Hamzaa Booranaa: 'Nagaa fi tasgabbiin biyya kana keessatti akka jiraatuf hojjenneerra'

Gaazexessaa duraanii Raadiyoo Daandii Haqaa Hamzaa Adaanaa ykn Hamzaa Booranaa

Madda suuraa, Hamza Borana/Fb

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexessaan duraanii Raadiyoo Daandii Haqaa Hamzaa Adaanaa, Hamzaa Booranaa jedhamuun bal'inaan beekama

Galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammadfaa irratti ragaaleen abbaa alangaa dhaggeeffatamuu itti fufeera.

Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa galmee Obbo Jawaarfaa irratti hanga kaleessaatti jecha ragaalee torbaa kan dhaggeefatee yemmuu ta'u ragaan torbaffaan gafii qaxxaamuraa gaafatamuuf har'atti bule.

Dhaddacha har'aa irratti namootni galmee qorannoo duraa Obbo Jawaarin waamamu keesssatti argaman hundi (namootni 14) dhiyaataniiru.

Adeemsi ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuu osoo hin eegalamin dura Hamzaa Adaana (Booranaa) iyyata dhiyeeffachuu akka barbaadu himuun dhaddacharratti dubbateera.

"Kaleessa iyyata dhiyeeffachuu hin dandeenye. Ani har'a yeroo dhumaafin dubbadha. Yakka nuti hin raawwannen maqaan keenya badaa jira" jechuun ololli isaan irratti adeemaa jira jechuun Hamzaa Adaana himeera.

Kana malees yaaddoo nageenyaa irraa kan ka'e jechuun maatin isaanii mana jijijjiiraa akka jiranis dubbate.

Manni murtichaa miidiyaalee kamiin ololli irratti adeemsifamaa akka jiru Hamza Adaana gaafateera.

"Miidiyaalee biyya keessaa fi biyya alaati,'' jechuun barruu Itoophiyaa keessatti maxxanfamu tokko maqaa eereera.

Kana malees "nuyi hidhamtoota siyaasaati" kan jedhe Hamzaa Adaana, "nagaa fi tasgabbiin biyya kana keessatti akka jiraatuf hojjenneerra.

''Ragaa sobaa nurratti qindeessuun nagaa fiduun hin danda'amu. Adeemsi kun sirrii miti. Mootummaan marii siyaasaa mijeessuu qaba" jechuun dubbate.

Gama biraatin abbaan seeraa dhaddacha hogganan manni murtichaa aangoo seeraan kennameef bu'urreffachuun hojjechaa akka jiru himan.

Kana malees falmii irratti xiyyeeffatamuu akka qabu hubachiisan.

Dhimma yaalaa Shamsaddin Xahaa ilaalchisee manni murtichaa magaala Finfinnee keessatti dhaabbata fayyaa fedhetti akka yaalamu kanaan dura ajaja kennee kan ture yemmuu ta'u Shamsaddin tajaajila yaalaa osoo hin argatin akka jiru abukaatoon isaa dubbatan.

Dhimmicharratti manni murtichaa raawwisaa akka mirkaneessuf gaafatan.

Gama biraatin, abukaatotni shakkamtootaa dhaddachi guyyaa guutuu yoo ta'e poolisiin shakkamtootni laaqana akka argatanif haala mijeessusaa manni murtichaa akka mirkaneessuf gaafataniiru.

Manni murtichaas dhimmicharratti bakka bu'aa Komishinii Poolisii Federaalaa kan gaafate yemmuu ta'u poolsiin shakkamtootni qe'ee mana murtichaa keessatti laaqana akka sooratanif haala akka mijeessu himeera.

Ajjeechaa Hacaaluu booda mormiin magaalaa Finfinneefi Oromiyaa ture hookkaratti jijjiiramuun lubbuun namoota 180'tti siqan yoo darbu qabeenyi guddaas barbadaa'eera.

Poolisiin hookkara uumuufi kaaniin shakkuu ibsuun qondaalota siyaasaa, kanneen daanditti bahan, gaazexeessitootafi kaan 7,000 ol ta'an to'annoo jala oolcheera.