Qabiyyeen xalayaa dhimma Obbo Lidatu Ayyaaloorratti MM Abiyyiif barraa'e maali?

Obbo Lidatuu Ayyaaloo

Paartiin Dimookiraatawaa Itoophiyaa (PDI) dhimma Obbo Lidatu Ayyaalewu ilaalchisuun Ministira Muummee Abiy Ahimaditti xalayaa barreessuu beeksise.

Hundeessaafi miseensa paartii biyyaalessaa paartichaa kan ta'an Obbo lidatu Ayyaaloon guyyaa har'a mana murtii kan dhihaatan yoo ta'u gaaffii wabiin gadhiifamu gaafatan manni murtii kuffiseera.

Torban darbe manni murtii waan poolisiin irra gahe akka poolisiin mana murtiitti ibsu beellama guyyoota torbaa kennee ture.

Oolmaa mana murtii Wiixata ganama har'aan poolisiin waan dabalataa qabatee hin dhihaanne jedhu dhimma Obbo Lidatu itti dhiheenyaan kan hordofaniifi pirezidantii paartichaa kan ta'an Obbo Adaana Taaddase.

''Sanadni mootummaa cee'umsaa harka isaaniirratti argameera. Sababa sanada kanaan hookkarriifi jeequmsi uumameera ragaa jedhu dhaaddachi erga ilaalee booda kuffiseera.

''Bilbila isaaniirraa ergaa sagaleefi barreeffamaa teeleerraa arganneerra. Isa hiiknee qindeessinee dhiheessuuf beellamni guyyaa 14 nuuf haa eeyyamamu jechuun poolisiin gaafate,'' jedhan.

Obbo Lidatuun rakkoo fayyaa himachuun mirga wabiin gadhiifamu dhiheessanis dhaddachi irra-deebiin gaaffii wabii kuffisuu himu.

Guyyaa har'aa dhaddacha irratti kan dhihaatan Obbo Lidatuun kana dura si'a shan hidhamuufi si'a shananuu bilisaan bahu isaanii himuun, ammallee bilisaan akka bahan abdii akka qaban himuu isaanii dubbatan.

Dabalataan, dhaddachi ''poolisii qofaaf carraa kennaa isaaniin akka dhamaasaa jiru'' dubbatan kan jedhan Obbo Adaanan kanaanis adeemsa haqaarraa shakkii akka horatan dubbatan jedhan.

Dhaddachi gama isaatiin dhiibbaa siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta'u ibsuun yeroo xumuraaf jedhamee guyyoota dabalataa 7 poolisiif eeyyamuu ibse jechuun dubbatan.

Obbo Lidatuun kan to'annoo jala oolan ajjechaa Hacaaluun booda hokkara magaalaa Bishooftutti ka'e qindeessuufi deeggaruun shakkamaniiti.

Poolisii federaalaa magaalaa Finfinnee keessatti erga qabamanii booda magaalaa keessa jiraatan Bishooftuutti dhimmi isaanii mana murtii magaalaa Bishooftuun ilaalamaa jira.

Qabiyyee xalayaa

Qabiyyee xalayaa kanaa kan gaafanne Obbo Adaanaan paartichi MM Abiyyiif xalayaa barreesseen ''hidhaan Obbo Lidatuu yakkaan kan walqabate osoo hin taane dhimma ilaalcha siyaasaa isaaniin akka hidhaman akka paartiin isaanii amanu'' ibsuun barreessuu himan.

Akkaataan hidhaa isaanii koronaavaayirasiif kan saaxiludha jechuun mootummaan gidduu seenee tarkaanfii akka fudhatu gaafachuus himan.

Hidhaan namoota siyaasaa qabsoo karaa nagaarratti dhiibbaa qaba jechuun komii isaa dhaabichi MM Abiyyiif barreessuullee ibsan.

Obbo Dajanee Xaafaafi Guyyoo Waariyoof wabiin eeyyame

Guyyoo Waariyoofi Obbo Dajanee Xaafaa

Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaan booda to'annoo jala kan oolan qondaalli olaanaa KFO Dajanee Xaafaafi gazexeessaan OMN Guyyoo Waariyoof mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman manni murtii murteesse.

Obbo Dajanee Xaafaa, Guyyoo Waariyoo, Miishaa Adam fi Koorsaa Dachaasaa wabii birrii 10,000n akka gadhiifaman Mana murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa ramaddi Araadaa guyyaa har'aa ajajuusaa abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu BBCtti himaniiru.

Abbaan alangaa himata hundeessuf guyyootni 15 naaf yaa kennamu jedhee gaafatee akka ture fi isaan immoo mormuu isaanii nutti himaniiru.

Haa tahu malee oliyyannoon irratti gaafatamuu haati warraa gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo BBCtti himteetti.

''Har'uma murtaa'ee ergan qarshii kaffalee xumuree booda mana murtiitti yoon deebi'u, ol-iyyannoo dhaan faayiliin deebi'eera,'' naan jedhan jetti.

Guyyoo dabalatee namoota manni murtii gadhiisee afur irratti ol-iyyannoon gaafatamee faayilli deebi'eera jedhamus himti.

Obbo Dajanee Xaafaan kana dura koronaavaayirasiin qabamuun isaanii kan ibsame yoo ta'u dhimma kana irratti hoogganaan hospitaala Ekkaa Kotabee mana murtiitti dhihaachuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Dajaneen ajjeechaa Hacaaluu booda hookkara uumuun yoo shakkaman Guyyoo Waariyoon immoo gaaffiifi deebii Hacaaluu waliin gaggeesse yoo qopheessu 'dhimmoota waldhabsiisoo'' irratti xiyyeeffate jechuun poolisiin isa shakkuu isaa ibsee ture.

Ajjeechaa Hacaaluu hordofee hookkara uumameen lubbuun 180'tti dhihaatu kan darbe yoo ta'u qabeenyi guddaas barbadaa'eera.

Hookkara booda qondaaltonni siyaasaa beekamoo, humnoonni nageenyaa, kanneen mormiif hiriira bahan, gaazexeessitonniifi kaan 7,000 caalan hidhaa seenuun isaanii ni yaadatama.