Gaazexeessituun TV irratti osoo oduu dubbisaa jirtuu ilkaan fuulduraashee buqqa'e

Madda suuraa, Instagram
Yeroo TV irrattiin kallattiin sagantaa ykn oduun tamsa'uutti rakkoo tekinikaa uumaman dabalatee mudannoon hin yaadamiin dhalachuu danda'a.
Biyya Yukireeniitti wanti ta'e garuu mudannoo xiqqoo adda ta'e fakkaata.
Dubartiin maqaan ishee Marichaakaa Padaleekoo jedhamtu osoo kallattiidhaan TV biyyattii irratti oduu dubbisaa jirtuu wanta hin eeginitu irra gahe. Innis ilkaan ishee fuulduraa keessaa tokkotu buqqa'e.
Namoonni muuxannoo qaban yeroo baayyee rakkoon tasaa akkasii osoo kallattiin tamsaasaa jiranii yoo isaan mudate tooftaa ittiin mo'atan dafanii falatu.
Padaleekoonis naasuu tokko malee miira tagabbiitiin harka mirgaasheetiin ilkaan ishee isa buqqa'e afaan ishee keessaa baastee qabachuun oduu dubbisuu itti fute.
Padaleekoon yeroo kana gootu akka wanti uumame hin jirreetti oddu dubbisuu itti fufte.
"Dhugaa dubbachuudhaaf wanta uumame namni tokkoyyu osoo hin hubatiin darba jedheen ture," jechuun fuula Inistaagiraamii isheerratti barreessiteetti.
Padaleekoon osoo oduu dubbisaa jirtuu akka ilkaan ishee fuuladuraa buqqa'e viidiyoon agarsiisu garuu namoota miidiyaalee hawaasummaa fayyadamaniin hedduu waliif qooduuf yeroo itti hin fudhanne ture.
"Hangam akka dhimmamanii ana ilaalan gadi xeqqeessee tilmaamee akkan tureen yaade," jechuun viidiyoo osoo oduu dubbistuu ilkaanshee buqqa'u agarsiisu waliin walqabsisuun fuula Inistaagiraam isheerratti baasteetti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram

Haaluma walfakkaatuunis intallii dubartiin TV irratti oduu dubbisuun beekamtu kanaa, waggaa 10 dura balaa tasaatiin ilkaan irraa buqqa'ee wallaansa fayyaa argattee akka turte himameera.
Buufanni TV isheen irraatti oduu dubbisaa turte sun viidiyoo osoo oduu dubbistuu ilkaan ishee buqqa'uu agarsiisu Youtube irratti fe'uu dhiisulleen, Padaleekoon garuu deggarsiifi jajjabinni namoota irraa isheen argatte akka ishee ajaa'ibe dubbatteetti.
Kanarraa ka'uunis, Padaleekoon fuula Inistaagiraama ofiisheerratti viidiyoo sana qooddeetti.
"Haala kamiyyu keessatti tasgabbiin barbaachisaadha," kan jettu Padaleekoon "bor ganama wal argina" jechuun hordoftootaasheef waadaa galteetti.














