'Koronaavaayirasiin waggoota dheeraaf otoo hin badiin turuuf deema'

Madda suuraa, Getty Images
Talaalliin Covid-19 argamullee dhibichii otoo hin badiin waggoota dheeraaf akka turuu danda'u ogeeyyiin himan.
Daarektarri Jaarmiyaa 'Wellcome Trust' jedhamu Pirofesar Sir Jeramii Feerar mana maree bakka bu'oota uummata UK tti dhiyaatanii akka himanitti, amma bara haaraa dhufuttis dhibeen kun badutti hin jiruu jedhan.
Akka ogeessi kun jedhanitti ,waggoota kurnan dhufu dhalli namaa vaayirasicha wajjiin jiraachuuf deema jedhan.
Ministirri muummee UK Booris Joonsan torban darbe keessa hawaasni gara jiruu idileetti ayyaana waggaa dhufuutti akka deebi'an abdii qabaachuu erga dubbatanii booda ture.
Joonsan yaada kana kan dhiyeessan, karoora uggura sochii caalatti laaffisuu wayita dhiyeessanitti ture.
Iddoowwaan bashannanaa fi bakkeewwan namoonni itti walitti qabaman deebi'anii akka banaman karoorsuullee dubbataniiru.
Haa ta'u malee, ogeeyyiin ragaaleen dhiyeessaa jiran vaayirasichis ammatti akka hin badne ibsaniiru.
Gorsaan mootummaa Pirofesar Siiir Jeramiin akka jedhanitti yoo ta'e, addunyaan waggoota hedduuf vaayirasii kana wajjiin jiraachuuf deemti. Talaaliin argamullee, dhibeen kunis akka laafatti baduutti hin jiru.

Vaayirasichi otoo hin badiin namoota wajjin turuuf deemu kun UK keessatti bifa weeraraan akka marsaa lammaffaatti hin kaanef ganni kun yeroo murteessaadha jedhan.
Akka ogeessi kun jedhanitti dandeetti namoota qorachuu, talaallii fi tooftaalee ittisa dhibichaarratti caalatti hojjatamuu qabaa jedhan.
Yuunvarsiitii Okisfoordirrammoo pirofesar Joon Beel akka himanitti, paatojinii/ vaayirasiin kun bara baraan jiru, eessayyuu hin dhaqan, talaalli dandeettii madiinummaa qaamaa shaakalchiisuu yuunvarsiticha keessatti hojjatamuun garuu oduu gaarii ta'us himaniiru.
Kanaan walqabsiisanii pooliyoo balleessuuf tattaaffii waggoota 15'f turee fi ammas itti fufee akka fakkeenyaatti kaasan.

Madda suuraa, Getty Images
Talaallliin argamuus yeroo dheeraa waan hin turreef marsaa marsaadhaan talaalamuuni fi dhibeenis itti fufee akka jiraatullee kaasan. Kanaafuu vaayirasichaa guutummaatti dhabamsiifna yaadni jedhu waan galma gahuuf deemu mitii jedhaniiru.
Piroofesar Kiriis Witii weerara dhibichaa to'achuurratti tarkaanfii UK'n amma yoonatti fudhatterattis gaafatamaniiru.
Biyyattin uggura sochii weerara dhibichaa to'achuuf labsuurratti murteessuuf harkifannaa guddaan hin turre jedhaniiru.
Ministirri fayyaa biyyatti Maat Haankook mootummaan ji'a Eblaarraa qabee guyyaatti namoota 100,000 qorachuun akka danda'amuuf murtoo dabarsuun ni yaadatama.
















