Finfinnee: Injinar Simmanyaw Baqqalaa rasaasaan du'uun mirkanaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa Injinar Simmanyaw Baqqalaa addabaabayii Masqalaa magaalaa Finfinnee keessatti rasaasaan du'uun mirkanaa'e.
Injinarichi rasasaan du'uu isaanii poolisiin mirkaneessee jira.
Ofiif of ajjeesan moo namaan ajjeefaman kan jedhu garuu adda hin baane.
Reeffi isaanii magaalaa Finfinnee addabaabayii Masqalaatti konkolaataa isaanii keessatti kan argame yoo ta'u shuguxxiin konkolaataa keessatti waliin argamuu Komishinarri poolisii Federaalaa Jeneraal Zayinuu Jamaal himaniiru.
Poolisiin ganama irraa eegalee bifa saayinsawaa ta'een ragaalee garagaraa funaanee qorataa jiras jedhaniiru.
Bakka reeffi itti argametti kan argaman ogeessi kominikeeshinii mana maree hidha haaromsaa Obbo Hayiluu Abrahaam poolisiin qorannaa gaggeessaa jiraachuu himaniiru.

Konkolaata 'Land Cruiser' lakkoofsa gabatee ET A29722 qabu keessatti kan du'anii argaman.
Reeffi isaanii qorannoof gara hospitaalaa Qidduus Phaawuloos kan geeffame yoo ta'u kutaa qorannoo summii fi reeffaa keessatti qorannoon taasifamaafi jira.
Reeffa isaaniis komishinii poolisii federaala fi komishinii poolisii magaalaa Finfinneetu gara hospitaalaa geesse.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabni Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) ibsa du'a injinara hidha haaromsaa itti dhagahame ibseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Daawwannaaf gara Ameerikaa kan imalan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gadda itti dhagahame ibsuu, hogganaan waajjirasaanii Obbo Fitsum Araggaa ibsaniiru.

Namoonni hedduun wayita ammaa addabaabayii Masqalaatti walitti qabamanii gadda isaanii ibsataa jiru.


BBC'n guyyaa kaleessaa bilbilaan isaan dubbisee ture.
MM Abiy Ahimad "haala amma jiruun yoo itti fufe hidha haaromsaa wagga 10 keessattiyyuu hin xumurru" jechuu irratti yaada kennaniin "waan MM jedhan quba hin qabu, hojiin ijaarsa hidha haaromsaa garuu haala gaariirra jira" jedhanii ture.
Eebla bara 2011 wayita hojii ijaarsa hidha kanaa eegaluu kaasee hanga lubbuun isaanii darbuutti ijaarsaa kana hogganaa turan.
Osoo ijaarsi hidha haaromsaa hin eegaliin dura pirojektii Gilgal Gibee 3ffaa hogganaa turan.
Odeessa kana hordofnee isin biraan geenya.












