Keetii Sulivaan: Dubartii galaana gajjallaa fi samiirraatti seenaa hojjataa jirtu

Astronaut Kathryn D. Sullivan, 41-G mission specialist, uses binoculars for a magnified viewing of earth through the forward cabin windows.

Madda suuraa, NASA

Dubartiin hawaarra yeroo jalqabaaf miilaan deemte amma immoo garaa garbaa seenteetti

Mata duree haasaa miidiyaa tahuun waan Keetii Saalliivaan gammachiisee beeku miti.

Duabartii Ameerikaa jalqabaa hawaa keessa miilaan deemtee xumuruun bara 1984 keessa maqaanshee kitaaba seenaa irratti galmaa'era.

Amma immoo ganna 68'tti garba Paasfiik km 11 yabaluun iddoo gad-bu'aa garba kanaa bira geesseetti.

Imallii walii faallaa isheen taasiftu kun jaalala isheen addunyaa kana baruuf qabdu xiyyoo lamaan bakka bu'aafi.

Short presentational grey line

''Ani ijoollummaa koottillee isa dubartiin kana hin gootu jedhan cabseen adeemuufi waa haaraa baruu irratti xiyyeeffadha ture,'' jetti.

Bara 1951 Niiw Jeersiitti dhalattee ijoollummaa ishee Kaalifoorniyaatti dabarsite. Abbaan ishee injineera xiyyaaraa yoo tahu, haadha ishee waliin ijoolleen isaanii bilisaan yaada isaanii akka ibsataniifi marii'atan jajjabeessuun ture.

''Maatiin keenya waan baruuf fedhii qabnu hunda irratti nu gargaaru ture.Waanti barbaannu yeroofis haa tahu dhimma jiruu keenya fuulduraaf gargaarus tahu isaan nu bukkee dhaabachuu hin dhiisan,'' jetti Keeliin

Ijoollummaatti gaazexaa fi baruullee waa'ee abuurraa odeessan mara ni dubbisti ture.Yeroon sun immoo gareen astiroonootiiwwan Meerkuurii Seveen jedhaman gara hawaatti imalan ture.

A black and white photograph shows Kathy reading a comic book or other sort of magazine

Madda suuraa, Kathy Sullivan

Ibsa waa'ee suuraa, Sulivaan wayita daa'ima turte
Presentational white space

''Namoota kana nan arge hundinuu dhiirota turan,homaa nan dinqine. Namoonni waa baruu barbaadaniifi bu'aa bahii jaalatan iddoo namni kana dura deemee hin beekne ni deemu, ni baratus jedheen amane,''

''Ijoollummaa kootti maal akkan gochuu barbaadu, waa'ee abjuu koo sirriitti beekuu baadhus, jireenyi koo gaaffii gaafachuu, bu'aa bahii keessa darbuu fi wal dorgommii akka qabaatu nan barbaadan ture,''jetti.

Jalqaba afaan biyya alaa barachuun imala jalqabde, digirii immoo jalqabaa saayinsii dachee baratte,yeroos dhiirotatu barnoota kana baay'inaa hordofa ture.

''Yeroos dhiiroti turan dirree keessa dafqaa oolanii dhaqna hin dhiqatan,meeshaalee isaanii qixeessanii hin kaa'an,naamusas hin eegan gatii taheef, ani achi jiraachuun akka waan isaanitti tolu jeequtti ilaalame,'' jetti.

Haa tahu malee dubartii tahuu isheetiin qoccollaan saalaa irra gahee akka hin beekneefi piroofeesaroonni yeroos turan hundi akkan hunda danda'uufi waliin akka hojjennuuf na jajjabeessu ture jetti.

Sally K. Ride, Judith A. Resnik, Anna L. Fisher, Kathryn D. Sullivan and Rhea Seddon

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Suliivaan (mirga irraa lammaffaa) garee dubartootaa qorattoota samii yeroo jalqabaaf gara Naasatti imalan keessaa turte

Astiroonootii taheen dachee kana orbiitii ishee irraa arguu ijaan barbaaduuf NASAtti iyyata barnootaa galcheen bara 1978tti filatame. Yeroos dhaabbatichi dubartootni akka astiroonooti tahaniif yeroo jalqabaaf jajjabeessaa ture jetti.

Barattoota 35 keessaa jaha filatamuun yeroo jalqabaaf 1983tti gara hawaa imalan.

Yeroo sagantaa hawaatti imaluu kanaaf dubartootni kunneen filataman kuula fuulaafi meeshaa qulqullina laguu ittiin eeggatan qophaa'eefii ture.

Yeroo jalqabaaf bara 1984tti Saaliivaanis gara hawaa imalte. NASAdhaaf imala isa 13ffaa ture.

Bara kanatti xiyyaara hawaatti ergame keessaa bahuun miilaan hawaa keessa deemuun dubartii jalqabaa taate. Miiltoo ishee Deeviid Leestmaa waliin tahuun sirna orbiitii lafaa haaressuun danda'ama yoo taheef dhimma jedhu qoratani.

Ergasii si'a lama gara hawaatti imalteetti. Waliigalaan sa'aatii 532 keessa turteetti.

''Hawaa keessa sa'atii sadiif walakkaan deeme. Akka lakkoofsa yeroo hawaatti yoo ilaaltu garuu baayyee gabaabaa dha,'' jetti Saaliivaan..

These five astronauts composed the crew for the STS-41-G mission aboard the Space Shuttle Challenger. Leading the way is Astronaut Robert L. Crippen, the crew commander. He's followed by (from left to right), Sally K. Ride, Kathryn D. Sullivan, David C. Leestma, and Jon A. McBridge.

