Koronaavaayiras: Tuuriizimiin biyyoota Afriikaa yeroo weerara Covid-19 kanatti maal fakkaata?

Chiitaan kokolaataa daawwattootaarra dhaabbatee

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoonni Afriikaa paarkiiwwan, qarqarawwan bishaaniifi bakkeewwan seena qabeessa qabaachuusaaniirraa kan ka’e daawwattoota heddu keessummeessu.

Yeroo kanatti garuu sababa weerara koronaavaayirasii lakkoofsi daawwattoota haalan gad-bu’eera jedhe gaazexeessaan Laarii Madoowo.

Maariyaa Ma’iileen Afriikaa Kibbaa magaalaa Keep Taawunitti manasheetti keessummootaaf irbaata bilcheessaafi keessummeessaa ture.

Yeroo duraaf waggoota 22 dura keessummoota sadii keessummeessuun ture hojii kana jalqabde.

Yeroo kanatti garuu sababa koronaavaayirasiin hojiin daldalaashee dhaabbatee jira.

“Keessummoonni dhufaa hin jiran, maddi galii kiyyaa durgoo mootummaan naa kaffalu qofaadha,” jetti.

“Sababa umuriin kiyya ganna 70 ta’eef ofii kiyyaaf nan sodaadha. Maallaqni na barbaachisa ta’us garuu fayyaa kiyyarra hin caalu,” jetti.

Aadde Maariyaan weerarri koronaavaayirasii tuurizimii Afriikaa akka miidhaa jiruufi namoonni hedduu hojii dhabdoota akka ta’aniif fakkeenyadha.

Sodaa daawwattootaa

Biyyoonni muraasni balalii idil-addunyaa jalqabaa jiru. Kun ammoo yaaddoo namoonni biyyoota biraa koronaavaayirasii akka haaraatti qabatanii dhufu jedhu uumeera.

“Weerarri koronaavaayirasii dhiibbaa guddaa tuuriizimiirratti uumeera,” jetti Naleedii Kaaboo, Itti-gaafatamtuun Waldaa Tuuriizimii Afriikaa.

“Tuuriizimiin akka duraa ta’a jedhee hin yaadu.”

Afriikaan bara 2019’tti daawwattoota miiliyoona 71.2 ta’an keessummeessiteetti, akkasumas namoota seektara kana keessa jiran miiliyoona 25tti siqaniif mindaa kaffaluu dandeessee turte jedha Dhaabbanni Tuuriizimii Addunyaa.

Afriikaan ammatti galii doolaraa biiliyoona 55 ta’u dhabdeetti jedha Gamtaan Afriikaa.

Echee Emolee dhaabbata daawwachiisaafi sagantaalee adda addaa qopheessuu kan qabu yoo ta’u, daawwannaa gara Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Itoophiyaafi Gaanaa taasisuuf ture haqee jira.

“Ammatti kaayyoon kiyya lubbuun jiraachuudha. Waan fedhe dhabdullee boodarra deebifachuu dandeessa,” jedha Emoleen.

Bayyanachuuf yeroo fudhata

Taanzaaniyaafi Tuuniziyaan biyyoota daangaasaanii bananiin daawwattoota biyyoota biraa keessummeessaa jiraniidha.

Morookoofi Moorishiyes biyyoota daawwattoota hedduun daawwataman ta’us daawwattoota biyyoota biroof ammallee karrasaanii hin banne.

Biyyoonni akka Keeniyaa, Siicheelesiifi Ruwaandaa balalii idil-addunyaa Hagayya 1 irraa kaasee akka jalqaban ibsaniiru.

“Galiin bara 2020’tti tuuriizimiirraa argannu %50 – 70 gad bu’a,” jetti Kileer Akaamaanzii hoggantuun Boordii Guddinna Ruwaandaa.

“Ta’us garuu haalli kun erga daandii xiyyaaraa banamee booda waan uumamuu irratti hundaa’a.”

Biyyoonni Afriikaa Bahaa waggatti daawwattoota gooriillaa daawwachuuf garas imalan miiliyoona 1.63 bara 2019’tti kan keessummeessan yoo ta’u, kanaanis galii doolara miiliyoona 498 argatanii jiru.

Goorillaa

Madda suuraa, VISIT RWANDA

Diyasporaarratti xiyyeeffachuu

Lammiileen Afriikaa Kibbaa heddu oduu dogoggoraa kan magaalaa Keep Taawun keessatti koronaavaayirasii akka tatamsa’uuf sababa ta’an daawwattoota biyyoota biraatii jedhuun irratti qeeqasaanii ibsanii turan.

Naamiibiyaa, Keeniyaafi Ruwaandaan biyyoota hojjattoonni manasaaniitii akka hojjataniif xiyyeeffannaan hojjataa jiraniidha.

Daawwattoonni hoteelotatti, riizoortiittiifi bakkeewwan kaan namoota muraasa qofa arguu malu. Kunis sababa namoonni fageenyasaanii eeggataa jiraniifidha.

“Wanti jijjiiramuuf ta’u amala daawwattootati. Kunis nageenyummaa, ofitti amanamummaafi wal amanuurratti kan hundaa’uudha.

Namoota waliin wal qunnamtii gad aanaa qabaatu yoo ta’e, hammuma sana nageenyummaansaaniis mirkanaa’a,” jedhan Obbo Sisaa Nishonaa, hoogganaan Tuuriizimii Afriikaa Kibbaa.

Akka carraa ta’ee Aadde Maariyaan hamma bara dhufuutti daawwattoota biyyoota alaa akka Paariisiifi kaan irra dhufan keessummeessurra daawwattoota Afriikaa Kibbaa qofa ta’a kan keessummeessan.