Turiizimii hawaa: Dureessi Jaappaan 'michuu jireenyaa' na waliin gara ji'aa imaltun fedha jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Dureesssi abbaa biiliyenaraa Yusaakuu Maa'eezaawaa michuu jireenyaa dubartii ana faana imala Space X jedhamuun gara ji'aa adeemtun barbaada jedhe.
Namni beekamaa faashinii, umuriin isaa ganna 44 gara ji'aatti balali'uuf nama ogummaa hawaa keessa hin jirre isa jalqabaati.
Imalli kun bara 2023 kan karoorfame yoo tahu 1972 asitti gara ji'aatti deemuun isa jalqabaati.
Yusaakuu Maa'eezaawaa imala gara sanatti taasisu kana dubartii adda taate waliin dabarsuun fedha jedheera.
Abbaan qabeenyaa dhihoo kana jaalalleesaa taatuu Ayaamee Gooriikii waliin kan adda bahe yoo tahu, dubartoonnii imalichaaf akka iyyata galfataniif gaafateera, kana malees, 'sirna jaalallee filachuus' marsariitii isaa irratti akka taasisu dubbata.
"Amma qofummaafi qullaa tahuun natti dhagahamaa waan jiruuf, waanin yaadu tokko yoo jiraate dubartii tokko jaalchuun itti fufuu dha," jechuun barreesseera Yusaakuun
"Michuu jireenyaan barbaada, gara fuulduraatti jaalalafi nagaa keenya hawaa irraa gara addunyaatti waliin erguu kanin danda'u," jedha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Marsariitiin dureessa kanaa haalaafi sagantaa iyyata baatii sadiif turu baaseera.
Ulaagichi namni iyyata galfatu kan hin heerumne, ganna 20 ol, yaada gaarii kan qabduufi gara hawaa deemuu kan feetu jedh.
Guyyaa dhumaa iyyata kana Amajjii 17 yoo tahu dureessichi immoo eenyun akka filatan baatii dhuma Bitootessaa irratti beeksisu.

Madda suuraa, Reuters
Baatii darbe waan Tiwiitara isaa irratti barreesse namoota qooddatan 100 akka feete filachuun maallaqa Jaappaan-yeenii miiliyoona 100 akka badhaasu kakatee ture.
''Kana irratti hirmaachuuf na hordofuu fi isan Tiwiitara irratti barreesse deebistanii qooduu dha,'' jedhee ture.
Dureessi Jaappaan kun daldalaa uffataa online Zozo jedhamu kan qabu yoo tahu galiin isaa kanumarraa kan argamu dha. Horii dhuunfaa doolaara biiliyoon sadii akka qabu kan tilmaamamu yoo tahu aartii irratti qarshii baayyee baasa.
Gatiin inni tikeetii imala isaaf bitu hangam akka tahe ifa hin taane. Danuu akka tahuu malu garuu himamaati jira.,
Garee artistootaa isa waliin fudhatee akka deemus dubbateera.

Madda suuraa, SpaceX













