Itoophiyaa keessatti adeemsi filannoo kanan duraa akkam maal fakkaata?

Madda suuraa, Anadolu Agency
Hamma yoonaatti guyyaan filannoo murtaa'uu baatus filannoon bara 2020 Itoophiyaa Caamsaa dhufu keessa akka gaggeeffamu eegama.
Ga'aa ta'uu baatullee sochiileen tokko tokko akka taasifamaa jiranis dhaga'amaa jira. Adeemsi filannoofi duula na filadhaa filannoowwan darban irratti ture maal fakkaata jennee aanga'oota siyaasaa gaafanneerra.
Bara duriirraa eegalee yaadrimeen siyaasaafi sagantaan paartilee biyyoota alaarraa kan hatameefi salphaatti hawaasa biyyattii biratti kan hin hubatamne waan ta'eef mormii kaasisaa tureera jedhu.
Bara 1960oota keessa sochii barattootaa keessatti kan hirmaatanii turan Dr. Taadiyoos Boggaalee ummanni har'as maqaadhuma gurraa qaba malee hubannoo hin qabu jedhu.
Bara sana, bara tarsimoon siyaasaa 'Soshaalizimii' alaa hatamee biyyarratti fe'amuuf dhufe sana barattoonni akkas jechuun morman jedhu.
''Waliin jiraachuun ,waliin nyaachuun, wal gargaaruun, walumaa galatti jireenyi hawaasummaa nuuf waan haaraa miti. Nuti kan barbaannu daandiin, manni barumsaa, bishaan, buufati fayyaa akka nuuf hojjetamuudha''
Mootummaan ADWUI erga aangoo qabatee 'Mootummaa Ce'umsaa' keessa paartileen sadi ALI bara 1983 irraa eegalanii walmorkii keessa turan.
Paartilee kunneen keessaa tokko kan dursaa turan Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos sagantaasaanii ibsachuufis ta'e deggersa argachuuf qormaata guddaa keessa akka darban dubbatu.
Bara biyyi 'chaartaraan' buluu eegalte sana sagantaa paartii isaanii beeksifachuuf jalqaba gara kibba biyyattii magaalaa Osaa'inaa imaluusaanii kan dubbatan Pirofeesar Bayyanaan mootummaa aangoorra jiruun dhorkamuu ibsan.
Mootummaa wajjin atakaaroo keessa seenuun baruma sana akka eegales dubbatu.
Yeroo sana akka sagantaa paartii mormituu hin beeksifanneef dhiibbaan ADWUI irraa isaan ga'aa turuu kan dubbatan aanga'aan siyaasaa gameessi kun sirni paartilee hedduu fi dimokiraatawaa ta'e biyyattii keessatti barbaachisaa akka ta'e labsuu akka eegalan dubbatu.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Ergasiis shiraan siyaasa keessaa dhiibamaa akka turan kan dubbatan Pirofeesar Bayyanaan paartiin aangoo mootummaa harkaa qabu ADWUIn mala malteedhaan qonnaan bulaa of harka galchuu eegale jedhu.
Bara 1992 filannoo gaggeeffamerratti uummata hiyyummaa keessa jiru midhaan nyaataa , bishaan dhugaatii fi misoomaawwan bu'uuraa isiniif dhiyeessan jechuun qaawwa rakkinaa uumataatti fayyadamuun ADWUIn akka mo'ate dubbatan.
Kaayyoosaaniitti cichuun isaanis otoo duubatti hin jedhin sagantaa paartiisaanii beeksifachuu fi duula na filadhaa gaggeessaa akka turan kan dubbatan Pirofeesar Bayyanaan garuu sababa kanaan miseensonni isaanii mana hidhaatti daramaa fi ajjeefamaa akka turan dubbatu.
Erga paartiin ADWUI aangoo qabatee sabni Amaaraa addatti qoodamee dhiibbaan irra ga'aa jira jechuun kana qolachuuf jedhanii Paartii Saba Amaaraa kan hundeessan Pirofeesar Isaayaas Waldayyaas turan.
Miseensa paartichaa kan turan Dr Taadiyoos paartii kana deggeruuf hiriirri ba'amuu akka dhorkame dubbatu.
Hundeessaan paartichaa Pirofeesar Isaayaas kan yakkamaniifis hiriira deggersaa iyyamsiifamee waamame waan qindeessaniifidha jedhan Dr Taadiyoos.
Qondaala Paartii AZEMA kan ta'anii fi duraan paartii 'Tokkummaan Dimokiraasii fi Haqaaf' jedhu dursuun qofaasaanii mootummaadhaan morkataa kan turan Obbo Girmaa Seefuu ADWUIn waqtii filannoo golli inni hin seenne hin jiru jedhu. Waan uummanni hiyyeessi kun barbaadu waan beekuuf qaawwa kanatti fayyadamee wayita filannoo sagalee saammachaa ture jedhan.
Paartiin ADWUI gamasaatiin sirna paartilee hedduu hojiirra oolchuu fi dimokiraasii warraaqsaatiin jiruu hawaasaa jijjiiruuf akka kaayyeffatu filannoo dhufu hundarratti ibsaa ture.
