Gaazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoo mana hidhaatii bahe

Madda suuraa, Guyyo Wario
Gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo hidhaa guyyoota 47 booda mana hidhaati bahuu maatiin BBC'f mirkaneessan.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha Hagayya 31 bara 2020 ooleen gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo wabiin akka gadhiifamu murteessee ture.
Abbaan alangaa Guyyoo Waariyoo irratti ragaa qabatamaa akka qabu himuun beellamni dabalataa akka kennamu gaafatee turus manni murtii mirga wabii eegeefi akka bahu murteesse.
Bu'uuruma kanaan har'a Kibxata Fulbaana 1 bara 2020 waaree booda mana hidhaatii baheera.
Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo qondaala olaanaa KFO Dajanee Xaafaa, Mishaa Adam fi Koorsaa Dachaasaa waliin Wiixata Hagayya 31 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti argamutti dhiyaatee ture.
"Koorsaa Dachaasaa ilaalchisee abbaan alangaa 'ragaa argachuu hin dandeenye waan ta'eef mirga wabiisaa hin mormu' waan jedheef mirgi wabii eeggameefira" jechuun abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu himaniiru.
Abbaan Alangaa Obbo Obbo Dajanee Xaafaa akkasumas Mishaa Adam irratti himatni banamuu himee Guyyoo Waariyoo irratti guyyaan qorannoo dabalataa akka kennamu gaafatee ture.
"Gaaffii fi deebii Artiist Haacaaluu Hundeessaa waliin taasise Afaan Oromoo irraa gara Afaan Amaaraatti hiikkamee hanga nuuf dhiyaatu akkasumas INSA irraa ragaan hanga nuuf dhufutti beellamni nuuf yaa kennamu" jechuun gaafachuu Obbo Dajaneen himan.
Haa ta'u malee dhaddachichi, dhaddacha yeroo beellamaa osoo hin taanee dhimmi mirga wabii kan itti ilaallamu waan ta'ef abbaan alangaa yeroo dabalataa gaafachuu hin qabu, kennamuufis hin qabu jechuun mormuu isaanii himan.
"Shakkamaa to'annaa poolisii jala tursanii fulduratti ragaa irrattin barbaaddadha jechuun tumaa seeraa kan hin qabnedha. Bu'uuruma kanaan morminee manni murtiis mormii kana nuuf fudhatee wabiin akka bahu taasiseera" jedhan Obbo Dajaneen.
Manni murtichaa yaada abbaa alangaa kuffisuun gaazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoo akkaataa Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa Hagayya 18 wabii qarshii 10,000 kaffalee akka bahu ajajeen mirgi wabiisaa eeggamee akka bahu murteessee jira.
Gama biraatiin Mishaa Adam himatni kan irratti hundaa'e yommuu ta'u, yakki ittiin himatames labsii yakka Telekoomii 761 darbuun akka ta'e abukaatoon isaa Obbo Dajanee Fiqaaduu BBCti himaniiru.
Labsii kana keessatti keewwata Mishaa Adam itti himatame 9/1 bu'ureeffachuunis mirga wabiin akka gadhiifamuuf gaafachuu isaanii fi abbaan alangaa mormuu isaa himaniiru.
Manni murtichaas dhimma mirga wabii Mishaa Adam irratti murtee kennuuf Hagayya 28 bara 2012tti beellama qabateera.
Qondaalli KFO Obbo Dajanee Xaafaa haala wal fakkaatuun himatni irratti kan hundaa'e yommuu ta'u qabiyyeen himatichaa maal akka ta'e garuu hin himamne jedhan.
Manni murtichaa "hojiin nutti baay'ate" jechuun dhimma Obbo Dajanee Xaafaa Hagayya 26 bara 2012 ganamatti beellamuusaa abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu BBCtti himaniiru.

















