Koronaavaayiras: Talaallii Covid-19 irratti mallattoo abdii jalqabaa

Madda suuraa, Getty Images
Talaalliin qaamni namaa koronaavaayirasii akka ofirraa ittisu barsiisuu danda’uu mallattoon agarsiisan jiraachuu dhaabbati US tokko beeksise.
Dhaabati Moderna akka jedhetti, qaama namoota yaalii talaalli kanaa fudhatan saddeettan jalqabaa keessatti waan dhibee ittisuu isaan dandeesisu hortanii argamaniiru.
Talaalliin kun dhugumaa dhibee irraa ittisuu danda’a kan jedhuuf yaaliin bal’aa Adoolessa keessa ni taasifama jedhamee eegama.
Koronaavayirasiif talaallii argachuuf addunyaa guutuutti gareen 80 ta’an saffisaan hojachaa jiru.
Dhaabbati Moderna talaalli mRNA-1273 jedhamu namarratti yaaluun isa jalqabaati.
Talaalliin kun koodii qaccee sanyii koronaavaayirasii xiqqoorraa hojjatamee dhukubsattoottaaf kan kennamu yoo ta’u, maallattoo dhibee kanaa kan fiduu osoo hin taane qaamni ittisaa dhibee akka eegaluuf kan kakaasuudha.
Ta’us garuu yaaliin talaallii kanaa namoota 45 yaaliif dhiyaatan keessaa 8 qofa irratti gaggeefame.
Namootni talaalli kana xiqeenyan fudhatan irrattilee sadarkaan dhibee of irraa ittisuu qamaa isaanii kan namoota Covid-19 irraa bayyaanatanii waliin wal gita ta'eera jedha Moderna.
Qoronnnoon kun talaalliichii hojachuu danda’aa kan jedhuuf osoo hin taanee rakkoo umuufi dhiisuu isaa adda baasuuf waan yaalameef yaalii sadarkaa jalqabaa jedhamuun beekama.
Talaalliin kun vaayirasicha namarraa ittisuu danda’aa kan jedhuuf yaaliin bal’aa ni barbaachisa. Yaalii hantuuta irratti taasifameen garuu talaalliin kun vaayirasichi somba keessa akka hin gallee gochuu danda’eera.
“Bu’aan amma arganne kun mRNA-1273 gara fulduraatti dhibee Covid-19 ittisuu danda’a kan jedhu irratti amantaa keenya cimseera,” jechuun hogganaan meedikaalaa Moderna Dr Taal Zaaks dubbataniiru.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















