Gaazexessaa OMN Guyyoo Waariyoo: 'Haalli qabiinsa poolisii gaarii ture'

Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo Abbaajirmaa

Gaazexessaan OMN kan yeroo xumuraaf Artist Hacaaluu Hundeessaa miidiyaarratti dubbise, Guyyoo Waariyoo, guyyaa kaleessaa [Kibxata] mirga wabiin gadhiifameera.

To'annoo poolisii jala torban jahaaf tureen abbaan alangaa 'ragaa qabatamaa akka qabuufi ragaa akka walitti qabataa jiru' himuun yeroo dabalataa gaggaafataa turuus himannaan irratti hin banamne.

Mana Murtii Federaalaa sadarkaa jalqabaa torban darbe mirga wabiin akka bahu manni murtii erga eeyyame booda ol iyyannoon itti gaafatamee ture.

Guyyaa dheengaddaa, Wiixata, erga Manni Murtii federaalaa Sadarkaa Duraa Ramaddii Araadaa wabiidhaan akka gad - dhiifamu jechuun murtee duraa raggaasiseera.

Abbaan alangaa Guyyoo Waariyoo irratti ragaa qabatamaa akka qabu himuun beellamni dabalataa akka kennamu gaafatee turus manni murtii mirga wabii eegeefi akka bahu murteesse.

Manni murtii si'a lama mirga wabiitiin akka bahu jedhee murtee dabarsuus poolisiin yeroon hin gadhiisne ture.

Guyyoon mirgi wabii naa eegamee hidhaa akka bahu 'eegees, hin eegnes' ture jedha. Sababni eegeef dhugaa qaba waan ta'eefi jechuun hima.

Maaliin shakkame?

Poolisiin Guyyoo sababa lamaan isa shakkee to'atu isaa ibseera. Kan jalqabaa ajjeechaa Hacaaluu bulee guyyaa Waxabajjii 23 bara 2012 OMN irratti dubbii ummata walitti kakaasuu taasiste kan jedhudha.

"Ani guyyaa 21 irraa kaasee guyyoota lamaaf hojiirra hin turre, guyyaa Dilbataa Atileet Fayyisaa Leellisaa waliin af-gaaffii godhee booda hojii hin galle.

Kanaaf guyyaa san hojiirra turte jedhanii kan na himataniif ani hojiirra hin turre," jechuun mana murtiif ibsuu hima.

Dhimmi lammaffaan inni itti shakkame, af-gaaffii Haacaaluu Hundeessaa kuturratti. Poolisiin, Guyyoon yeroo gaaffiifi deebii san kutu 'waan waldhabsiisaarratti' xiyyeeffate jechuun kana dura mana murtiif himee ture.

"Ani akka gaazexeessaa tokkotti waan narraa eegamuu fi OMN itti amane Haacaaluu gaafadheera, innis waan itti dhagahame naa deebiseera.

''Af-gaaffii san keessatti dogoggorri hin jiru, jira taanaanis ana osoo hin taanee OMN'tu itti gaafatamuu qaba," jechuun mana murtiif ibseera jedha Gaazexeessaan Guyyoon.

Abbaan Alangee ajjeechaa weellisaa beekamaa Hacaaluu Hundeessaa gaaffiifi deebii OMN waliin taasiseen walqabata jechuun irra deddeebiin ibseera.

Dhaabbatichi garuu kana hin fudhatu. Kana dura Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa OMN 'sagalee Hacaaluu ciree qalmaaf dhiheesse' jechuun himatanii ture.

Guyyoon hidhamuu isaa dura dhimma kana gaafatame, 'Dhugaa Hacaaluu sabaaf dhiheessine malee qalmaaf hin dhiheessine' jechuun dubbateera.

Turtii to'annoo poolisii jala tureen abbaan alangee dhimma Jawaar Mohaammad, hogganaa duraanii OMN, irratti 'waan beektu ragaa bahi' jedhamee gaafatamee turuu BBC'tti himeera.

"Anis dhimma Jawaar Mahaammad irratti wanti beeku hin jiru, kanaaf ragaa bahuu akka hin barbaanne itti himeera," jechuun erga hiikamee booda BBC'tti dubbate.

Qabinsa to'annoo poolisii

Gama biraatiin Guyyoo Waariyoo qabiinsi manni hidhaa fooyyee akka qabu dubbata. Poolisoonni federaalaa nu eegaa turan isaan kunuunsaa akka turanii fi qabiinsi hidhamtootaa fooyyee akka qabu hima.

"Poolisoonni nu eegaa turan ijoollee teenna, afaan nu dhageetti, nu gargaaruuf baay'ee diqhataa turan," jechuun haalli qabiinsa mana hidhaa inni keessa turee gaarii ta'uusaa BBC'tti himeera.

Poolisoonni isaan eega turanis guyyatti al-lama ganamaa fi galgala fincaaniif akka isaanii hayyamaa turanii fi yeroo qaama dhiqachuu barbaadanitti hayyama isaanii kennaa turuusaanii dubbata.

Faallaasaattii tatamsa'inni koronaavaayirasii yeroo jalqaba hidhamee isa yaachisaa turuusaa dubbata Guyyoon.

"Mana barnootaa nutti hidhamnetti hidhamaan natti aanee ciisu vaayirasichaan qabamee ture, kunis baay'ee na yaachisaa ture."

Ta'us garuu torbee lama lamaan qorannoon koronaavaayirasii isaaniif taasifamaa turuusaanii himeera.

Itoophiyaan of eeggannoo Covid-19'f jecha kanneen to'annoo poolisii jala jiran manneen barnootaa yeroo ammaa barattoonni keessa hin jirretti geessuu qondaalli olaanaa abbaan alangee kana dura BBC'tti mirkaneessee ture.

Ajjeechaa Hacaaluu booda mormiin magaalaa Finfinneefi Oromiyaa ture hookkaratti jijjiiramuun lubbuun namoota 180'tti siqan yoo darbu qabeenyi guddaas barbadaa'eera.

Poolisiin hookkara uumuufi kaaniin shakkuu ibsuun qondaalota siyaasaa, kanneen daanditti bahan, gaazexeessitootafi kaan 7,000 ol ta'an to'annoo jala oolcheera.

Gaazexeessitoota sababa garaa garaan poolisiin shakkuu ibsee to'atan keessaa hanga yoonaa kan hin gadhiifamiin gaazexessaa OMN Mallasa Dirribsaa qofaadha.