Obbo Jawaar Mohaammad ogeessa dhuunfaa isaaniitin akka yaalaman manni murtii ajaje

Madda suuraa, MAHEDER HAILESELASSIE TADESE
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti dhaddachi Ramaddii Araadaa galmee Obbo Jawaar fa'i irratti jecha ragaalee Abbaa Alangaa kaleessa, gaafa Kamisaa, dhaggeeffachuu eegale.
Galmeen qorannoo duraa kuni kana dura sababa garaa garaan si'a sadiif guyyaa biraatti kan darbe yoo ta'u oolmaa dhaddachaa Kamisaa irratti Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee shakkamtoonni saddeet dhiyaataniiru.
Abbaan alangaa guyyaa kaleessaa ragaalee namootaa sadi kan dhiyeeffatee ture yemmuu ta'u jechi ragaalee lamaa dhaggeeffatameera.
Oolmaa dhaddacha Wiixata darbeen guyyaa kaleessa, Kamisa, bu'aan qorannoo koronaavaayirasii shakkamtoota 9 hafani akka dhihaatu manni murtii ajajee ture.
Kamisa kaleessaas ragaa qorannoo dhibee Covid-19 Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa gama Komishinii Poolisii Federaalaatin ergeen Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaana /Booranaa/ fi Shamsaddin Xahaa dhibicharraa bilisa ta'uun isaanii himameera.
Manni murtii qorannoo Covid-19 kan kenne galmee Jawaar jala eegdonni isaa shan koronaavaayirasiin qabamuun isaanii waan mirkanaa'efidha.
Dhimma fayyaa Obbo Jawaar …
Miseensi paartii KFO Obbo Jawaar Mohaammad Wiixata darbe na dhukkubeera jechuun mana murtiitti himatanii manni murtiis wal'aansa akka argatan ajajeera.
Haa ta'u malee, ogeessa fayyaa dhuunfaan isa wal'aanamu gaafatan hin fudhanne ture.
Oolmaa mana murtii gaafa Kamisaan Obbo Jawaar Mahaammad tajaajila wal'aansaa osoo hin argatin akka jiraniifi ammallee dhibamaa jiraachuu dubbatan.
Yaaddoo 'lubbuu isaanif qaban irraa kan ka'e' ogeessa fayyaa isaan hin beekneen yaalamuu gonkumaa akka hin barbaadne kan himan Obbo Jawaar, "nyaata yeroon nyaadhu na deebisiisa. Har'as na teessisaa jira" jedhan.
Obbo Jawaar dhaabbata fayyaa mootummaa tuffatanii osoo hin taanee yaaddoo lubbuu isaanif qaban irraa kan ka'e hakiima dhuunfaa isaaniitin yaalamuu akka barbaadan himan.
Poolisiin Federaalaa gama isaatiin shakkamtootnis ta'e namootni irratti murtaa'e hospitaala rifaraalaa poolisii federaalaa fi kilinikoota xixxiqaatti akka wal'aanaman himuun wayita Obbo Jawaar dhaabbilee kunneenitti yaalamanis poolisiin itti - gafatama akka fudhatu himeera.
Abbaan alangaa gama isaatiin Obbo Jawaar eegumsi godhameefii hospitaala dhuunfaa barbaadanitti akka yaalaman isaan gaafatanii diduu isaanii himan.
Obbo Jawaar garuu "namni hakiima dhuunfaa sif dhiyeessina naan jedhe hin jiru" jechuun dubbatan.
Manni murtichaa yaada garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda heera biyyattii keewwata 21 irra kan kaayame shakkamtootni hakiimoota isaanii walin wal arguuf mirga qabu kan jedhu eerun Obbo Jawaar hakiima dhuunfaa isaaniitin akka yaalaman ajaja kenne.
Dhimma Kaameeraa…
Dhaddacha Wiixata Hagayya 11, 2012 darbeen abukaatoowwan shakkamtootaa bakka maamila isaanii waliin wal arganitti kaameraan waan jiruf mari'achuuf rakkachuu isaanii ibsanii ture.
Manni murtiis kuni akka sirratu ajaja dabarsuun ni yaadatama.
Haa ta'u malee, oolmaa dhaddachaa kaleessa Hagayya 14, 2012'n shakkamtonniifi abukaatoowwan ajajni kuni hojiirra hin oolle jechuun mana murtiitti himaniiru.
Poolisiin gama isaatin abukaatoowan iddoo kaameeraan hin jirretti maammiltoota isaanii arguu isaanii fi kanaafis galmee abukaatoowwan fi maamiltootni isaanii irratti mallatteessan dhiyeessuu akka danda'u hime.
Haa ta'u malee abukaatoowwan Obbo Jawaarfaa maamiltoota isaanii osoo hin argin dursanii akka mallatteessan taasifamaa jiraachuu himan.
Manni murtichaa gama isaatin shakkamtootni abukaatoo isaanii walin haala icciitinsaa eeggameen wal arguuf mirga akka qaban himun poolisiin federaalaa ajaja kana akka raawwatu cimsee hubachiise.
Yoo ajajni kun hin raawwatamnes manni murtichaa tarkaanfii seeraa akka fudhatu abbaan seeraa dubbataniiru.
Iyyannoo Mallasaa Dirribsaa fi ajaja mana murtii…
Manni murtichaa namoota galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad jalatti argaman maraaf qorannoon Covid-19 akka taasifamu kanaan dura ajajee ture.
Haa ta'u malee, gaazexeessaa OMN Mallasaa Dirribsaa dabalatee namoota afurif qorannoon kun akka hin taasifamne abukaaton isaanii Obbo Waabe Hajji BBCti himaniiru.
Gaazexeessaa Mallasaa Dirribsaas "namootni nu walin turan Covid-19n qabamaniiru. Manni murtii akka qoratamnuf ajajee turus poolisiin ajaja mana murtii kabajaa hin jiru" jechuun dubbate.
Kana malees, shakkamtootni biroon bilbilaan maatii isaanii akka argatan taasifamaa jiraachuu fi isaan garuu dhorkamuu isaanis himeera.
Manni murtichaa iyyata shakkamtootni fi abbaan alangaa dhiyyeessan irratti ajaja kennuf akkasumas ragaalee abbaa alangaa hafan dhaggeeffachuuf Wiixata Hagayya 18 bara 2012ti beellama qabateera.














