Koronaavaayiras: Talaalliin Covid-19 miidhaa maddee qabaachuu malaa?

Madda suuraa, Getty Images
Gareen Yunivarsiitiin Oxfoordi torbee kana firii qorannoosaa jalqabaa wayita baasetti oduun gaarii dhaga’amee ture. Talaalliiwwan hedduu namootarratti yaalaman keessaa isa tokko yoo ta’u, 140 kan ta’an ammoo guutuu addunyaatti adeemsarra jiru.
Gulaaltuun kutaa fayyaa BBC Misheel Roobartis waa’ee talaalliirratti gaaffiiwwan keessaniif deebii qopheessitee jirti?
Talaalliin %100 fayyaalessaa? Talaalliin ariitiin raabsamee miidhaa maddee akka hin qabaanneef nan yaadda’a?
Tiim Piraayik, Wuudilsfoordi, Liids irraa
Talaalliiwwan haaraa osoo ummataaf hn raabsamin dura nageenyummaan isaanii sirriitti qoratama. Talaalliin koroonaavaayiras ariitiin omishamuuf yaadamaa jiraatus adeemsa yaalii kana keessa darbuunsaa dirqama.
Wal’aansi kamiyyuu miidhaa cinaa muraasa hin dhabu, kan koroonaas kanarraa adda miti. Miidhaawwan cinaa talaallii hundarratti beekaman jiru, isaanis, gogaa bakka lilmeen itti waraaname diimachuu/iitauu fa’a.
Talaalliin 2019’f 2020 keessa qufaa qufaaf omishame koroonaavaayiras wal’aanuuf yaalamaniiru kan jedhuuf ragaan jiraa?
Antooniyoo Saaluutoo, Beedfoordi, Ingilaandirraa
Talaalliin qufaa/utaalloo koroonaavaayiras hin fayyisu. Dhibeewwan lameen kan wal hin fakkaanneefi vaayirasiiwwan garagaraan kan dhufanidha.
Garuu talaallii qufaa fudhachuun fayyaa ofii eeggachuuf gaariidha, keessumaa yeroo weerar Covid-19 kanatti.
Utaalloon keessumaa warra balaaf saaxilamoodha jedhaman (ganna 65 ol jiran) irratti dhukkuba hamaa ta’uu waan maluuf.
Namoonni qaama isaanii jijjiirsisan fkn kalee, talaallii kana fudhachuu danda’uu?
Aan Liindoo, Reeding, Ingilaandirraa
Saayintistoonni talaalliiwwan koroonaavaayirasiif ta’an garagaraa yaalaa jiru. Kamtu caalaatti milkaa’aa ta’uu mala kan jedhu ammallee hin baramne. Tarii namarraa namatti talaalliiwwan gosa adda addaa hojjachuu malu.
Namoota namoota irratti yaaliin taasifamaa kan jiru yoo ta’u, talaallii kanarraa eenyutu caalaa fayyadama kan jedhu baruuf ammallee yeroo fudhata.
Humni vaayirasichaa kan laaffatu yoo ta’ellee talaalliin kun bu’a qabeessa ta’uu malaa?
Aalan Ng, Dingilii, Kaanaadaa irraa
Talaalliiwwan koroonaavaayiras ammarra yaalamaa jiran qaccee tatamsa’ina ariifataa ammarra naanna’aa jiru irrattidha.
Vaayirasoonni laaffachuu danda’u, garuu talaalliiwwan bu’a qabeessa ta’uurraa isaan hin dhorku. Vaayirasichi hagam akka laaffateefi qaamni vaayirasichaa rukutuuf yaadamee tolfame sun hagam hubamuu danda’a kan jedhutu murteessa.
Talaalliiwwan haga yoonaatti yaalamaa jiran kan aggaammatan pirootiinii vaayirasiin kun seelii namaa hubuuf ittiin maxxanu irrattidha. Saayintistoonnis qaama vaayirasichaa kanarratti amma yoonaa laafinaa akka hin agarreefi bu’a qabeessummaa talaallii akka gadi hin buufne mirkaneessaniiru.
















