Waa'ee du'a Injinar Simmanyaw hanga ammaatti waan beeknu

Madda suuraa, Getty Images
Ganama har'aa magaalaa Finfinnee Addababayii Masqalaatti makiinaa isaanii keessatti du'anii kan argaman Hoogganaan Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Injinar Simmanyaw Baqqala, erga du'i isaanii dhagahamee as odeeffannoowwan adda baafanne kudhan akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
- Hogganaa Olaanaan Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Injinar Simmanyoo Baqqala magaalaa Finfinnee Addababayii Masqalaatti konkolaataa isaanii keessatti du'anii argaman.
- Injinar Simmanyoon teessoo konkolaachisaarra jaakkeettii diimaa fi keeppii uffatanii cinaatti kufanii konkolaataa keessatti reeffisaanii argameera.
- Konkolaataan Injinar Simmanyoon keessatti du'anii argaman Laandi Kiruuzar V8 code 3 kan lakkoobsi gabateesaa ET A29722 ta'edha.
- Konkolaataan Addababayii Masqalaa turte kan Injinar Simmanyoon keessatti du'anii argaman fuula gara Mana Sagadaa Isxifaanoositti naanneffatee sirnaan kan dhaabbatee fi mootorrisaa utuu hin dhaamin yeroo dheeraaf ture.
- Foddaan konkolaataa karaa mirgaan xiqqoo cabee mul'ata ,balballi konkolaatichaa cufamee waan tureef poolisoonni cabsanii akka banan beekameera.
- Ganama naannoo sa'atii 5:40tti reeffisaanii gara Hospitaala Phaawuloos kutaa qorannoo summaa'inaa fi reeffaa galfame.
- Miseensonni poolisii konkolaataa Injinar Simmanyoon keessa turan konkolaachisaa fuudhanii deeman.
- Erga konkolaataan bakka turee socho'ee cobi dhiigaa fi golgaan harkaa poolisoonni qorannoof itti fayyadamaa turan mul'ateera.
- Du'uu Injinar Simmanyoo hordofee jiraattonni magaalaa Finfinnee waajjira Televiziyoona Itoophiyaa fuulduratti hiriira ba'uun mormii dhageessisaniiru.
- Komishinarri Poolisii Federaalaa Zayinuu Jamaal reeffa Injinar Simmanyoo biratti shugguxiin argamuu fi shugguxii sanaan du'uusaanii ibsaniiru.
- Kaleessa ganama sa'aatii sadii irratti gaazexeessitoota gara bakka ijaarsa hidha haaromsaatti imalaniif ibsa kennuuf sagantaa qabu ture.
Injinar Simmanyoo Baqqalee utuu lubbuunsaanii hin darbin guyyaa tokko dura BBC waliin turtii taasisaniiru.
Maxxansa Facebook irra dabri
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook








