Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa garee dhiittaa mirgaa hordofu hundeessuusaa ibse

Dr. Daani'eel Baqqalaa

Madda suuraa, EHRC/FB

Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa garee ogeeyyii dhiittaa mirga namoomaa qulqulleessuu fi galmeessuu hundeessuusaa ibse.

Hokkora ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda uumameen lubbuu namootaa darbee fi miidhaa qabeenyarratti mudate dhiheenyatti hordofaa jiraachuusaa komishinichi ibsa baaseen ibseera.

Kanaanis wal qabatee garee ogeeyyii dhiittaa mirga namoomaa qulqulleessuu fi galmeessu gara hojiitti akka seenan gochuusaa fi namoota yakkaan shakkaman yookiin himannaan irratti banamerratti qabiinsi mirga namoomaa ilaalchisee hordofaa jiraachuusaa ibseera.

Qorannoon komishinichi taasisu keessaa: gosoota dhiittaa mirga namoomaa adda baasuu, hammasaa beekuu, namoota miidhaa geessisa itti gaafatamtoota godhuu, namoota miidhaman beenyaa akka argatanii fi jireenyasaaniitti akka deebi’an taasisuudha.

Akkasumas miidhaa akkasii irra deebiidhaan akka hin mudanneef ittisuurratti akka hojjatu ibsa baaseen ibseera.

Hokkora uumameen booda haala namoota shakkamanii hidhaman kan akka Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa, Iskindir Naggaa fi Injiinar Yiliqal Geetnat dabalatee namoota hidhaman biroo hordofaa jiraachuusaas ibseera.

Keessumaayyuu bakka Jawaar Mahaammadii fi Iskindir Naggaa jalqabarratti hidhaman mana hidhaa komishinii poolisii magaalaa Finfinneetti akkasumas yeroo ammaa bakka jiran Biiroo Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa dhaqee daawwatu himeera.

Dabalataan, mana hidhaa yeroo kan naannoo warshaa killee (inqulaal faabriikaa) jedhamee beekamu komishinichi deemee daawwachuu fi hoggantoota hidhamtootaa dubbisuusaa beeksiseera.

Komishinichi haalli qabiinsa hidhamtoota akka Iskindir Naggaa fa’a keessa jiran akka fooyya’uuf yaadni dhiheesse hojiirra ooluusaa akkasumas hidhamtoonni muraasa wabiidhaan bahuu akka danda’a yaadni dhiheesses hojiirra oolfamuusaatiin beekkamtii nan kenna jedheera.

Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa, Iskindir Naggaa fi Sintaayyoo Chakkool dabalatee hidhamtoonni jaha mana hidhaa Biiroo Qorannoo Yakkaa Komishinii Poolisii Federaalaa jalatti argamu keessatti hidhamanii akka jiran ibseera.

Dabalataanis, manni hidhaan sun qulqullinnisaa kan eegame, ifa uumamaa fi elektiriikii kan argatu, hidhamtoonnis of eeggannoo guddaadhaan maatiisaaniirraa wantoota dhiyaatuuf kan fudhatan ta’uu fi wal arguufis haalli gaarii ta’uusaa walumaa galatti haalli keessa jiran kan fudhatama qabudha jedheera komishinichi.

Gama kaanin haala qilleensaa fi ijaarsaa manichaarraa kan ka’e kutaa itti hidhaman amala qorruu kan qabuu fi qorra kana hir’isuuf carraaqqiin taasifamaa akka jiru komishinichi ibseera.

Komishinichi komii hidhamtoonni maatiisaanii waliin walitti dhufanii wal arguu akka hin danda’amnee, kutaaleen keessa turan qorruu isaanii, yeroon aduu argatan gabaabaa ta’uu fi ibsaan baduu na dhaqabeera jedhe.

Komii kanaan boodas hoggantoota dhimmichi ilaallatu waliin marii taasisuu fi hojiirra oolamaasaas dhiheenyatti akka hordofu himeera.

Iddoo tursiisaa yeroo naannoo warshaa Inqulaal Faabriikaa jedhamu sanitti hidhamtoota jiran keessaa gaazexeessitoota OMN Guyyoo Waariyoo fi Mahaammad Siraaj, miseensa KFO Obbo Dajanee Xaafaa akkasumas lammiilee biyya alaa dhalootaan Itoophiyaa ta’an sadi akka argaman komishinichi ibseera.

Hidhamtoonni hedduun qabiinsi sirrii hin taane akka irra hin geenye ibsuun sodaa koronaavaayirasiif saaxilamuu garuu akka qaban himaniiru jedheera.

Lammiilee biyya alaa dabalatee hidhamtoonni muraasni maatiisaanii waliin wal arguu dhabuusaanii dubbachuu ibsi komishinichaa ni ibsa.

Hidhamtoonni baay’ee hamma ammaatti jechasaanii poolisii kan hin kenninee fi irra deddeebiidhaan baalamni irratti gaafatamaa jiraachuusaa komii komishinicha hidhamtoota baay’eerraa isa gahe ta’uusaa ibseera.

Komishinichi qaamoleen haqaa hojiilleen itti baay'atu hamma danda'ameen hojii qorannoo akka saffisiisan gaafateera.

Gama biraatiin, hidhamtoota komishinii poolisii Oromiyaatiin to’annaa jala oolan komishinichi dhiheenyatti hordofuuf qophii ta’usaa ibseera.

Hidhamtoonni hedduun bakka maatiinsaanii jiran haalaan kan hin beekne yoo ta’u maatiisaaniif bilbila bilbiluun bakka jiran akka himaniif yaada dhiheesseera jedha.

Komishinarri komishinichaa Dr Daani’eel Baqqalaa haala hidhamtoonni keessa jiran yoo yaada kennan “haala nageenyaa fi tasgabbii amma jiru akkasumas koronaavaayiras waliin wal qabatee poolisii fi abbaan alangaa dhimmoota dursi kennamuufi qaba” jedhan eeraniiru.

Haaluma kanaan hidhamtoonni hundi maatiisaanii bilbilaan dubbisuu fi bakka jiran himuusaanii mirkaneessuu akkasumas hidhamtoota wabiidhaan yookiin bilisaan bahuu danda’an adda baasuun saffisaan akka gad dhiifaman mirkaneessuu akka ta’e ibsaniiru.