Haqa: Shakkamtoota manni murtii akka gadhiifaman ajaje polisiin diduu danda'aa?

Mana murti

Madda suuraa, ullstein bild

Dhiheenya kana gaazexessaa lammii Keeniyaa Yaasiin Jumaa akka mana hidhaatii bahuuf Manni Murtii Waliigalaa ajaja kennuunsaa ni yaadatama. Kana duras Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Lidataa namoonni biraa 11 wabiidhaan akka gadhiifamaniif murteessee ture.

Haata'u malee, poolisiin namoota mirga wabiin manni murtii akka bahan ajaje yeroo tursiisu ni mul'ata. Gaazexeessaa Yaasin Jumaa hanga gaafa Hagayya 20, 2020 gadhiifamutti erga manni murtii akka gadhiifamu ajajeen booda poolisiin hidhaa tursiiseera.

Haaluma walfakkaatuun torbanoota duras shakkamtoonni manni murtii akka gadhiifamaniif erga ajaja dabarseen booda poolisiin osoo gadi hin dhiisiin tursiise jiru.

Kun ija seeraatiin akkamiin ilaalamaa?

Gorsaa seeraafi abokaatoo Taamiraat Kiidaan- Maariyaam gaaffii BBCn gaafateef deebii kennan qabu.

Gorsaan seeraa kun akka jedheeniitti, namoota manni murtii akka gadhiifamaniif ajaje poolisiin lakkii jechuuf aangoo hin qabu.

"Yeroo tokko tokkoo atakaaroo manni murtii gadhiisii hin gadhiisiin jedhu keessa osoo hin galiin gaaffii guuyyaa beelamaa poolisiin shakkamaa hidhaarra tursiisuuf gaafatu hin fudhadhuu yeroo itti jedhu ni jira.

Shakkamaan gadi haa dhiifamu hin gadhiifamiin jechuun osoo hin murteessiin gaaffii yeroo beelamaa poolisiin shakkamaa hidhaarra akka tursiisuuf dhiyeessuu fudhachuu diduun murte kennamu jira, jedhu.

Manni murtii shakkamaan akka gadhiifamu ajajuufi yeroo beelamaa poolisiin dhiyyeeffatu hin fudhadhu jechuun 'waluma fakkaataadha' jechuun ibsu gorsaan seeraa kun.

Wayita kanattis poolisiin shakkamaa gadhiisuuf ni dirqama.

Obbo Taamiraat kana wayita ibsan, ''Heerri mootummaa sa'aatii 48 caalaa ajaja mana murtiin ala shakkamtoota akka tursiisaniif waan hin hayyamneef, manni murtii ajaja gadhiis jedhu kennuu baatulleen, akka hidhaarra tursiiftu siif hin hayyamu yoo jedhe poolisiin shakkamtoota hidhuun tursiisuuf mirgaafi aangoo hin qabu,'' jedhu.

''Ajaji kan barbaachisu hidhee tursiisuuf malee gadhiisuuf ajaja hin barbaachisu,'' kan jedhan Obbo Taamiraat, kun garuu adeemsa hojii waggoota 50 darbaniif mul'ataa jiruu ta'uu dubbatu.

Poolisiin manni murtii shakkamtoota akka tursiisuuf gaafatee manni murtichaa lakkii hin hayyamu wayita jedhuun ''gadhiisaa nuun hin jennee'' jechuun akkuma to'ataniitti tursiisuun ni mullata.

Kun garuu ''adeemsa seeraan alaatii,'' jedhu oggeessi seeraa kun.

Poolisiin shakkamtoota hidhaarra tursiisuuf manni murtii hin hayyamu yoo jedhuun, shakkamtoota yakka gara biraatiin himachuun irra deebiin sa'aatii 48 keessatti deebiisanii mana murtiitti wayita dhiyeessan ni mullata.

Kun garuu yeroo tokko tokko 'qajeelummaa dhabuu' ta'uu akka danda'u Obbo Taamiraat ni dubbatu.

Haata'u malee, yeroo hunda 'qajeelluummaa dhabuu' ta'uu dhiisuu danda'a kan jedhan oggeessi seeraa kun, haalli itti himannaawwan haaraan shakammaarratti itti dhiyaachuu danda'u umamuu akka maluus dubbatu.

Himannaawwan kunneenis kan isa duraatiin wal hin qabanneefi yakkawwan of danda'anii dhaabbachuu danda'an ta'uu waan danda'aniif, watita akkasiitti shakkamaan sa'aatii 48 keessatti poolisiin mana murtiitti dhiyeessuun yeroo qorannoo dabalataa gaafachuu danda'a.

Haata'u malee, Manni murtii rakkoolee akkasii kanas ija shakkiitiin ilaaluufi sirriitti qulleessuu qabaata jechuun gorsu.

''Keessattuu himannaan poolisiin yeroo lammaffaatiif dhiyaate kan jalqabaatiin kan wal fakkaatu yoo ta'e sanuma," kan jedhan oggeessi kun, dhimmoonni akkasii wayita mudatanitti manni murtii dhimmicha sirriitti ilaaluu qaba jedhaniiru.

Kana ta'uu baannaan garuu shakkamtoonni mirgisaanii sarbamuun rakkooleef saaxilamuu danda'u jedhu Obbo Taamiraat.

Manni murtii shakkamaan tokko haa gadhiifamu erga jedheen booda gadhiisuu kan qabaatu poolisii ta'ulleen, abbaan alangaa to'ataa olaanaa waan ta'eef, poolisiin hayyama malee namoota qabatee teessisa yoo ta'e gadhiisi jechuun ajajuuf aangoo qaba jedhu Obbo Taamiraat.

Kun garuu yeroo baayyee hojiirra wayita oolu hin mullatu jechuun waan taajjaban dubbatu Obbo Taamiraat.

Kun hunduu raawwatamee furmaanni yoo dhabame ammoo adeemsi seeraa biraa jiraachuu dubbatu.

Manni murtii shakkamaan akka hidhamu hin hayyamu jechuun galmee erga cufee, poolisiinis gadi hin dhiisuu yoo jedhe, akkasumas gama abbaa alaangaafi poolisoota olaanoon furmaanni yoo dhabame, karaa Fitaabeerii (civil code) gaafachuu akka danda'amu himu.

Dhimmi seeraan ala to'atamuu kan qulqullaa'u mana murtii Fitaabeerii idilee ''Seerra qabeessuummaan hidhamuu naaf haa qulqullqq'u' (habeas corpus) jechuun maatiin shakkamaa, ykn qaamni dhimmisaa ilaallatu kamuu himannaa dhiyeessuu danda'a. Kanaaf ammoo shakkamaa irraa bakka bu'insi omtu hin barbaachisu jedhu oggeessu kun.

Manni murtii Fitaabeerii ammoo poolisiin maaliif shakkamaa qabee akka tursiisee erga qulliquleesseen booda sirni ittiin shakkamaan akka gadhiifamuuf ajajuu danda'u jiraachuu gorsaan seeraa Obbo Taamiraat ni dubbatu.