Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Obbo Dajanee Xaafaa Covid-19n qabamuu waajirri abbaa alangaa mirkaneesse

Obbo Dajanee Xaafaa

Madda suuraa, Facebook/Dajanee Xaafaa

Qondaalli olaanaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Dajanee Xaafaa koronaavaayirasiin qabamuusaanii waajirri abbaa alangaa BBCf mirkaneesse.

Qondaaltota ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda to'ataman keessaa tokko kan ta'an Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu paartichaa Obbo Dajanee Xaafaa, torban dabre keessa ture koronaavaayirasiin irratti argameera shakkii jedhuun hospitaala Eekkaa Kotabee kan seenan.

Aanga'aan waajjira Abbaa Alangaa Obboo Fiqaaduu Tsaggaa, qondaalli paartii KFO koronaavaayirasiin qabamuu BBCf mirkaneessaniiru. ''Dhugaadha. Yeroo Oromiyaa irraa isaan simanne qoratamanii vaayirasichi irratti argameera,'' jedhan.

Haa ta'u malee, namoonni biroo qabamuu isaanii odeeffannoo akka hin qabne himan.

Abukaatoo isaanii keessaa kan tahan Obbo Dajanee Fiqaaduu guyyootaan dura BBC'tti akka himanitti, erga obbo Dajaneen hospitaala seenanii as maatiin arguufi dubbisuu waan dhorkameef, inni kun akka hayyamamuuf guyyaa Jimaataa mana murtiitti iyyatanii turan.

''Manni murtichaa gaaffii dhiyeessineef ajaja nuu kennuyyuu, hospitaalichi ajaja keenya hin fudhannu,'' jedhan.

Oolmaa dhaddachaa ilaalchisuunis obbo Dajaneen beellamaan mana murtii akka dhiyaatan Wiixata tahus ''poolisiin dhiyaatee [Obbo Dajaneen] koroonaan qabamanii hospitaala akka jiran dubbateera,'' jechuun dubbatan.

Ogeessi seeraa kun dabaluunis, odeeffannoo hospitaalicharraa argataniin Obbo Dajaneen Covid-19'f qoratamanii pozatiiva (vaayirasicha akka qaban) akka tahaniifi mallattoon cimaanis tahe giddugaleessa irratti mul'achaa akka hinjirre odeeffadheera jedhu.

''Obbo Dajaneen nama ispoortii hojjetaniifi qaamni isaanii fayyaa waan taheef, mallattoo agarsiisaa hinjiran. Rakkoon dhukkubichaa kamuu irra hinjiru nuun jedhan,'' jedhu abukaatoon kun.

Poolisiin obbo Dajanee achi keessatti eeguus fayyaadha waan jedhu nu kaasaniiru jechuun himan.

Gaaffii guyyaa Jimaataa maatiin walarguu dhorkamuu isaaniirrattis manni murtii irra deebiin ajaja kenneera jedhan Obbo Dajaneen.

Kana malees manni murtichaa Obbo Dajaneen Covid-19n qabamaniiru moo hinqabamne kan jedhu qulqulleeffachuun, akkasumas haalli fayyaasaanii maalirra akka jiru qulqulleeffatanii akka dhiyeessan, ALI Adoolessa 23f akka bellamames ni dubbatu.

Haati Warraa isaanii Aadde Assellefech Mulaatuu torban dabre keessa BBC waliin turtii taasisaniin, Obbo Dajaneen ambulaansiin fuudhamanii hospitaala Eekkaa Kotabee kan namoonni Covid-19n qabaman itti yaalaman seenuu himanii turan.

''Obbo Dajaneen ni shakkaman malee qabamuun isaa natti hin himamne garuu namoota 16 wajjin hidhaman keessa afur dhibee kanaan qabamaniiru'' jechuun dubbatanii turan.

Hospitaalli Eekkaa Kotabee kan namoonni vaayirasichaan qabaman qofti itti yaalaman ta'uu BBCn hojjetaa hospitaalichaa irraa mirkaneeffateera.

Itoophiyaa keessa booda kana tatamsa'inni koronaavaayirasii haalaan dabalaa jira. Hanga yoonaa namoonni 14,000'tti siqan vaayirasichaan qabamuu Ministeerri Fayyaa ibsuun ni yaadatama.