Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa: Bulchiinsa Komaand Postii jalatti filannoon akkamiin yaadama?

Madda suuraa, Nekemte Communication
"Namni waraqaa eenyummaa baafatee filannoof of qopheessuuf sodaa guddaatu jira. Komaand Postii jala osoo jiruu ummanni filannoof of qopheessuun waan hin yaadamne waan ta'eef dursee nurraa ka'uu qaba," jedha jiraataan magaalaa Naqamtee sodaa nageenyaaf akka maqaan isaanii hin dha'amneef gaafatan.
Komaand Postii jala buluun akka irra bubbulte kan himu jiraataan magaalaa Naqamtee kun, sodaa jirurraan kan ka'e baasanii himachuu sodaatanillee bulchiinsi akkasii kun akka irraa ka'uuf ummanni cimsee gaafataa jira jedhu.
"Ummanni naannawaa Naqamtee hojii isaafillee bahee galuuf ni sossodaata. Keessumaa namoonni halkan hojjetan, halkan baratan ni sodaatu. Halkan mana yaalaallee taanaan deemuuf sodaatu ni jira," jedhu.
Filannoon biyaalessaa gaggeeffamuuf jiru dhiyaataa yeroo dhufutti ammoo rakkoon kun hammaachuu mala sodaa jedhu qaba jiraataan kun.
"Komaand Postiin kun osoo jiruu filannoon kun haqa qabeessa ta'a jedhamee kan yaadamu miti," jedha.
Komaand Postiin jiraachuun isaa jiraattotarraan miidhaa qoor-qalbiifi dinagdee akka geesisaa jiru ibsuun, namoonni paartileen siyaasaa deeggaran waliin ta'uun mirga siyaasaa isaanii fayyadamuurraa akka of qabanillee taasiseera jedhu.
Jiraataan Godina Qeellam Wallaggaa sodaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne barbaade biroon waa'ee filannoo yaaduu yaa turuu egereen isaanii maal ta'uu akka danda'u waan tokko hin beeknu jedhu.

Oduu kanatti dhiyaatan biroof:
"Isaan shaneetu isin waliin jira jedhu. Nuti ammoo shanee hin beeknu jenne. Shaneen yoo barbaadan [Caakkaa] taa'uu danda'u ykn ol dhufanii deebiyuu ni danda'u. Osoo hin jaallatiin waan hin beeknetti dararamaa jirra. Nuti egeree keenya wallaalaa jirra. Egereen keenya nuuf gala hin jiru.
Filannoonis yoo gaggeeffame kan keenya waan nagaa ta'u natti hin fakkaatu. Bakka kanattis waan [filannoon] gaggeeffamu natti hin fakkaat," jedhu
Jiraataan kun akka jedhanitti akka Aanaa Anfillootti namni waa'ee filannoo yaadu hin jiru.
Namni waajjira banatee sochiitti jiru tokkoyyuu akka hin jirre himuun, "Nuti filannoo karaa ittiin gaggeessinu hin qabnu. Maaliif jennaan, nuti birmaduu hin qabnu.
Inni dhufee duula na filadhaa gaggeessus biyya Komaand Postiin jirutti akkamiin duula na filadhaa gaggeessaa? jechuun bifa gaaffiin ibsu jiraataan Aanaa Anfilloorraa sodaa nageenyaaf maatii isaa qabatee magaalaa Dambi-Doolloo jiraataa akka jiru himu kun.
"Jarri kun [Komaand Postiin] warra akka ABOfi KFO ari'atu," jechuun paartileen kunneen haala amma jiruun duula na filadhaa gaggeessuu akka hin dandeenye sodaa qabu ibsa.
ABO akka fakkeenyaatti kaasuun, alaabaa isaallee baasee mul'isuu hin danda'u waan ta'eef duula taasifachuun filannoo gaggeessuun rakkisaa ta'uu ibsan.
Jiraattonni godinaalee Lixa Oromiyaa bulchiinsa Komaand Postii jala jiran, yaada isaanii gaaffii BBCn gaafateef yaaddoo sodaa qabna jechuun haala keessa jiran himachuurraa of qusataniiru.
Jiraattonni magaaalaa Shaambuu, Gimbiifi Ayiraa Gulliisoo BBCn dubbise 'haalli keessa jirru rakkisaadha waan ta'eef yaada keenya ibsachuu ni sodaanna' jechuun dubbatu.
Komaand Postiin eessa eessa jira?
Naannoo Oromiyaa keessatti bakkawwan bulchiinsa Komaandi Postii jala jiran godinaalee sagal akka ta'e kan dubbatu dargaggoo Lammii Beenyaa, paartiin isaa ABOn bakkawwan kunneen keessa socho'uun siyaasa isaa gaggeeffachuuf haaluma jiru keessatti carraaqaa jira jedha.
Godinaaleen Oromiyaa Komaandi Postii jalatti bulaa jiran Wallaggaa afran (Qeellam Wallaggaa, Wallaggaa Lixaa, Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa), Gujii lamaan (Gujii Bahaafi Gujii Lixaa), Iluu Abbaa Booraa, Bunnoo Baddalleefi Booranadha.
Akka Obbo Lammiin jedhanitti godinaalee Bunnoo Baddalleefi Iluu Abbaa Booraa keessa sochiin jiru gaariidha. Wallagga Bahaa keessallee sochii gaarii taasisaa akka jiran himu, godinaalee Qeellam Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Gujii lamaaniifi Booranatti hanga ammaa sochii akka hin jalqabiin jiran ibsa.
Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)'tti Itti - gaafatamaan liigii dargaggootaa Obbo Addisuu Bullaallaa Komaand Postiin kanaan duras ta'e ammas hojii siyaasaa isaaniirratti danqaa akka tureefi ammallee danqaa ta'aa akka jiru dubbata.
Kanaan dura bakka gara garaatti waajjirri isaanii cufamaafi saamamaa akka ture ibsuun, bakka bu'oonni isaanii gubbaarraa hanga sadarkaa gandaatti akka hidhamaafi dararamaa turan dubbateera.
"Guyyuma lama sadii durallee fakkeenyaaf magaalaa Bulee Horaa godina Gujii Lixaa keessatti miseensa dhaaba keenyaafi koree keessa hojjetu hidhanii halkan edaa reebaa turan," jedha.
Obbo Addisuun ofuma isaanii dhiyeenya gara Godina Gujii Bahaa deemanii waajjira yeroo banataa turanitti haalli ture nagaa ta'uu dhugaa bahuun, boodarra garuu namoonni afur qabamanii akka hidhaman dubbata.
Akka Obbo Addisuun jedhutti, namoonni godinaalee Gujii lamaanirraa hidhaman mana murtiitti hin dhiyaatiin jiru.
Poolisiin yaada irraa fuudhee mana murtiitti hin geessiin jiraachuusaa himuun akkas jechuun sababa dhiyeessu: "Maaliif osoo mana murtiitti hin dhiyeessiin akkasumaan hidhaa tursiiftu jedhamanii yeroo gaafataman, bulchiinsa Komaand Postii jala waan jiruuf mana murtiitti hin dhiyeessinu."
Kun ta'uun isaa baay'ee akka danqaa isaanitti uume kan dubbatu Obbo Addisuun, gama kaaniin ammoo waraanni mootummaa baay'inaan socho'aa waan jiruuf achi keessatti ummata kakaasanii, leenjisanii ijaaruun baay'ee danqaa isaanitti ta'uu kaasa.
"Kanaaf mootummaan qaamota kana waliin dubbatee wanta kana dafee sirressuu qaba. Namoota hidhuu kanas dhaabuu qaba. Namoonni hidhaman hedduun isaanii miseensota keenyadha."
