Raapperiin Ameerikaa beekamaa Kaaniyyee Weest Pirezedaantummaaf akka dorgomu beeksise

Kaaniyyee Weest haadha warraa isaa Kiim Kaardaashiyaan waliin

Madda suuraa, Reuters

Raapperiin Ameerikaa beekamaa Kaaniyyee Weest Pirezedaantummaaf akka dorgomuuf jiru kaleessa beeksise.

Kana jechuun ammoo nama baayyee akka jaallatu himamu Pirezedaant Doonaald Tiraamp waliin wal dorgoma jechuudha.

"Yeroon ammaa kun waadaa Ameerikaadhaaf galle Waaqa amanannee kan itti raawwannu ta'a. Mul'ata keenya tokkummaadhaan kan ittiin galma geessifannuufi fuuldura keenya ittiin ijaarranudha," jechuudhaan fuula tiwiitera isaarratti kan barreesse Weest, "Pirezedaantii Ameerikaa ta'uudhaaf dorgomuuf murteesseera," jedhe.

Haati warraa isaa Kiim Kaardaashiyaaniifi dureessi beekamaa Heloon Meesk ammoo Raapperii kanaaf deggarsa akka taasisan ibsaniiru.

Haata'u malee, Kaaniyyee Weest pirezedaantummaaf akka dorgomu ifa miti.

Filannoo pirezedaantii Ameerikaa Sadaasa keessa gaggeeffamuuf jiruuf maqaan isaa Komishinii Filannoo Federaalaatti hin galmeeffamne.

Odeeffannoo kuusaa Komishinii Filannoo keessaa argameen namni maqaa Kaaniyyee waliin walfakkaatu kan jiru nama Kaaniyyee Diiz Weest jedhu paartii Giriin jedhamuuf bara 2015 keessa dorgomuuf galmaa'ee ture qofaadha.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Raapperiin beekamaa kun pirezedaantummaatiif nan dorgoma jechuun isaa kan jalqabaa miti.

Badhaas muuziqaa viidiyoo MTV bara 2015 ture irratti bara 2020 akka dorgomu dubbatee ture.

Haata'u malee, baruma kana filannoo Sadaasa dhufuu osoo hin taane isa waggaa afurii booda dhufu irratti akka dorgomu ibsee ture.

Yeroo sanattis maqaa isaa, " Kiristiyaan Jiines Biliyeenar Kaaniyyee Weest" akka jedhu dubbateera.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Raapperiin umuriin isaa ganna 43 ta'e kun ergaa tiwiitera isaarratti kaleessa barreesse keessatti paartii siyaasaa itti makamee dorgomuuf jiru hin ibsine.

Ta'us garuu, filannoon gaggeeffamuudhaaf yeroo baatiin afur qofaa hafe kanatti paartileen jiran bakka bu'ee dorgomuun isaa waan yaadamu miti.

Dhuunfaa isaatiin dorgomuu yoo barbaade ammoo mallattoo sassaabbatee osoo guyyaan isaa hin xumuramiin kutaa bulchiinsaa tokko keessatti galmaa'uun isarra jiraata.

Kutaaleen bulchiinsaa gurguddoo keessatti dhuunfaadhaan dorgomuudhaaf yeroon galmee kan dhumate yoo ta'u, kutaaleen bulchiinsaa xixiqqoo keessatti ammallee galmaa'uu ni danda'a.

Filannoo itti aanuuf kan falmiif waliif bahan Pirezedaanti Doonaald Tiraampiifi kaadhamamaa warra Dimokiraatotaa Joo Baaden.

Waggaa lamaan dura Raapperiin beekamaa kun kuffiyyaa deegartoonni Tiraamp godhatan "Ameerikaa guddoo taasifna" jedhu godhachuudhaan Waayit Haawusitti Pirezedaant Tiraamp waliin kan wal argan yoo ta'u, haasawa namoota hedduuf hin galiin hafe tokko taasisee ture.

Tiraampiin baayyee akka jaallatu himuun yeroo hammachuudhaaf itti siquttis Pirezedaantichis gama isaaniitiin "baayyee kan nama gammachiisudha" jedhaniiru.

Raapperiin beekamaan kun dabalataan ammoo yaada lammileen Ameerikaa gur'aacha ta'an warra Dimokiraatotaa deeggaruu qabu jedhu mormuu isaa dubbateera.

Haati warraa isaa Kiim Kaardaashiyaan ammoo Kaaniyyee Weest pirezedaantummaatiif dorgomuuf murteessuu isaa alaabaa Ameerikaa waliin miidhagsitee tiwiitera isheerratti baafteetti.

Yeroo ammaa kanatti sirni haqaa akka foyyaa'uuf duula gochaa kan jirtu Kiim Kaardaashiyaan, Pirezedaantichi akka hidhamtoonni hedduun gadi lakkifamaniif dhiibbaa uumuu dandeesseetti.