UN mootummaan Itoophiyaa mirga lammilee mormii dhageessifatanii akka kabajuuf gaafate

Asxaa UN

Madda suuraa, Marsariitii UN

Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii (UN)tti ogeessonni dameen Mirgoota Namoomaa mootummaan Itoophiyaa lammiileen karaa nagaatiin mormii akka dhageessisaniif mirgasaanii akka kabajuuf waamicha dhiyeessan.

Tajaajila intarneetii Wi-Fi fi biroodabandii hanga ta'ee deebisee mootummaan Itoophiyaa baneefis beekamtii kennaniiru.

''Mirgi intarneetii argachuu mirga karaa nagaatiin waligahuu waliin waliitti kan dhiyaatudha,'' jedhan UNtti Raapportarii Addaa Kileement Nyaaleetsos Vowule.

''Kana duras gaafanneera, ammas irra deebiin mootummaan akka tajaajila intarneetii hin cufne ni gaafanna.

''Walgahii Kaawunsilii Mirgoota Namoomaa 44ffaa kan Adooleessa 2020 dabalatee, ani waamicha keenya haaroomsuun mootummaan tajaajilawwan intarneetii mobaayiliifi daataa akka deebiisuuf nan gaafadha.''

Ajjeechaa wallisaafi qabsaa'aa mirgoota namoomaa Oromoo beekamaa Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 raawwatameen booda mormii ummataa uumameen walqabatee mootummaa intarneetii cufeera.

Ammas guyyoota 15n booda Adooleessaa 15 mootummaan tajaajila muraasa deebiiseera.

"Adda cituun intarneetii ammoo tarkaanfii mormii dhaabuuf fudhatameen baayyina lakkoofsa namoota ajjeefamaniifi miidhamanii adda baasuuf rakkisaa taasiseera,'' jedhu qondaaltoonni.

''Bakka interneetiin hin jirretti hokkarichaan walqabatee haalli ture maal akka fakkatuu murteessuun baayyee rakkisaadha.''

''Aanga'oonni maal akka umamee murteessuuf qorannoo iftoommina qabuufi cimaa ta'e naannoo Oromiyaafi magaalaa Finfinnee keessatti taasisuun murteessaadha, '' jedheera ibsi UN kun.

Kana malees, kanneen ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatanis itti gaafatamoo ta'uu qabaatus jedheera.

Ajjeechaa Haacaaluun walqabatee mormiin biyyattii guutuutti babalatee jira.

Ibsi UN kun gabaasa kan mootummaati jedheen namoonni 166 ajjeefamaniiru jedhulleen, namoonni ajjeefaman 239 ni ta'a jedhameera.

UN ragaan poolisiirraa argame eeruun akka ibsetti gaggeessitoota paartiilee siyaasaa dabalatee anmoonni kuma 7 ol ta'an hidhamaniiru.

''Dhugaan lafa jiru ifa ta'uu baatulleen garuu baayyinni namoota hidhamanii baayyee yaachiisaaadha,'' jedhaniiru ogeessonni Migoota Namoomaa UN kunneen.

Humnootiin nageenyaa akkaataa mirgoota namoomaa hawaasa dimokiraasiin keessatti jaaramaa jiruu tokkootti to'achuufi mirga mormitootaa eeguudhaaf leenji'uufi hundeeffamuu qabaatu jedha ibsu kun.

"Haala akkasii sanatu caalaa ce'umsa dimokiraasii biyyattii cimsuun haala ajjeechaafi miidhaa dhiheenya kana agarree ittisuu danda'aa,'' jedheera.

Kanaafuu, ''Aanga'oota Itoophiyaa akka mirga lammiilee karaa nagaatiin walgahuu kabajaniifi mormiin wayita gaggeefamuutti tarkaanfii humnaa fudhachurraa akka of qusataniif waamicha taasifna.''