Himannaan hidhaa umurii guutuu ykn du'a adabsiisuu danda'u Dajaneerratti dhiyaate maali?

Madda suuraa, Facebook/Dajanee Xaafaa
Qondaalli olaanaa KFO Obbo Dajanee Xaafaafi galmee isaanii jalatti kan himatame Mastawaarid Tamaam, akkasumas addatti kan himatame Miishaa Adam Cirrii Kamisa Fulbaana 03 bara 2020 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhiyaataniiru.
Obbo Dajanee Xaafaa tumaa seera yakkaa bara 1996 A.L.Itti baheen keewwata 238 keewwata xiqqaa 2 darbuun yakka heera mootummaafi mootummaa irratti raawwatamuun wal qabatuun himatamuu abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu BBC'tti himaniiru.
Himannaan kun adabbii hidhaa umurii guutuu ykn ajjeechaa kan namatti murteessiisuu maludha jedhu.
Haata'u malee, keewwatni ittiin himatamanii fi qabiyyeen himata isaanii wal hin arguu jedhu abukaatoon Obbo Dajanee Xaafaa.
"Waxabajjii 30 booda aangon mootummaa ni dhumata waan ta'eef, mootummaan cehumsaa hundeeffamuu qaba jechuun yaada dhuunfaa isaan kennaa turanitu gara yakkaatti jijjiirame" jedhu.
Dabalataan Jawaar Mohaammad akkasumas Baqqalaa Garbaa waliin ta'uun aangoo mootummaa humnaan fudhachuuf yaalaniiru kan jedhu qabiyyee himatichaa keessa akka jiru himu.
Du'a Haacaaluu Hundeessaa booda reeffi isaa humnaan Finfinneetti akka deebi'u gochuun lubbuun namaa akka badu, qabeenyi akka manca'u taasisaniirus jedhamanii himatamuu dubbatu.
Kana malees godinaalee Oromiyaa adda addaatti bilbiluun Qeerroof ajaja jennaniiru jedhamanii himatamuu dubbatu.
Wantoonni qabiyyee himatichaa keessatti tarreeffaman kunneen keewwata ittiin himataman fonqolcha heeraan waan wal argu miti kan jedhan Obbo Dajanee Fiqaaduu, abbaan alangaa gaaffii mirga wabii fudhatama dhabsiisuuf kana godhe jedhu.
Obbo Dajanee Xafaa maal jedhan?
Obbo Dajanee Xafaa dubbi dhaddacha irratti dubbataniin nama siyaasaa ta'uu malee yakka akka hin dalagne, mootummaa waan mormaniif qofa amma marsaa 14ffaaf akka hidhaman dubbachuu isaanii abukaatoon isaanii ni himu.
Kitaaba mata duree 'Ekeraa Diimokiraasii' jedhuun barreessan irratti yaada biyya kana ijaaruu danda'a, sabaa fi sab-lammii nagaan waliin jiraachisuu danda'a jedhan barreessuu isaanii himaniiru jedhan.
Mootummaan yaada furmaataa isaan dhiyeessan gama tokkoon hojiirra oolchaa, gama kaaniin isaan hidhuufi dararuun sirrii akka hin taane mana murtiitti dubbachuu isaanii himu Obbo Dajanee Fiqaaduu.
Sababni hidhamaniif dhimma siyaasaa akka ta'eefi karaa siyaasaa akka furamuu qabu himaniiru jedhan.
Manni murtichaa dhimmi Obbo Dajaneen ittiin himataman waggaa 15 ol kan adaabsiisu waan ta'eef jechuun gaaffii mirga wabii isaanii kuffiseera.
Abbaan Alangaa ragaaleen eenyummaan isaanii dhokfamee golgaa/magaarajaa duubaa jecha ragaa akka kennan mana murtii gaafateera.
Abukaatoon mormii sadarkaa duraa himata dhiyaate akkasumas akka ragaan dhaggeeffatamu irratti qaban barreeffaman Fulbaana 11 A.L.I akka mana murtiitti galchan jechuun mormii dhiyaaturratti jala murtii kennuuf Onkoloolessa 17 bara 2013 A.L.Itti beellama kenneera.
Obbo Dajanee Xafaa ammatti mana baruumsaa sadarkaa 1ffaa magaalaa Finfinnee naannoo Inqulaal Faabrikaa jedhamutti yoo ta'u, gara mana amala sirreessaa akka geeffaman ajajamuus himu abukaatoon isaanii.
Miishaa Adam

Madda suuraa, Facebook
Miishaa Adam Cirrii labsii telekoomii Itoophiyaa lakkoofsa 761/2005 keewwata 9 keewwata xiqqaa 1 darbuun, humna intarneetii hanga telekoomiin Itoophiyaa heeyyameen olitti ijaaruun tajaajila kennuu kan jedhu ta'u himu Obbo Dajaneen.
Kanaanis Obbo Jawaar Mohaammad hanga kiiloomeetira 25 fagaatu irratti intarneetii akka argatu taasiseera kan jedhu himata isaa keessa akka jiru himan.
Dabalataan Itiyoo-telekoom faayidaa argachuu malu akka hin arganne taasiseera jechuun himatamuu dubbatu.
Himatichi adabbii hidhaa waggaa 15 hanga 20 kan adabsiisu ta'uun eeramuus himaniiru.
Abukaatonni mirgi wabii eegamee fi Miishaa dhimma isaa alaa akka hordofu gaafatanii manni murtii gaaffii mirga wabii dhiyaaterratti deebii kennuuf Kibxata Fulbaana 8 bara 2012tti beellama qabatee jira.













