UAE’n yeroo jalqabaaf imala gara Maarsii eegalte

Yunaayitid Arab Emireet yeroo jalqabaaf imala seena qabeessa gara Maarsii eegalte.
Rokkeetiin H2-A ‘Hope’ jedhamubuufata hawaa Tanegashima Jappaan irraa ka’uun, haalaa qilleensaa pilaanetichaa qorachuuf imala km miilyoona 500 eegaleera.
Torban darbe keessa imalli kun sababa haalaa qilleensaaf jecha si’a lama haqamee ture.
Rokkeetiin ‘Hope’ imala isaa kan xumuru Guraandhala 2021tti yoo ta’u, guyyaa hundeeffama UAE waggaa 50ffaa waliin walirra bu’a jedhamee yaadama.
Hoggantuu saayinsii ‘Hope’ kan taatee Saraa Al Amirii, rokkeetiin kun milkaa’inaan imala jalqabuusaan gammachuu qabdu ibsiteetti.
Imalli kunis gammaachuu biyyattii keessa amma jiru kan yeroo waggaa 51 dura Apolloon Ji'arra qubatee waliin wal fakkaataadha jetteetti.
“Har’a Adoleessa 20 irratti da’immaan UAE, wanta haaraatti, abjuu haraafi carraa haaraa akka isaan waan danda’an addunyaa kanaaf gumaachan isaan godhu keessatti waan hirribaa dammaqaniif gammadeera,” jechuun BBCtti himteetti.
Ji’a kana keessa imaloota gara Maarsii taasifaman sadii keessaa kan UAE tokkodha.
US fi Chaayinaan rookkeetii imalaaf ta’u qopheessanii xumuruutti jiru.
Imalli Ameerikaa ‘Perseverance’ jedhamu imala UAE ‘Hopef gammachuu isaa ibsuun “imala hawaa irratti hanga wal agarrutti arifadheera,” jechuun Tiwitara gubbaatti ibseera.
Mootummaan UAE gartuu pirojeektii kanaan rokkeettii dhaabbata hawaa guddaafi biyyaa hambaa irraa bituu akka hin barbaanne waan ibseef, rookketti ikana ofiin ijaaruun dirqama ture.
Ijaarsii rokkeetii kanaas gara waggaa ja'aa fudhate.
Ijaarsi rokkeetii kanaa gariin Yunivarsitii Koloradoo, Laabratoorii Fiizksii Hawaafi Atmoosferii (LASP) keessatti kan taasifame ta’us, ijaarsi harki caalu garuuu Wiirtuu Qorannoo Hawaa Mohaammad Bin Rashiid, Dubaayi jiru keessatti taasifame.
Rokketii ykn saatilaayitiin UAE yeroo Maarsii ga’utti qorannoo kan taasisu sochii annisaa atmooferii pilaaneetichaa irratti yoo ta’u, odeeffannoo isaas guyyaadhaa guyyaatti , waaqtiiwwaan jijjiraman hundattuu ni sassaaba.
















