Kim Kaardaashiyaan dhimma fayyaa sammuu abbaa warraashee ifatti dubbatte

Madda suuraa, Reuters
Kim Kaardaashiyaan Weest dhimma haasaa addaa inni taasiseen booda wa’ee fayyina sammuu abbaa warraashee Kaaniyee Weest irratti ifatti ibsa kennite.
Fuula Inistagiramii isheeratti: “Akka hedduun keessan beekta Kaaniyee dhibee xiinsammuu ‘bi-polar disoder’ jedhamu qaba,” jechuun barreessite.
“Namni dhibee kana qabu ykn nama qabu beeku, dhibee kana hubbachuun akkam akka cimuufi rakkiisaa akka ta’e ni beeka.”
Kaaniyeen “nama beekaa garuu walxaxaa ta’e,” kan “takka takka wanti inni dubbatu waan yaade waliin hin deemnedha,” jetteetti.
Ameerikaatti weellisaa /raapparii bekkamtii qaban keessa tokko kan ta’e Kaaniyeen amma filannoo pirazdaantumma US’f dorgomuu yaalaa jira. Kanaanis walqabate Tiwiiitara gubbaatti gaaffiifi yaaddoon hedduu ka’eera.
Kaaniyeefi Kim bara 2014tti bultuu ijaarratanii ijoollee afur waliin qabu.
Ergaa Roobii barreessite kanarratti Kim kanaan dura dhibeen isaa kun maatii isaani akkamiin akka miidhe ifatti dubbattee akka hin beekne himuun “ ijoolleekoof waanan dhimmuufi dhimmaa fayyaa isaa irratti Kaaniyeen mirga iccitii gochuu qaba,” jetteetti.
“Har’a garuu, sababa logiifi qooliffannaa dhibee sammuurraa jiruuf yaadakoo kennuu akkan qabu natty dhaga’ama,” jechuun barreessiteetti.
“Namootni waayee kanaa hin beekne, namaratti faraduufi maatiinis ta’e hiriyyoonni hagam yaalanis namni dhibee kana qabu yaalii argachuuf ofiin fedhii qabachuu akka qabu hin hubatani.”
Itti fufuun Kim abbaan warraa ishee ‘nama beekkamtii qabufi ija uummata dura waan jedhuuf gochii isaa yaadaafi miira ciccimaa kaasuu danda’a” garuu garaamummaafi hubannaan akka keennamuuf gaafatteetti.
“Inni nama beekaa ta’e garuu walxaxaa ta’e, kanarratti immoo artistiifi nama gurrrachhaa ta’uu isaan dhibbaan kan irra jiru, du’a harmee isaan kan miidhameefi sababa dhibee isaan qofummaan nama itti dhaga’amuudha,” jetteetti.
“Namootni Kaaniyee dhiyeenyatti beekan lapheesaa beeku, haasaan isaas takka takkaa yadaa isaa waliin kan hin deemne ta’uu ni hubatu.
“Namni dhibee ‘bipolar disoder’ qabaachun dandeettii fi abjuu namaa, akkamuma waan adda ta’eefi hin taanee ta’us kana kan balleessu miti.
“Miidaleefi uummatni kana keessa darbuu akka dandeenyuuf gara laafummaafi hubannaa akka keennaniin gaafachuun barbaada.”














