Weellisaan beekamaa Kaaniyee Weest 'duula na filadha' idilee hin taane eegale

Madda suuraa, Reuters
Weellisaan beekamaa Kaaniyee Weest filannoo pireezdaantummaa US 2020’f haala hin baramneen duula na filadhaa Charlistan, Kaloraayinaa kibbaatti eegaleera.
Kaaniyee, namnni ganna 43, paartii ofii uume ‘Barzidaay Paartii’ jedhamuuf kadhimamaa ta’ee dhiyaata.
Duula kanarratti raappariin kun imaammataa akkanumaan waan uumaa deemu fakkaata. Haasaa isaa irratti dhimmaa ulfa baasuu irraa eegale hanga wa’ee Hariyeet Tubmaniitti dubbateera.
Jaalattoonni weellisaa kanaa garuu dhugumaan kun saatii dhumaatti pireezdaantummaaf dorgomuufimoo beekkamtii isaa dabaluuf waan gochaa jirudha kan jedhu gaaffi itti ta’eera.
Duulli Chaarlitanitti taasisee wa’ee filannoo piraazdaantummaaf dorgumuun isaa dhugumaan kan jedhuuf danuu ibsa hin keennu.
Ta’us garuu barreeffamni Tiwitarii gubbaa inni kaa’ee kan garuu deebi’eemmoo balleesse, sirboota haaraa inni hojjaachaa jiru agarsiisa, sun ammoo shakkii jiru dabaleera.
Duula kanarratti Kaaniyeen maal jedhe?
Duulaa kanaratti Kaaniyeen uffata rasaasa ittisu uffatee sagalee guddistuu ykn maaykirafonii malee namoota walitti qabamniif haasaa taasisaa ture.
Hirmaattota gaaffi gaafataniifis sagalee guddiftuun waan hin dhiyaanneef, Kaaniyeen gaaffii gaafatamu dhaga’uu dadhabee irra deddebiin namootaan callisaa jechaa ture.
Yeroo tokkotti waa’ee ulfa baasuu haasa’utti maatiin koo wayita harmeenkoo garaatti na baattutti ulficha addaan kutuuf turan jechuun boo’uu eegale: “Kaaniyee Weest kan jedhamu hin jiraatu ture, abbaankoo hojii isaan ko’omee waan tureef.”
Dabaluunis: “Intalakoo ajjeeseen oole… utuu haatiwarraakoo [Kim Kaardhaasiyaan Weest] haasakoo kana boodaa na hiikteeyyu, ani yoon hin barbaanneyyu mucaakoo Norziin addunyaa kanatti naaf fiddeetti,” jechuun dubbateera.
Ta’us ulfa baasuun seera qabeessa ta’uu qaba jedhee akka amanu ibsuun, hadhoolii haaraaf garuu gargaarsi maallaqaa jiraachuu qaba jechuun – yaada “namni mucaa godhate kamuu doolara miiliyoona tokko argachuu qaba” jedhu kenneera.
Haasaa isaa keessatti takka immoo wa’ee roggeetti jaarraa 19ffaa Hariyeet Tubmaan dubbateera.
“Hariyeet Tubman garbootaaf bilisummaa hin kenninee, kan isheen goote garbooti kun namoota adii biroof akka hojjetanidha,” jechuun dubbateera- haasaa kanaanis namootni duulaa kanarratti hirmaatan akka gumguman godheera.
Dabalataaniis, wa’ee harmee isaa, kana bara 2017tti yaalii baqaqsanii hodhuu bareedinaaf godhamu irratti rakkoo uumameen lubbuun ishee darbe yemmuu haasa’utti imimmaan isa qabe ture.
Kaaniyee Weest dhugumaan kadhimamaa filannoo kanaa ta’uu danda’aa?
Filannoof akka dorgomu kan ibse Kaaniyeen Adoolessa 4 irratti ta’us, kadhimaamtummaaf galmaa’uuf guyyaan dhumaa kaa’amee ture bulchiinsota hedduu keessatti isa darbeera.
Bulchiinsota biroo keessatti galmaa’uuf ammoo mallatoowwaan ga’aa sassaabbachuu qaba.
Torban darbe bulchiinsa Oklahoomaa keessaatti kadhimamtummaaf utuu yeroo hin darbiin galmaa’uu danda'eera.
Bulchiinsa Karolaayinaa Kibbaa irratti kadhimamummaan darbee waraqaa sagaleen itti kennamu irratti ba’uuf Wiixata galgala saatii 12 dura mallattoowwan 10,000 sassaabachuu qaba.













