Koronaavaayiras: Hidha Haaromsaa Itoophiyaafi sodaa koronaavaayirasii

Madda suuraa, GRAND ETHIOPIAN RENAISSANCE DAM
Tibba darbe namni tokko giddu-gala yaalii Covid-19 kan Aanaa Gubaatti argamu keessatti koronaavaayirasiin irratti argamuusaa Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa erga mirkaneessee as jiraattota naannoo Beenishaangul Gumziifi hojjettoota Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa biratti yaaddoofi sodaa uumeera.
Iddoowwan hojii namoonni itti heddummaatan keessaa tokko kan ta'e Hidhi Haaromsaa Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtu kun, daangaa irra ta'uunsaas sodaa dabalataa hojjettoota keessatti uumeera.
Kana malees, pirojektiin hirmaannaa lammiilee biyyoota alaa kanneen akka Italii, Chaayinaa, Jappaan, Jarmaniifi kanneen biroodhaan kan hojjetamu ta'uunsaa ammas hojjettoonni ofitti amanamummaa duraatiin akka hin hojjenne danqaa xiinsammuu uumeera.
Hojjettoota 7,000tti tilmaaman kan of keessaa qabu pirojektii Afriikaa keessatti isa guddicha ta'e kun, caasaan isaa malaammaltummaan laaqamuu, dhibdeen biyyoota sadeenii (Itoophiyaa, Sudaan fi Masirii) darbees ammammoo weerarri koronaavaayirasii mudachuun hojii isaa qorreera.
Sodaa koronaavaayirasiifi haala hojii pirojektichaa irratti BBC'f yaada kan kennan Hogganaa Olaanaa Pirojektichaa Injinar Kiflee Horroo,''Pirojektichi aanaa Gubaa keessatti argamus bakki vaayirasichi itti argame garuu nurraa fagoodha,'' jedhan.
Aanaan Gubaa aanaawwan Beenishaangul Gumuz keessaa isa bal'aa ta'uu kan dubbatan Injinar Kifleen, ''vaayirasiin kun argame kan jedhame iddoo namoonni vaayirasichaaf shakkaman itti tursiifaman kan naannawaa Paawwii jedhamu keessatti. Achitti namoota daangaa qaxxaamuruun Sudaan irraa dhufanfaatu tursiifamu. Pirojektii keenyaan walitti hidhata hin qabu,'' jedhan.
Erga weerara koronaavaayiarsii pirojekticha keessatti maaltu jijjiirame?
Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaarratti hammaatee manneen hojii addunyaarra jiran kaan hojjettoonni akka manaa yookiin fageenyarraa hojjetan, kaan ammoo lakkoofsa hojjettoota hir'isuun haala hojiisaanii mijeessuun hojjechaa jiru.
Hojiiwwan fageenyarraa hojjechuun rakkisaa ta'e keessaa tokko hojii konistraakshiniiti kan jedhan Injinar Kiflee Horroo,''nutis of-eeggannoo cimsuun ala hojjettoota hir'isuus ta'e manaa yookiin fageenyarraa hojjechiisuu hin dandeenye,'' jedhan.
''Hojjettoonni bakka hojiitti akka walirraa hiiqan gochuun cimus garuu of-eeggannoowwan biroo kanneen akka qulqullina eeggachuufi maaskii godhachaa jirra'' jedhan.
''Akka durii hojjetaan galii hin ba'u. Daawwannaan ammas hafeera. Akka carraa namni gara pirojektichaa seenu yoo jiraate guyyoota 14'f erga adda ba'ee tursiifamee booda, hordoffiin godhameefii hojjettootatti makama',' jechuun of-eeggannoowwan cimsaa jiraachuu himan.
Sodaan biraan konkolaattota meeshaalee ijaarsaa fe'aniidha kan jedhan Injinar Kifleen, isaanis wayita dhufan hojjettootatti hin siqan, konkolaataa isaaniis qoricha farra vaayirasii itti biifu jedhan.
Yaaddoo imala lammiilee biyyoota alaa...
Akka Injinar Kifleen jedhanitti, erga weerara koronaavaayirasiitiin addunyaan cufamtee lammiileen biyya keessaas ta'e lammiileen alaa hojii pirojektichaa harkaa qaban ba'anii galuun hafeera.
Sababa kanaan yaaddoo hanqina hojjetaa qabna kan jedhan injinar Kifleen,''isa kanarratti xiyyeeffannee hojjetaa jirra,'' jedhan.
Erga weerarri koronaavaayirasii Itoophiyaa mudatee lammiileen biyya alaa hojii pirojektichaarratti argaman imalanii hin beekanii isa jennee gaafanneef, ''akka carraa waggaa haaraa Chaayinootaa waliin waan walirra bu'eef lammiileen Chaayinaa imalanii turan.
Isaanis wayita as deebi'an guyyoota 14'f addatti tursiifamanii erga xumuranii booda xiyyaara addaatiin gara pirojektichaa geffamaniiru. Isa boodas hojjettootatti osoo hin makamin hordoffiin taasifameeraaf. Kanarraa kan hafe, namni imale hin jiru,' jedhan.
Akka carraa yoo qabaman eessa tursiifamu?
Mootummaan iddoo pirojektii kanaaf xiyyeeffannoo addaa kenneera kan jedhan Injinar Kifleen,''gama eegumsaanis humnoonni nageenyaa dabalataan ramadamanii sochii jiru itti dhiyeenyaan to'ataa jiru. Minsitirri Fayyaafi buufati Asoosaa irra jirus hojjettoota keenyaaf xiyyeeffannoo addaa kenneera,'' jedhan.
"Dhibeen kun gara iddoo pirojektii seenee akka hin faalleef of eeggannoo dursaarratti xiyyeeffanneerra. Yoo akka carraa as seeneefis giddu-gala wal'aansaa tokko asumatti hundeessinee kaan ammoo kan Asoosaa jirutti fayyadamuuf walii galleerra'' jedhan.
















