Hojii gaggeessaa haaraan hidha haaromsaa guddichaa Injiiner Kiflee Horroo eenyu?

Madda suuraa, Injiner Kifle
Hojii gaggeessaan pirojektii Xaanaa Balas duraanii Injiiner Kiflee Horroo hojii gaggeessaa olaanaa hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaa tahuun muudaman.
Hoji gaggeessaan pirojeektichaa duraanii Injiiner Simmanyew Baqqalaa osoo hoggansa irra jiranii lubbunsaanii darbuu hordofee itti aanaa pirojektichaa tahuu hojjechaa kan turan Injiiner Eefireem W/Kidaan yeroodhaaf bakka bu'uun hojjetaa turaniiru.
Muuxannoo gojii pirojeektii garaagaraa kan qabanii fi kanaan duras qaamuma pirojeektii hidha guddichaa tahuun kan hojjetaa turan Injiiner Kiflee Horroo amma hojii gaggeesaa olaanaa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa tahuun muudamaniiru.
Injiner Kiflee Horroo eenyu?
Injiinerichi ogummaa Qiyyaasuu ykn mahandisummaan bakkeewwan garaagaraa hojjetaa turaniiru.
isaan gurguddoo keessaas pirojektii Gibee I keessatti akkasuma sadarkaa mahaandisummaa irraa jalqabuun hanga itti aanaa hojii gaggeessaatti hojjetaniiru.
Sadarkaa itti aanaa hojii gaggeessatti bara 1999-2004 hojjetaa turaniiru.
Sana booda Waajjira humna Ibsaa Itoophiyaatti daariktera kutaa elektroo mekanikaalii tahuun hojjetaa turan.
Injiiner Kifleen haaluma wal fakkatuun bara 2006-2010tti A.L.Atti pirojeektii Xaanaa Balas irratti hojii gaggeessaa olaanaa tahuun tajaajilaa turan.
Erga pirojektiin hidha haaromsaa guddichaa jalqabees bara 2011 A.L.Atti waggaa tokkoo oliif hojii gaggeessaa olaanaa kutaa elektiroo makaanikaalii pirojektichaa tahuun hojjetaa turan.
Booda yeroo pirojektiin Hidha haaromsaa kun hojii gaggeessaa tokkoon qofa akka gaggeeffamu murtaa'uun Injiiner Simmanyewtti kennamu, Injiiner Kifleen pirojektii Itoophiyaa fi Keeniyaa humna ibsaan walitti hidhu KM 1000 ol dheeratu [Ethiopia-Kenya Inter connection[ jedhamuuf Hojii gaggeessaa tahuun bara 2013-2014tti hojjechaa turan.
Injineer Kifleen boodas hanga bara 2016tti Ofisara Maddeewwan Aannisaa Itoophiyaa [Generation Program Officer] tahuun hojjetaa turaniiru. Akkasumas gorsaa hojii gaggeessaa tahuun erga tajaajilaa turanii gara hojii dhuunfaatti deebi'uun hojjechaa jiru.
Kana booda ammoo hojii gaggeessaa hidha guddichaa tahuun muudamaniiru.
Sadarkaa Barnootaa
Injiiner Kiflee Horroo Wallaggatti dhalatanii guddachuun barnoota kutaa 1-8 mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Mandiitti, akkasumas sadarkaa lammaffaa mana barumsaa Beetel Dambi Doollootti hordofaniiru.
Injiiner Kifleen A.L.A bara 1984tti digirii jalqabaa isaanii Elektirikaal Injiineriingiidhaan Yuunivarsiitii Finfinneerraa eebbifaman.
Injiiner Kifleen ogummaa isaaniin bakkeewwan garaagaraa osoo hojjetaa jiranii bara 1999 leenjii gahumsaa ogummaa dabalataa ji'oota 15'f Jarmanitti argataniiru.
Bara 2015 digirii lammaffaa isaanii [MA] Pirojekti Manaajimentii [Hoggansa Pirojektii] dhaan Ingiliz Saalfoordi Yuunivarsiitiidhaa xumuran.