Yeroon ammaa kun akka sagantaa Boordiin Filannoo baasetti kaadhimamtoota Caffeefis ta'e mana maree bakka bu'oota ummataaf dorgoman deggarsa mallatteesisiifachuu qabanidha jedha Obbo Addisuun.
"Kana malees, namoonni kaadhimamtootaaf deggarsa barbaadamu mallatteessan miseensota keenya waan ta'aniif godinaafi aanaa irratti argachuudhaaf rakkisaa ta'a."
Godinaalee Wallaggaa arfan, Gujii lamaan, akkasumas Boorana keessatti haalli deemaa jiru baay'ee danqaa akka isaanitti ta'ee jiru himuun, "Komaand Postii keessatti filannoo gaggeessuun baay'ee rakkisaa ta'eera," jedhu.
Rakkoo kana furuudhaaf ammoo karaa Gaaddisa Hooggansa Oromootiin akka nageenyi bu'uufi Komaandi Postiin kun itti sirrachuu qaburratti dubbachaa jiraachuu quban qaba jedhu Obbo Addisuun.
Akka Obbo Addisuun jedhanitti, koreen dhimma kana falu kan hoogganaan Adda Bilisummaa Oromoo keessa jiran ijaarameera.
"Naannoo Komaand Postiin jiru kanarratti dhimma nageenyaa akka furaniif yaalamaa jira. Itti deemamaa jira; karaa Gaaddisa sanaa mariyatamaa jira. Nutilleen karaa sana gaafachaa jirra."
Parlaamaan biyyattii waan hin beekneef Komaand Postiin labsame kan seera hin guutneefi gaaffii kaasudha kan jedhu Obbo Lammiin, akka ka'u ni gaafanna jedha.
'Sochii siyaasaa nagaa taasisuu feesisa'
Bakka hundaatti paartileen siyaasaa hundumtuu sochii karaa nagaatiin yoo taasisan malee nagaa waara'aa argamsiisuun hin danda'amu kan jedhu Obbo Lammiin, "Naannoo sana keessatti dirqamaan gara siyaasaatti deebinee naannoon sun banamee Komaand Postiin kun hafee jaarmiyaaleen siyaasaa achi keessatti socho'uun isaanirra jiraata," jedha.
Kana milkeessuudhaaf qaamota lama waliin haasa'aa jirra jedha Obbo Lammiin--mootummaafi Boordii Filannoo Biyyaalessaa.
Naqamteerratti Komaand Postiin akka hojii siyaasaa isaanii hojjetatan akka hayyameef ibsuun, caasaa gara oliirraa walhubannoon qaamolee mootummaafi paartilee siyaasaa waliin jira jedha Obbo Lammiin.
Akka dargaggoon kun jedhutti rakkoon walhubachuu dhabuun kan jiru caasaa gara gadiiti.
Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ALI bara 2012/ bara 2020 baatii shanii booda gaggeeffamuuf eegamaa jiru kanaaf bakkawwan bulchiinsa Komaand Postii jala jirutti paartileen siyaasaa akkaataa barbaadamuun socho'uun rakkisaa ta'uu himanis oduun qophii filannoo ittuma fufee jira.
Boordiin Filannoo Biyaalessaa filannoo bara kanaaf gama hundaan qophii barbaachisaa taasisaa akka jiru yeroo gara garaatti ibsaa jira.
Gorsituun Komunikeeshinii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Sooliyaanaa Shimallis dhiyeenya kana gaaffiifi deebii adddatti Burqaa Oduu Itoophiyaa waliin taasisteen sagantaan filannoo yeroo dhiyootti ifa ta'a jetteetti.
Rakkoo bakkawwan bulchiinsa Komaand Postii jala jiran keessa socho'uudhaaf paartileen siyaasaa himatan Boordii Filannoo dabalatee qaama mootummaa dhimmi kun ilaallatu fala maalii akka kennu gaafachuuf yaaliin bilbilaan irra deddebi'uun taasine hin milkoofne.
















