'Koronaavaayirasiin ajandaa siyaasaati'' jechuun namni of eeggachuu dhiiseera-Jiraattota

Madda suuraa, Getty Images
Baatiiwwan muraasaan dura yeroo koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti mul’achuun dhagahame maloonni ittisaa sirnaan hojiirra oolaa turan.
Harka walfuudhuu dhiisuun, hoteelotaa fi iddoowwan bashananaatti walitti qabamuu dhiisuun, walirraa fageenya eeggachuun,maaskii fayyadamuu, bakka hundatti harka dhiqachuun amaleefamee ture.
Yeroo dhihoo asitti garuu baayyinni namoota Itoophiyaatti Koronaavaayirasiin qabaman kuma 11 caalus ofeegannoon taasifamu ammoo faallaa isaatiin gara hafuutti deemeera.
Jiraattotni magaalaalee adda addaa maal jedhu?
Jiraataa godina Harargee bahaa kan tahan obbo Afandii Mohaammad, magaala Hararii fi naannawasheetti yeroo ammaa ofeegannoon hawaasni taasisu gara hafuurra gaheera jedhu.
“Ji’a tokkoo fi walakkaa asitti dhimmi koronaavaayirasii kuni faallaa ta’e. mootummaan siyaasaaf itti fayyadama malee koronaavaayirasiin hin jiru ilaalcha jedhutu dhufe. Sababa kanaanis ofeeggannoon hawaasni duraan taasisu guutumatti dhiisaa jira” jedhan.
Naannoo isaaniitti harka walfuudhanii nagaa walgaafachuun duraan akka safuutti ilaalamaa ture amma akkuma duriitti harka walfuudhuunis deebi’eera jedhan Obbo Afandiin.
Magaala Amboo irraa kan dubbisne Obbo Mararaa Faanaa, yeroo koronaavaayirasiin haalan dabalaa jiru kanatti ofeeggannoon taasifamu hafee jireenya akka duraatti deebi’ameera jedhan.
“Geejjibni dachaadhaan dabalus baayinni nama fe’anii garuu akkuma duraatti. Namni to’atu hin jiru. Akka magaala Ambootti ittisa vaayirasii kanaatif akkaataa labsii labsameen kan hojiirra oolaa jiru tokko hin jiru jechuun nidandahama” jedhan.
Aanaa Dugdaa Irraa kan dubbifne Obbo Boruun koronaavaayirasiin akka ajandaa soba ta’eetti fudhatamee namni jireenya idileetti deebi’aa jiraachuu himu.
“Duraan bakka hundatti harka dhiqannaan qophaa’ee jira. Amma waajjira mootummaa yoo dhaqxee halaalaa akkam jirtu jette,’Koronaan hin jiru inni siyaasaa, koottu harka nafuudhi’ jedhamuurra gaheera” jedhan.
‘Oromiyaa keessatti wanti akka Koronaavaayirasiitti tuffatame hin jiru’ kan jedhan jiraattonni kunneen, tuffiin kuni balaa hamaa fiduunsaa waaan hin oolle jechuunis yaaddoo qaban ibsu.
Magaalotatti sochiin daldalaa fi dinagdee bifuma idileetiin hojiirra oolaa jiraatus ofeegannoon daran laafeera.
Magaalota akka Adaamaatti ammoo gareedhaan bashannanuu, gareedhaan dhugaatii dhuguun, manneen fooniitti foon dheedhii nyaachuunfaa akkuma yeroo koronaavaayirasiin duraatti deebi’aa jira.
Dhuguma koronaavaayirasiin hin jiruu?
Ta’ii magaalota Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru kana namni ilaales gaaffii ‘dhuguma Koronaavaayirasiin hin jiruu? Jedhu sammuu isaa keessatti xinxaaluun isaa hin oolu.
Dhimma kanarratti kan dubbifne hogganaa itti aanaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa, dagannaan hawaasaa kuni miidhaan isaa torbeewwan muraasa darbe kanatti mul’achuu eegaleera jedhan.
Vaayirasichi namoota sababa adda addaatiin du’an irrattis baayinaan argamaa jiraachuun koronaavaayirasiin sadarkaa hawaasaatti bal’achuu kan agarsiisu waan ta’eef uummanni ofeegannoo amma dura taasisaa turetti akka deebi’uu qabu dhaaman.
“Tilmaama amma dura tureen Koronaavaayirasiin Adoolessa 15 booda haalan akka dabalu sodaatamee ture. Kuni amma eegaleera. Guyyaatti nama 700 olirratti argamaa jira. Uummanii keenya ofdagachuu hin qabu. Mala ofeegannoo hunda hojiirra oolchuu qaba” jedhan.
Yeroon kuni yeroo kamiyyuu caalaa kan itti namni hundi lubbuu isaa koronaavaayirasii jalaa baraaruuf ofeegu ta’uusaa hubatamuu qabas jedhan Obbo Darajjeen.















