'e Boonaa Tibilee heeyyama malee meeshaa waraanaa qabachuu ykn olkaawuun himatame. Kana malees seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a, 35,38 fi 240/3 darbeera kan jedhus himaticha keessatti argama.

Madda suuraa, LTV
Ajajaa 50 Yaalamwarq Asaffaa
Raayyaa ittisa biyyaa keessatti waggoota 10 olif tajaajilee kabajaan gaggeefamuu isaa kanaan dura dhaddacha irratti kan dubbate ajajaan 50 Yaalamwarq Asaffaa eegdota Obbo Jawaar Mahaammad keessaa tokko.
Ajajaa 50 Yaalamwarq, seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a, 35,38 fi 240/3 akkasumas labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/2 darbuun himatame.
Saajini Olaanaa Geetuu Tarrafa
Miseensa Poolisii Federaalaa booda immoo eegdoo obbo Jawaar Mahaammad kan ta'e Saajini olaanaa Geetuu Tarrafa seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a, 35,38 fi 240/3 akkasumas labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/2 darbuun himatame.
Ajajaa 10 Taamiraat Huseen
Eegdoota Obbo Jawaar Mahaammad keessaa tokko kan ta'e ajajaa 10 Taamiraat Huseen heeyyama malee meeshaa waraanaa qabattee argamteerta jedhamuun seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a, 35,38 fi 240/3 akkasumas labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/2 darbuun himatame.
Saajini Olaanaa Bashir Huseen
Saajini Olaanaa Bashir Huseen eegdota Obbo Jawaar keessaa tokko. Heeyyama malee meeshaa waraanaa kilaashii fi shugguxii qabattee argamteerta kan jedhame Saajin Olaanaa Bashir, seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a, 35,38 fi 240/3 akkasumas labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/3 darbuun himatame.
Saajin Itti aanaa Sabbooqaa Qaaqoo
Eegdoota Obbo Jawaar Mahaammad keessaa tokko kan ta'e Saajin Itti aanaa Sabbooqaa Qaaqoo, seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a, 35,38 fi 240/3 akkasumas labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/3 darbuun himatame.
Ajajaa 50 Kennee Duumechaa
Eeddoon Obbo Jawaar Mahaammad Ajajaa 50 Kennee Duumechaa, seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a fi labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/2 darbuun himatame.
Ajajaa 50 Daawit Abdataa
Ajajaa 50 Daawit Abdataa eegdota Obbo Jawaar keessaa tokko yemmuu ta'u seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a fi labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/2 darbuun himatame.
Boggaala Dirribsaa
Jiraataa magaala Burraayyuu fi hojii konkolaachistummaa irratti kan bobba'an Obbo Boggaala Dirribsaa, seera yakkaa biyyattii bara 1996 bahe keewwata 32/1/a fi labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa lakk 1177/2012 keewwata 4/1 fi 22/2 darbuun himataman.
