Paartileen mormitootaa ADWUI qeequu malee sagantaa biraa hin qaban jechuun komataa tures.
Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos quuqamtoota mirga dhala namaa fi paartilee siyaasaa kaayyoosaaniin walitti siqan waliin ta'uun falmii ijibbaataa geggeessaa akka turan dubbatu.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Filannoo bara 1997(ALI)
Seenaa filannoo biyyattii keessatti kan ALI bara 1997, filannoo boqonnaa haaraa waltajjiiwwan marii si'omaa, fi dhaabileen siyaasaa adda addaa waliin ta'un duula na filadhaatiif irratti hirmaataa tureedha.
Wal ta'iinsaa yoo hojjatame sadarkaa biyyaatti ADWUI mo'achuun ni danda'ama yaada jedhuun ture paartilee naannooleefi biyyaaleessaa wal taasisuun bara ALI 1997'tti Gamtaa Humnoota Dimokiraasii Itoophiyaa jechuun paarileen 15 wal ta'uun waltajji tokkootti kan dhufanii turan.
Akkasumas paartileen siyaasaa afur Dhaabba Tokkommaa Itoophiyaa Hundaa walta'uun dhaabbata Qinijitti kan yeroo sanatti fudhatama olaanaa argatee ture baruma 1997'tti hundeessan.
Waqtii sanattis hawaasni addunyaa paartiin hunda hammatu akka hundeeffamuuf baayyee waan yaalaa turaniifu, ADWUI dirree filannoo banaa akka taasisuuf dhiibbaa taasisaa akka turan kan yaadatu Pirofesar Bayyanaan, motummoonni addunyaa adda addaas kallattiin ta'e al kallattiin deegarsa hedduu taasiseera.
Filannoon bara 1997 guutuu Itoophiyaa qaqabuuf socho'uuf yaale ture. Naannoo Somaaleetti rakkoolee muraasni waan tu'aniif gama sanaan socho'uun baatamulleen, naannoolee Tigraayi, Amaaraa, Oromiyaafi Kibbatti sochiileen duula na filadhaa hedduun gaggeefame ture.
Dhaabbilee idil addunyaa irraa deegarsi ni taasifama waan tureef, haaluma seerri filannoo heeyyamuun ji'oota lamaaf osoo alkanii guuyyaa hinjedhiin socho'aniiru.
Waltajjiiwwan mormii siyaasni biyyatti dunquqqaayee turee ittiin damaqee haala hinbarmneen kan itti eegalee tureedha.
Haala qindoomeen sochiin duula na filadhaa kan itti gaggeeffame ta'u paartiileen siyaasaa sadanu irratti walii galu. Isaanis bi'aa qabeessa akka turan Pirofesar Bayyanaas ta'e Dr Taadiyoos ni dubbatu.
Akka fakkeenyaattis, bakka Dr Taadiyoos itti dorgomanii turan Kutaa magaalaa Lidataa sagalee namoota filannoof galmaa'ee irra jireessa argachu himu.
Filannoo dhufuuf...
Jijjirama waggaa tokkoon duraa kaasee byyattii keessatti umamee akka gaariitti kan fudhatan Dr Taadiyoos, namoonni biyyi haala amma jirtuun filannoo gaggeessuun hinbarbaachisu kan jedhanis hin dhibne.
Duula na filadhaa gaggeessuuf galma keessatti namoota walitti qabu fi ummataan wal arguutu barbaachisa. Haala amma jiruun ammoo kan raawwachuun baayyee rakkisaa ta'a jedhu.
Pirofesar Bayyanaan gama isaanitiin ejjannoo ''Ummata argachuuf haalli tasgabbii baayyee cimaadha. Akka paartii siyaasaatti osoo sagantaa isaa hinibsiin attamiin filannoo gaggeessu danda'a? jennoo jedhu qabu. Haala tasgabbii dhabinsa hanga ammaatti jiruun wal qabatee sochiin kan daangeeffame yoo ta'u, duula filannoo irrattis dhiibbaa mataasaa qabaata amantaa jedhu qabu.
Kanaan alatti ammoo hawasniifi motummoonni addunyaa tibba qaama aangoorra jiru deegaraa jiru kanatti haalli amma mulataa jiru qormaata akka ta'u yaadu.
''Filannoo bara ALI 1997 yoo fudhanneehawaasni dippilomaatikii ture jijjiran kan barbaadu waan tureef, akka ammaa kana kan qaama aangoorra jiru akkasumaan kan deegaru hinturree,'' jedhu.
Izeemaan gama isaatiin, haala haaraatiin maaniifeesitoo qoopheessaa kan jiru yoo ta'u, duula filannoo bara kanatti ammoo haala addaatti midyaalee hawaasummaatti fayyadamuuf qophii taasisaa jiraachu himu. Tokkoon tokkoo kaadhimaa fuula feesbuukii ni qabaata, ergaa na filadhaas karaa FB dabarsa.
