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Sulivaan wallakka namoota afuriitti kan argamtu
Astronaut Kathryn D. Sullivan checks the latch of the SIR-B antenna in the space shuttle Challenger's open cargo bay during her historic extravehicular activity (EVA) on Oct. 11, 1984

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Suraa osoo Sulivaan tibba imala seena qabeessaa gara hawaatti taasifteetti osoo hojii (extravehicular activity (EVA)) irraa jirtuutti

''Dubartoonni ana booda dhufan adeemsa miilaa hawaa keessaa ulfaataa fi wal xaxaa tahe yoo taasisan yoon argu natti tolas,''jetti

Yeroo dhaa yerootti dubartoonni sagantaa hawaa keessatti gama garaagaraan hirmaachuun akka waan guddaatti akka ilaaltu himti.Ammallee danqaa isaan mudatu hunda lolaa bira darbuu qabu jetti.

Bara darbe tuutni astiroonotii dubartoota qofa qabu hawaa keessa miilaan imlaniiru. Saaliivaan kana arguusheetti jabinni itti dhagamuu himti.

Dubartoota gamasitti imalan keessaa tokko uffannaa lubbuu baraaruuf keewwatan kan Saallivaan bara 1984tti ufftatte keewwatteetu imalte.

Saaliivaan bara 1993 NASA gadhiisuun dhaabbata biyyaalessaa garbaafi qilleensaa(NOAA) keessa saayintistii dura buutuu tahuun tajaajiluu jalqabde. Dhaabbata Saayinsii fi Indaastirii biyyattiillee hogganteetti.

Astronauts Kathryn D. Sullivan, left, and Sally K. Ride display a "bag of worms." The "bag" is a sleep restraint and the majority of the "worms" are springs and clips used with the sleep restraint in its normal application

Madda suuraa, NASA

Yaabala galaanarraa amma isheen taasifte kun kana dura dhiirota lama qofatu yaabale. Tokko loltuu Ameerikaa Doon Waash jedhamu yoo tahu, kaan immoo lammii Siwiizarlaand ture.

Kanaan ala daariktara fiilmii Taayitaaniik Jeems Kaameeruun dabalatee qixa galaanaa gadi fagoo kana namoonni qaqqaban baayyee xiqqoo dha.

Saallivaadhaan nama yabalaafi abuuraa Veskoovoo jedhamtu gara tujuba garbaa kanaatti akka imaltu ishee affeere.

Inni dhuunfaa isaatiin iddoo tujubaa garba paasfiik bira yeroo jalqabaaf qaqqabuu danda'e. Isheetiin immoo dubartiin iddoo gadi fagoo kana arguu qabdi jechuun imeeliidhaan affeereen.

Namoota warra jalqaba garba paasfiik kanarra yabalan waliin hiriyyaa tahuu isheetu affeerraa kana argamsiiseef seetee shakkitee turte.

Presentational white space

Boodarra garuu Veeskoovoon dhuunfaa isaatiin galaanarra akka yabaluu yoo bartu waliigalte.

Dilbata darbe Veeskoovoo waliin tujuba garbaa meetira 10,900 fagaatu waliin yabaluun nama saddeettafaa yoo taatu,dubartootaan immoo ishee jalqabaa tahuun seenaa galmeeffamteetti.

Imala abjuu fakkaatu jechuun ibsiteetti turtii garba keessatti taasifte.Konkolaataa roobootii isaan waliin galaana gadi fagoo keessa adeemaa ture ilaaluun adda tures jetti.

''Iddoowwan akkasii gahuuf dandeetti qabaachuun keenyi qaama keenya iddoo kana dura jira jennee hin yaadne bira geessuu akka daneenyu baruun waan raajii dha,'' jetti.

President Barack Obama speaks to the press after receiving the yearly hurricane season outlook and preparedness briefing at the National Hurricane Center in Miami on 28 May 2015

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sullivan (left) was administrator of the NOAA under President Obama

''Uffatuma guyyuu keewwannuu keewwannee turre,tujuba galaanaa faana 31,000 gad dhooqatu keessatti gaafa dilbataa laaqana keenya sooranneerra,''jetti.

Dhaabbatni yabala kana qopheesse buufata hawaa irraa gara iddoo dhooqaa garba kanaa akka bilbilamu taasisuun fiixee lamaan kana wal quunnamsiisuu danda'eera.

Dhaabbata dhuunfaa Veeskoovoo gara garaa garbaatti yabalaeefi dhaabbati dhuunfaa biroo SpaceX garaa hawaatti imale wal dorgomsiisuun guddina isaan teekinolojiif qaban agarsiifameera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Saallivaanis dameewwan barnootaa saayinsii fi herrega keessatti dubartootni hirmaachuu akka dabalan abdii qabdu ibsiteetti.

''Saayinsii fi teekinolojiin bu'uura dalagaa keenya guyyuu baayyeeti jetti.Kanaaf waa uumuu kalaquu barbaaduu qofatu waan barbaachisaa dhas jechuun dubbatti.

Kathy and Victor look at plans

Madda suuraa, Enrique Alvarez

Kathy gives a thumbs up while on a ladder toward ocean

Madda suuraa, Enrique Alvarez

Kana booda, ''garaa garbaa keessa qaamaan yaabaluu caalaa dhimmoti ani abuuruu barbaadu jiru,'' jetteetti.

''Saanduqa reeffaa xinnoo sana keessa hanga na kaahanitti garuu imala koo hin dhaabu,'' jetteetti.